BBC News, Afaan Oromoo - Oduu
Oduu
Obasaanjoon himannaa TPLF federaalaaf loogu jedhu waakkatan
Pirezidantiin duraanii Naayijeeriyaa Olusegun Obasaanjo himannaa dhaabni TPLF Kaaba Itoophiyaatti walitti bu'iinsi akka hin dhalanne walaba ta'anii sosso'aa hin jiran jedhee himate waakkatan.
Yunivarsiitiiwwan Tigraay keessaa 'hidhattoonni' yoo bahan malee barataa hin ramadnu - Ministeera Barnootaa
Yunivarsiitiiwwan afur Naannoo Tigraay keessatti argaman dallaa isaanii ''sochii waraanaa kamirraayyuu bilisa'' akka godhan Ministeerri Barnootaa akeekkachiise.
KALLATTIIN, Aangawaan US Pirezidant Shimallis waliin 'dhimma nageenyaa' mari'atan
Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaatti Hogganaan Itti aanaa Dhimmoota Afrikaa Firaank Gaarsiyaa nageenyi carraa invastimantii banuuf waan ijoo barbaachisudha jedhan.
Chaayinaan dhimma Abbayyaafi Galaana Diimaa irratti ejjennoo Masrii agarsiisuun Itoophiyaaf maali?
Pireezidantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing biyyi isaanii hariiroo dippiloomaasii Masrii wajjin eegalte waggaa 70ffaa sababeeffachuun torbee kana Kaayirootti imalanii ture.
Walakkaa jaarraaf aartiin qabsaa'aa kan turte Artist Ilfinash Qannoo boqotte
Artist Ilfinesh Qannoo har'a ganama du'aan addunyaa kanarraa boqochuu ishee maatiin BBC'f mirkaneessan.
Ameerikatti xiyyaarri daandii balaliin ala qubachuun namoonni 5 du'an
Xiyyaarri fe'umsaa Amaazoon jedhamu buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Maayamii Filooriidaatti osoo qubachuuf jiruu daandii balalii irraa maquun yoo xiqqaate namoonni shan du'anii shan biroo ammoo miidhamaniiru.
Volkaanoon Indooneezhiyaatti mudate balalii imaltoota 170,000 danqe
Voolkaanoon Indooneezhiyaatti mudateen qondaaloti biyyattii buufataaleen daandii qilleensaa saddeet yeroof hojii akka dhaaban ajajuun booda imaltoonni 170,000 danqamanii jiru.
Hanqinni dhiyeessii aannanii Keeniyaatti muufii uume akkamiin mudate?
Lammiilee Keeniyaa hedduuf cireen aannan malee dhiyaate akkuma biddeen ittoo malee dhiyaateti. Kanaaf cireen aannan hinqabne ciree guutuu miti jedhu.
Biyyoonni Arabaa fi Islaamaa Saddeet tarkaanfii Israa'el Yerusaalemitti fudhatte balaaleffatan
Biyyoonni Arabaa fi Islaamaa saddeet yaada Filisxeemota Gaazaa keessa buqqisuu balaaleffachuun ibsa baasan
Masriitti gaazexeessituu tokkoofi namoonni 11 himannaa dawaa sammuu hadoochuun du'aan adabaman
Dhiyeessituun qophii TV Masrii Saaraah Kaliifaa fi namoonni 11 biroo himanna qoricha sammuu hadoochuun balleessaan jedhamuun booda adabbii du'aan fannifamanii akka ajjeefaman murtaa'e.
Ameerikaa fi Iraan naannoo Ulaa Hormuzitti dhukaasa walitti banan
Ameerikaa fi Iraan Sanbata kaleessaa dooniiwwan Galoo Galaana Pershiyaa keessa socho'an irratti haleellaa raawwachuu isaanii beeksisan
Wal argaan Instagram BBC Afaan Oromoo!
Waan gurra itti qeensitan miidhagsinee ijaafi gurra isin buusna.
BBC Afaan Oromoo TikTokiin dhufe, hordofaa
Odeessa bakka biraatti hin arganne, hawwatoofi isin maalalchiisan argachuuf nama jalqabaa ta’aa
YouTube BBC Afaan Oromoo
Viidiyoo, Biyyoota jaha keessatti 'hanna qaama saalaan' namootni 80 ta'an ajjeefaman
''Qaamni saalaa dhabamuu'' maqaa jedhuun odeeffannoon garmalee tamsa'aa ture lubbuu namoota hedduu gaaga'e.
Viidiyoo, Eebbisaan ajjeefamuun akkamiin jireenya maatiisaa miidhe?
Weellisaa Eebbisaa waggaa 30 dura erga ajjeefamee hanga yoonaa haqi isaa hin baane jechuun harmeensaa himatu.
Viidiyoo, Qorichi qaama furdisuuf fudhatamu umurii gabaabsa - Qorannoo
Qorannoon bara kana bahe tokko dorgommii boca qaamaatiif kanneen qorichaan qaama isaanii furdisan miidhaawaan adda addaaf saaxilamaa jiraachuu ifa godhe.
Viidiyoo, 'Teessoon Oromiyaa Finfinneerraa Adaamaatti jijjiiramuu hordofee fayyaakoo dhabee'
Sochii barattootaa tureen bara 1996 reebicha humnoota mootummaan irratti raawwatamee hedduu miidhamuu dubbatu.
Viidiyoo, Dorgommii maarshaal aartii Itoophiyaatti daawwachuuf Birrii 100,000 kaffalchiisu
Qindeesitoonni dorgommii kanaa dorgommiin kuni xiyyeeffannaa akka argatuufi akka beekamuuf miidiyaan hawaasummaa dadammaqiinsa gaarii uumeera jedhu.
Viidiyoo, Dhimmi 'garee Maafiyaa 120 Ambootti ummata dararu' eessa gahe?
Waa'een miseensota garee 'Wanbadee ykn maafiyaa 120' jedhamanii miidiyaa hawaasummaa gubbaa ijoo dubbii ta'ee ture.
Viidiyoo, Kilabiin Primeer Liigii waancaa mo'achuuf tilmaama argate kami?
Morkiin Piriimiyeer Liigiin bara 2026/27 eegaleera.
YouTube BBC Afaan Oromootti makamaa
Maaltu haasa'ama?
Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa angawaa olaanaa US waliin maal mari'atan?
Gaanfa Afrikaatti walitti bu'iinsi akka hin jiraanne Itoophiyaan sochii akka cimsitu aangawaan olaanaa Yunaayitid Isteet gorsan.
Sagalee, Oduu BBC Afaan Oromoo
20:49 EAT - 21:04 EAT
MM Abiy torban sadii booda ummatatti mul'atan
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad erga fuula ummataarraa badanii torban sadii booda mul'atan.
US AGOA hanga 2028tti dheeressite, Itoophiyaan itti deebitii?
Kongireesiin Ameerikaa sagantaa daldalaa qaraxa irraa bilisaa AGOA hanga Muddee 31, 2028tti akka itti fufu murteesseera.
Sa'udiitti ajjeechaa garee godaantota Itoophiyaan walqabatee '100 ol to'ataman'
Godaantonni Itoophiyaa gammoojjii Sa'udi Arabiyaa keessatti gareen wal ijaaranii nama ajjeesan to'atamaa akka jiran Embasiin Itoophiyaa Riyaaditti argamu beeksise.
Itoophiyaatti dhibeen busaa qoricha dandamatu "haala yaaddessaa ta'een babal'ataa" dhufe - Qorannoo
Qorannoon haaraa bahe gosti dhibee busaa Itoophiyaa keessatti dhalate baayyeen isaa kan qoricha dandamatu ta'uu akeekkachiise.
Biyyoonni lixaa tattaaffii marii AUn Kaaba Itoophiyaatti taasisu akka tumsan ibsan
Biyyootni miseensa gamtaa Awurooppaa 22 akkasumas imbaasiiwwan UK, Noorweeyii fi Kaanaadaa, jaarsummaa mootummaa Federaalaa Itoophiyaa fi Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraayi (TPLF) gidduutti Gamtaan Afrikaa (AU) taasisaa jiru akka deeggaran ibsan.
Oduufi xiinxalli kallattiin akka isin bira gahuuf Chaanaalii WhatsApp BBC hordofaa
Amma karaa kanaan Oduuwwan Ammee ijoo, xiinxalaa fi odeessaalee adda addaa karaa BBC News Afaan Oromootiin kallattiidhaan WhatsApp keessan irratti argachuu dandeessu.
Obasaanjoo fi Hoogganaa TPLF Dabratsiyoon gidduutti maaltu mudate?
Waliigaltee Piriitooriyaa irratti mariisistoota keessaa tokko kan turan pirezidantiin duraanii Naayijeeriyaa Oluseegun Obasaanjoo Wiixata kaleessaa ''daawwannaa tasaa'' gara Tigraayitti taasisuu bulchiinsi naannochaa TPLFn hoogganamu ibse.
Bulchaan aanaa Dagam 'hidhattoota WBO'n' ajjeefaman eenyu?
Shawaa Kaabaatti Bulchaa aanaa Dagam kan tahan Obbo Tafarraa Dasee dilbata kaleessaa waaree booda ajjeefame.
'Ministirri Dhimma Alaa duraanii Itoophiyaa Obbo Gadduun hojii paarkingiitti gammadanii jiraatu'
Tibba kana pirezidantii mootummaa naannoo Amaaraa kan turaniifi Ministirri Dhimma Alaa duraanii Itoophiyaa Obbo Gadduu Andaargaachoo biyya Ameerikaatti wayita hojii paarkingii (konkolaataa toora qabsiisuun dhaabsisuu) hojjetan mul'isu miidiyaa hawaasaarratti qoodame ijoo dubbii ta'eera.
Itoophiyaan lageen biyyasheerratti hidha akka ijaartu ibsuu, Masiiriin komii dhiyeeffachuu itti fufaniiru
Itoophiyaan lageen biyyashee, kanneen gara Abbaayitti yaa'an dabalatee, madda anniisaa elektirikiif akkasumas misooma biyyaaf itti fayyadamuu akka dandeessu wayita ibsitu, Masiriin komii dhiheessiteetti.
Ispoortii
Jijjiirraa taphattoota baranaa baayyee qaalii ta'an 20
Kilabooonni Piriimer Liigii bara kana jijjiirraa taphattootaaf baasii seenaa keessatti rikkardii ta'e baasaniiru. Walumaagalatti jijjiirraa ganna baranaa kanaan Paawondii Biuliyoona 3.5 baasaniiru.
Meesii: 'Gaggeessuu hin danda'u' jedhamuu irraa hanga olaantummaa ajaa'ibaa galmeessuutti
Meesii:- 'Gaggeessuu hin danda'u' jedhamuu irraa hanga olaantummaa ajaa'ibaa galmeessuutti
Jijjiirraan taphattootaa cufamuu dura waan beekuu qabdan
Jijjiirraan taphattootaa Waxabajjii 15 eegale halkan kana xumuramuu dura kilaboonni Piriimer Liigii hedduun ammallee taphataa iji isaanii irra bu'e adamsaa jiru.
Gooliin kubbaa Maguwaayer 'harkaan tuqe' irraa argame maaliif hin haqamne?
Taateen wal xaxaan taphataan kubbaa harkaan tuquun uumamu yeroo mara osoo hin taane darbee darbee waan mudatuudha.Taateen sun Dilbata galgala Oldi Tiraaforditti mudateera.
Ispoortessitoonni ijaarsa qaamaa (body builders) maaliif dargaggummaatti du'u?
Lammiin Biraaziil Mayilsan Arawujoo Ji'a Adoolessaa darbe boca qaamaa isaa mana jiimii keessatti suura ka'ee maxxanse. Ogeessa ijaarsa qaamaa Piroofeeshinaalaa fi hordoftoota Kumaatamaan lakkaa'aman akka argatu kan isa godhe ijaarsa qaama isaa kana.
Arsenaal, Maanchister Siitii fi Liiverpuul Shaampiyoonsi Liigii keessatti kileba kam morkatu?
Ramaddii Shaampiyoonsi Liigii baheen kileboonni Ingilizii MaanchisterSiitii fi Astoon Viilaan shaampiyoona akan ture PSG morkatu.
Itoophiyaan Waancaa Afrikaa bara 2028 qopheessuuf iyyata galfatte
Itoophiyaan waancaa Afrikaa (Afcon) 2028 qopheessuuf iyyata galfatte. Federeeshiniin kubbaa miilaa Itoophiyaa (EFF) pirooppoozaaliin mootummaan biyyattii deeggaruun dhiyaate "biyyattiin taatee guddicha kubbaa miilaa ardichaa ta'e kana qopheessuuf qophii guutuu qabdi."
Dorgommiiwwan daawwachuuf hanga birrii kuma 100 kaffalchiisan akkamiin xiyyeeffannaa namootaa ta'an?
Itoophiyaatti dorgommiiwwan Marshaal Aartii haaraa miti. Leenjistootaa fi maatii Ispoortii biratti waggootaaf waan beekamu. Garuu waggoota 27 darban jaalattoota Ispoortichaa bira darbee hawaasa bal'aa biratti waan xiyyeeffannaa guddaa argate hin turre.
'Waan Arjantiinaatti ta'e ammallee xiinxalaan jira'- Yoomiif rikardii addunyaa qabate
Fiigicha walakkaa maraatooniin rikardii addunyaa kan qabate Atileet Yoomiif Qajeelchaa, maraatoonii guutuudhaanis sa'atii saffisaa lammaffaa galmeessee jira
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp gubbaan hordofaa
Walitti bu'iinsa
Jiruufi Aartii
Ajaa'iba
Daataa qusachuu barbaadduu?
Daataa qusachuuf yeroo tokko tokko fuula barreeffama qofaa keenyaa ilaalaa.












































































































