US hanqinni meeshaalee waraanaa mudannaan Iraan haleeluu dhaabdee?

Suuraa misaa'elootaa namni teessumarra toora naqaa jiru
    • Barreessaa, Bernd Debusmann Jr
    • Gahee, Rippoortara Waayit Haawus
  • Maxxanfame
  • Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp jalqaba Adoolessaa wayita Kora Ittisaa fi Kalaqaa Peensalveeniyaa irratti hoogganoota kampaniiwwan meeshaalee waraanaa oomishanii duratti ba'u sammuusaa keessa wanti ture ifa: meeshaalee waraanaa heddumminaa fi saffisaan akka oomishan.

''Meeshaalee waraanaa addunyaarratti qulqullinaan dorgomaa hin qabne qabna,'' jechuun oomishtoota meeshaa waraanaa Kolleejii Oomisha Meeshaalee Waraanaa US keessatti walitti qabamanitti dubbate Tiraamp.

Ministirri Ittisaa US Piit Heegseet harkaa fuuchuun ''garuu saffisa xiqqoo dabaluu qabna,'' jedhe.

Bulchiinsi Tiraamp korri sun indastirii meeshaalee waraanaa Ameerikaa haaressuu fi dandeettii waraanaa biyyattii gabbisuuf bu'uura ta'uu abdata.

Garuu waraana Iraan eegalanii guyyoota jalqabaa 40 ta'an keessatti duula maqaa Operation Epic Fury jedhamuun gaggeessan fi ergasiis haleellaa darbee darbee mudatu irratti meeshaaleen waraanaa akkaan ammayyaawoo ta'an, kan warri Ameerikaa fayyadaman, hedduunsaanii waa'eensaanii bal'inaan hin dubbatamne.

US hanga yoonaatti waraanni kun doolaara biiliyoona 37.5 baasisuu ibsite, baasii hedduun meeshaalee waraanaaf kan ba'edha.

Ebla 8 wayita waliigalteen dhukaasa dhaabuu labsamu US qiyyaafannoowwan Iraan kuma 13 caalan haleeluu Waayit Haawus ibsee ture.

Akkasumas yeroo walfakkaataatti humi ittisaa Ameerikaa misaa'elootaa fi dirooniiwwan Iraan 1,700 caalan qolachuu ibse.

Amma US marii nagaaf karaa banuuf jecha haleellaa Iraan irraa dhaabuu ibsiteetti.

Gabaasi New York Times haleellaan kun kuufama meeshaalee waraanaa Ameerikaa daran haphisaa waan jiruuf Tiraamp karoora Iraan haleeluu akka dhaabu gorfamuu mul'iseera.

Garuu Wiixata, Adoolessa 27,2026 Tiraamp hanqinni mudachuu haaleera.

''Addunyaarratti biyya kamuu caalaa meeshaalee waraanaa qabna, kan nu barbaachisuun oli,'' jechuun Wall Street Journal'tti hime Tiraamp.

Piit Heegset seeneetiitti dhihaachuun wayita bajata dabalataa gaafatu

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Piit Heegset misaa'eloota dhukaafaman bakka buusuuf maallaqa dabalataa gaafateera
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhimmi meeshaaleen waraanaan walqabatu bulchiinsa US keessatti mata duree rifaatuu fi mufannaa uumaa jiruudha.

Ji'a darbe dhimma kanarratti gaaffiidhaan kan muddame Ministirri Ittisaa biyyattii Piit Heegset, hanqinni meeshaalee waraanaa Ameerikaa mudachaa jiraachuu haaleera.

Ammoo ergasii ejjennoonsaa battaluma jijjiirame. Torbee darbe dameen waraanaa ammatti doolaara biiliyoona 87 akka barbaadu gaaffii Seenetiif dhiheessee ture.

Kunis meeshaalee waraanaa dabalatee ''hanqina akkaan yaaddessaa biyyattii mudate,'' guutuuf akka ta'e eere.

US meeshaalee waraanaa hangam akka fayyadamtee fi hangamtu akka ishee hafe ilaalchisee odeeffannoon jiru iccitii guddaan kan qabamedha.

Ammoo ragaa giddugalli istiraateejii fi qorannoo idiladdunyaa- Center for Strategic and International Studies (CSIS) jedhamu kan Waashigtan DC jiru baaseen biyyattiin meeshaalee waraanaa gati jabeeyyii kan yeroo gabaabaa keessatti bakka buusuu hin dandeenye hedduu dhabdeetti.

Jaarmiyaa kanatti gorsaa gameessa kan ta'e Maark Kaansiyaan ''misaa'ela tokko bakka buusuuf waggaa tokkoo hanga shanii itti fudhata- garuu gosa misaa'ela sanaarratti hundaa'a. Ammoo waan feete yoo goote hojii kana ariifachiisuu hin dandeessu,'' jedhe.

Garuu dhugumatti US meeshaalee waraanaa ishee of harkaa fixxee galma waraanaa fi dirqama ishee ba'achuuf qoramaa jirtii?

Haphachuu meeshaalee waraanaa US

Karaalee ijoon lama US meeshaalee waraanaa ishee fayyadamaa turte sirna haleellaa lafoo fageenya dheeraa irratti taasifamuu fi sirna ittisaa haleellaa qilleensaa fi misaa'elaa Iraan irraa raawwatamuuti.

US haleellaa lafoos gara caalu kan fayyadamte misaa'ela Tomahawk-Tomahawk Land Attack Missile - or TLAM jedhamu.

Dooniiwwan waraanaa galaanarraa fi galana jala buufatan irraa fageenya kiilomeetira 1,600 irratti haleellaa raawwachaa ture.

CSIS akka ibsetti Ameerikaan waraana Iraan irratti misaa'eloota kunneen 1000 caalaa fayyadamteetti.

Kunis hanga bara 2031tti bakkatti hin deebi'u jedha.

Akka ragaa jaamiyaa kanaatti misaa'elli gosa TLAM tokkoonsaa doolaara miiliyoona 2.6.

Sirni ittisa qilleensaa US daran fayyadamaa turte ammoo Patriot kan jedhamuudha.

Misaa'ela lafarraa dhuka'u yoo ta'u haleellaa xiyyaaraa fi misaa'elaan raawwatamu qolachuurratti kan xiyyeeffatudha.

Ragaan CSIS akka mul'isutti Ameerikaan meeshaalee waraanaa kana kan waraana dura qabdu 2,330 keessaa 1,430 fayyadamteetti.

Tokkoonsaa doolaara miiliyoona afur yoo ta'u Ameerikaan meeshaalee waraanaa akkaan qaalii ta'an kanaan dirooniiwwan Iraan tokkoonsaanii doolaara kuma 20 hanga kuma 50 hin caalle rukutaa turte.

Meeshaa kana bakka buusuun ni ulfaata. ''Misaa'ela tokko oomishuun waggoota fudhata. Har'a osoo bajata ramaddee waggaa sadi ykn afur booda misaa'ela tokko oomishtee baasta. Yeroo garii hanga waggaa shanii fudhata,'' jedhe Kaansiyaan.

''Kan amma qaban misaa'ela bara 2023 hojjetamuu eegaledha.''

Meeshaan akkaan ammayyaawaa fi haaraan US waraana Iraan irratti fayyadamte kan biraan Terminal High Altitude Area Defense-THAAD kan jedhamuudha.

Sirni ittisaa kun ammoo kan Patriot caalaa fageenya dheeraa fi ol ka'iinsa guddaa irratti misaa'eloota qolachuu danda'a.

CSIS waraana dura US meeshaa kana 360 akka qabduu fi waraana kanarratti 190 hanga 290 fayyadamuu ibse. Kun hanqinni meeshaa waraanaa kanaa Ameerikaa mudataa jiraachuu sirriitti mul'isa.

Addunyaarratti baatiriin THAAD hojiirra jiran sagal, kana keessaa torba kan Ameerikaati.

Kanaafuu yoo Ameerikaan oppireeshinii waraanaa itti fufte rakkoo guddaatu ishe emudata jechuudha.

Yoo meeshaan waraanaa kun harkaa haphate humni waraanaa US sirna ittisa misaa'eloota baalistikii akkaan murteessaa ta'e dhabu jechuudha.

Misaa'eloonni baalistikii Raashiyaa, Chaayinaa fi Kooriyaa Kaabaa irraa yoo dhukaafaman kan ni ittisa jedhamee abdatamu meeshaa kana.

Tiraamp fi qondaalonni US kaan maal jedhu?

Tomahawk doonii waraanaa US irraa wayita dhukaafamu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Tomahawk dabalalatee dhiheessiin misaa'elaa US haphateera

Ameerikaan ji'atti misaa'eloota 60 hanga 65 oomishti ykn waggaatti 700 hanga 800 oomishti.

Wayita duulli waraanaa Operation Epic Fury jedhamu eegalamu misaa'eloota 800 caalan dhukaaste.

US hanqinni meeshaalee waraanaa ishee mudachaa jiraachuun kan ishee hin yaaddessineef waan kuusaan meeshaa waraanaa ishee hir'achuu dhabeef qofa miti, ga'umsi Iraan irra jirtus waan qormaata itti hin taaneef ta'uu danda'a.

Dubbi himtuun Waayit Haawus Anna Kelly ibsa BBC'f ergiteen ''US meeshaalee waraanaa ga'aa qabdi, kuufamni jiru galma Pirezidant Tiraamp milkeessuu danda'a. Kan dubbii US dhufe ammoo Operation Epic Fury irraa barachuu danda'a,'' jette.

Haleellaan dhiheenya US gaggeessaa turte humna Iraan naannawa Ulaa Hormuuzitti dhiibbaa uumuuf qabu laaffisuu irratti kan xiyyeeffatedha.

Kuufamni meeshaalee waraanaa Iraanis haphateera

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kuufamni meeshaalee waraanaa Iraanis haphateera

US fi Iraan irra deddeebiin misaa'elaan erga wal haleelanii booda kisaaraan waraanaa kan Iraan akka kan Ameerikaa caalu xiinxaltoonni ni himu.

Biyyattiin kisaaraa meeshaalee waraanaa ishee mudate yeroo gabaabaa keessatti sadarkaa bakka buufachuu dandeessurra hin jirtu.

Daarektara jaarmiyaa United Against Nuclear Iran jedhamuu kan ta'e Jeeson Biroodiskii ''yaadonni hedduun kennamaa jiran hanqinni meeshaalee waraanaa Iraan akka mudateedha,'' jedhe.

''Hanqinni achis akka jiru amanuu qabna natti fakkaata. Ameerikaan indastirii oomisha meeshaalee waraanaa Iraan guddoo miite.''

Amma dandeettiin Iraan misaa'eloota, dirooniiwwan fi meeshaalee waraanaa kaan oomishuuf qabdu akka duraa miti, baayyee hir'ateera jedha.