Omaan Ulaa Hormuuz waliin haa bulchinu jechuun Iraaniif yaada dhiyeessite

Madda suuraa, Getty Images
Omaan karoora Ulaa Hormuuz waliin bulchuu Iraaniif dhiyeessite. Kaffaltiin ulaa kanaaf kaffalamus fedharratti kan hundaaye akka ta'u eeruu ishee Rooytarsi gabaase.
Karoora Iraan kana biyyootni Galoogalaanaa deeggaranii jiru akka maddi Rooytarsi himetti.
Akkaataa karoora Omaan, biyyoonni naannichaa deeggaraan kanaatti Iraan Ulaa Hormuuz kophaa ishee hin to'attu.
Pirooppoozaalli kun ulaa Malaakaa kan Galoogalaana Malaayii fi Odola Indooneeszhiyaa Sumaatraa gidduutti argamuurratti kan hundaaye yoo ta'u, kanneen ulaa kana fayyadaman imala bishaanirraa kanaaf, eegumsa nannoo fi barbaacha fi baraarsa waan badeef fedha isaaniin ni kaffalu.
US sanbattan darbe duula haleellaa qilleensaa Iraanirratti raawwattu dhaabuu beeksifte. Kun abdii rakkoo kana dippilomasiin furuun imala dooniiwwanii Ulaa Hormuuzirra heyyamuu uumeera. Ulaan kun waraanan dura ulaa geejjiba boba'aa addunyaa isa shanaffaa ture.
Waraanni US Sanbata duraa akka beeksisetti irra deebiin Ulaa Hormuz irra uggura kaayeera. Kun dooniiwwan hedduu ofirra deebiseera, lama tajaajila dhaaban, lama immoo fe'atanii imaluuf jiru.
Humnoonni US “of eeggannootti jiru, xiyyeeffannoonis jiru,humna jabaanis, qophiitti jiru" jedhan.
Pirezdantiin US Donaald Tiraamp Wixata Iraan faana "marii gaariitti jirra" jedhan. Carraan waliigaluus akka jiraatu ibsan. Garuu, yoo waliigalteen hin jiraanne Ameerikaan haleellaatti deebiti jedhan.
Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araagchii waayee Ulaa Hormuuz Omaanii fi gita isaanii Sa'udi Arabiyaa waliin dubbatan.
Araagchiin "barbaachisummaa tumsa jabeessuu fi naannichatti tasgabbii uumuuf carraaqqii dippilomasii dabaluu fi rakkoo nageenyaa Ulaa Hormuz irra US keesse kaasuun akka barbaachisu" himuu isaanii ibsi Ministeera Dhimma Alaa biyyattii ni mul'isa.

















