Dubartoonni Itoophiyaa %55 haadha warraa reebuuf sababii 'gahaan' jira jedhanii amanu

Dubartoota gabaa keessa jiran

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Itoophiyaatti dubartoonni dhibbeentaa 50 ol abbaan warraa haadha warraa reebuuf sababa gahaa qabaachuu danda'a jedhanii akka amanan qorannoon Tajaajila Istaastiksii Itoophiyaa mul'ise.

Haadha warraa ofii reebuuf sababni gahaan jira jedhanii dhiiroti yaadan lakkoofsi isaanii kan dubartootaan gadi tahullee isa kanaan dura turerraa garuu harka 11 dabaleera.

Lakkoofsi kuni kan ifa bahe qoarnnoo uummataa bal'aa Tajaajilli Istaatistiksii Itoophiyaa dalageeni. Adoolessa 2018 A.L.I qorannoo marsaa duraa ifa taheen namoonni kuma 30 tahan irratti hirmaataniiru.

Ministeera Fayyaa, Misoomaafi Karooraa akkasumas waajiraaleen UN qorannoo kanarratti hirmaataniiru. Qorannoon abbaa fuula 767 haala hojiifi barnootaa lammiilee, bishaa dhugaatii, tajaajila qulqullinaafi dhiyeessiin mana jireenyaa sadarkaa maalirra akka jiran qorateera.

Haleellaan mana keessaa dubartootarra gahu dhimma qorannoo kana keessatti dabaalame dha. Dubartoonnifi dhiiroti qorannoo kanarratti hirmaatan niitii reebuu irratti ilaalcha qaban akka ibsan gaafatamaniiru.

Qorattoonni haalota shan tarreessuun haadha warraa reebuuf sababii gahaa dha? jechuun gaafataniiru. Sababiin niitii reebsisaa jedhamuun dhiyaate ammoo nyaata gubuu, walfalmuu, abbaa warraa osoo hin beeksisiin manaa bahuu, waa'ee ijoollee dagachuufi saal-quunnamtii dhorkuu fa'a dha.

Sababiiwwan kunneen keessaa yoo xiqqaate tokko ''haati warraa akka reebamtu sababii gahaa dha?'' jedhamuun dubartoota gaafataman keessaa dhibbeentaan 55 ''eeyyee'' deebii jedhu kennaniiru. Akka gabaasni agarsiisutti ilaalcha akkasii dhiiroti qaban harka 39 dha.

Dhiiroti deebii kennan baayyeen haadha warraa reebuun ''sirrii'' kan tahu ''yoo ijoollee qabachuu dagatan qofa'' jedhanii amanu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gabaasa kanaan lakkoofsi dubartootaa sababa gahaan dubartiin reebamuu qabdi jedhanii amanan kan dhiirotaa caalus isa kanaan dura turerraa garuu hir'iseera.

Tajaajilli Istaatistiksii waggaa 10 dura yeroo qorannoo wal fakkaataa geggeese ilaalchi kuni dhibbeentaa 63 ture. Waggaa 25 dura ammoo dhibbeentaa 85 ture. ''Yeroo keessa hir'isaa akka dhufe'' qorannoon kuni mul'isa.

Faallaa kanaa ammoo lakkoofsi dhiirota ilaalcha akkasii qaban dhibbeentaa 11n dabaleera. Waggaa kudhan dura haadha warraa sababa 'gahaan' reebuun 'sirrii dha' jedhanii dhiiroti amanan dhibbeentaa 28 turan.

Hoggantuun dhaabbata mirga dubartootaaf falmu 'Seetaawwiit' Dr Sihiin Tafarraa lakkoofsi dubartoota sababiin gahaan yoo jiraate reebamuun 'sirrii dha' jedhanii amanan kan dhiiraa caaluun isaan hin amansiisu.

Haadholiin warraa yeroo baayyee kan reebaman abbaa warraatiin tahuu eeru Dr Sihiin. ''Yeroo baayyee dhiiroti yeroo gaafataman niitii dhaanuun sirrii dha jedhan hin deebisan'' jechuun, dhiirri haala kanaan niitiisaa reebuun sirrii miti jedhee amana taanaa, kan haadha warraa reebu eenyuree?'' jechuunis gaafatu.

Tajaajila Istaatistiiksii Itoophiyaa qorannoo taasise kanaan dubartoota dhirsa ykn jaalallee qabaatanii beekan keessaa harki 30 haleellaa qaamaa, saal-quunnamtii, miiraa irra gahee beeka.

Dubartoota miidhaman keessa harki 58 gargaarsa argachuuf hin gaafanne ykn waan irra gahe hin dubbanne.

Akka Dr Sihiin jedhanitti dubartoonni miidhaan mana keessatti irra gahu 'sirrii dha' jedhanii akka amanan sababiin isaan taasisu baayyee tahuu himu.

Dubartootni umrii malee heerumaaf kennamuu, maatii isaaniirraa reebicha akka waan sirriitti argaa guddachuu akkasumas diinagdeedhaan hirkattoota tahuu akka fakkeenyaatti kaasu.

Naannoo tokko tokkotti reebicha dabalatee miidhaan qaamaafi qalbiirra gahu akka miidhaatti ykn haleellaatti akka hin ilaalamne Dr Sihiin ni himu.

Qorannoon kuni ''barumsaafi galiin maatii yeroo dabalu faarri reebicha dubartii akka sirrii tahetti fudhachuu ni hir'ata'' jedha.

Dubartoota barnoota idilee hin arganne keessaa harki 63 haadha warraa reebuuf sababiin gahaa jira jedhanii amanu. Dubartoota barnoota sadarkaa lammaffaa ol argatan keessaa yaada wal-fakkaata kan qaban dhibbeentaa 29 qofa akka tahe qorannoon kuni ni mul'isa.

Dubartoota magaala jiraatanirra kanneen baadiyyaa jiraatan dubartoonni dhirsi reebichi raawwatu 'sirrii dha' jedhee amana.

Naannolee qorannoon keessatti taasifame keessaa haadha warraa reebuun 'sirrii dha' jedhanii dubartoonni amanan lakkoosi guddaan kan galmaa'e Naannoo Sidaamaa dhaa.

Dubartoonni harka 74 dhimma kan kan fudhatan yoo tahu, Naannoo Kibba Baha Itoophiyaa dhibbeentaa 71 sadarakaa lammaffaa irra jira. Dubartoonni Naannoo Somaalii ammoo dhibbeentaa 23'n ilaalcha kana qabaachuun lakkoofsa isa xiqqaa galmeesseera.

Haleellaa mana keessaa sababiin sirrii taasisu jira jedhanii namoota amanan geeddaruuf humna diinagdee dubartootaa jabeessuuf tarkaanfiin fudhatamuu akka qabus akka furmaataatti kaa'ameera.

Tarkaanfiiwwan hubannoo uumuu babal'isuu, tajaajila seeraa, fayyaafi deeggarsa xiinsammuu dubartoota miidhaan irra gahuuf kennuu akka yaada qorsaatti gabaasichi dhiyeesseea.