Sa'udin dabalataan lammiilee Itoophiyaa shan du'aan adabde

Wadaroo fannifame
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Akeekkachiisa: Qabiyyeen oduu kanaa miira keessan jeequu mala.

Sa'udi Arabiyaan dabalataan lammiilee Itoophiyaa shan bakka Asir jedhamutti du'aan adabuu beeksiste.

Ministeerri Dhimma Biyya Keessaa Sa'udi Arabiyaa akka beeksisetti, lammiileen kunneen guyyaa Wiixataa du'aan adabamani.

Ministeerri Biyya Keessaa Sa'udi ibsa baaseen maqaa lammiilee du'aan adabamanii tarresseera.

Maatiin namoota ajjeefamanii sirriitti dhagahuun isaanii waan hin baramneef BBC'n maqaa isaanii eeruu hin dandeenye.

Sa'udiin jalqaba baatii Adoolessa keessas lammiilee Itoophiyaa lama, baatii Waxabajjii keessas lammiilee afur fannisuun du'aan adabdee turte.

Akka ibsa bahetti taanaan, lammiileen kuni qoricha sammuu hadoochu yookiin hashiishii karaa daangaa yeroo seensisan qabaman.

Murtiin du'aa tibbanaa lammiilee yeroo dhihootti duuni itti murtaa'e 17'n gaheera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ministeerichi ibsa baasen lammiileen Itoophiyaa qorannoo taasifame jedheen ''yakkamaa'' akka ta'an irra gahamu hime.

Lammiileen kuni murteen du'aa kan irratti darbe ''miidhaa qoricha [sammuu hadoochurraa] lammiileefi jiraattota tiksuufi'' jedheera.

Ji'oota muraasa darban maatiin lammiilee, dhaabbileen mirgaafi qaamoleen garagaraa yaaddoo ibsatanis Sa'udin lammiilee du'aan adabuu itti fufteetti.

Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibsa torban lama dura baasen Sa'udi Arabiyaa keessatti lammiilee Itoophiyaa ''adeemsa seeraa [jala] jiraniifi murteen irratti darbe'' ilaalchisuun aangawoota biyyattii dhimmichi isaan ''ilaallatu waliin itti dhiheenyaan mari'achaa'' akka jiru beeksisee ture.

Murtee aangawoota Sa'udi tibbanaa irratti ammatti gama mootummaa Itoophiyaa wanti jedhame hin jiru.

Sa'udi Arabiyaan ji'oota jahan darban Amajjii hanga Waxabajjii jiru keessatti lammiilee Itoophiyaa torba du'aan adabuu gartuun mirga namoomaaf falmu Aminastii Intarnaashinaal kana dura ibseera.

Mana hidhaa Hamis Mushaayit jedhamutti qofa yoo xiqqaate lammiileen Itoophiyaa 63 ta'an murteen du'aa itti muramee akka eeggataa jiran dhaabbileen idil-addunyaa mirga namoomaaf falman Aminastiifi Humaan Raayitis Waach kana dura ibsaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibsa ALI Adoolessa 06, 2018 baaseen ''mootummaan Itoophiyaa nageenya lammiilee ala jiran, eegumsaafi deeggarsa qonsilaaf bakka guddaa akka kennu'' ibseera.

Dabalataanis, embasii Riyaad keessa jiruufi qontsilaa Jiddaa jiruun ''lammiilee Itoophiyaa haalli rakkisaa isaan quunname [tarkaanfiin] namummaa giddugala'' godhate akka fudhatamu carraaqqii itti fufuu ibseera.

Dabalataanis, lammiileen Itoophiyaa furmaata akka argatan aangawoota Sa'udi waliin ''marii ijaaraa'' adeemsisaa akka jiru ibseera.

Akka ministeerichi ibsetti, yaalii taasiseen Sa'udii keessattii lammiileen murteen itti darbe 1,971 dhiifama mootii akka argatan dandeessiseera.

Lammiileen Itoophiyaa lammiilee murteen du'aa irratti darbe bira turan murteen du'aa yeroo raawwatamu dhiphina keessa seenuu isaanii kana dura BBC'f dubbataniiru.

Lammiileen Itoophiyaa adeemsi murtee du'aatti isaan geesse ''karaa seeraa isa sirrii hin hordofne'' jechuun himatu.

Humaan Raayis Waachinis ibsa Ebla keessa baase irratti dhimma kana eereera.