Tiraamp Iraan waliin mariin 'haala gaariin deemaa jira' jedhus Iraan kallattiin mariyataa hin jiru jette

Madda suuraa, Reuters
- Barreessaa, Jaroslav Lukiv
- Maxxanfame
- Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2
Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp Iraan waliin "haala gaariin mariyataa jirra" jechuun yoo ibsu, Iraan ammoo kallattiin mariyataa akka hin jirre ibsite.
Biyyoonni lamaan guyyaa sadiif walitti aansuun haleellaa walirratti hin gaggeessin jiru.
Tiraamp xayyaara Air Force One yaabbachuuf yeroo jedhu gaazexeessitootatti akka dubbatetti, marii kanaan waanti gaariin akka argamu "abdiin qaba" jedhe.
"Waanta tokkorra gahuuf carraan gaariin ni jira jedheetan yaada," jechuun marichi yoo gufate Iraan haleeluutti akka deebi'us hime.
Iraan gamasheen "yeroo amma mariin kallattiin US waliin godhamu hin jiru" jechuun dubbii Tiraamp kana haalte.
Haleellaa torban lama kan ta'uuf bifa haaran Iraan irratti gaggeeffamaa ture Jimaata darberraa kaasee akka dhaabatu kan godhame biyyoonni jaarsummaaf gidduu deeman waan gaafataniif ta'uus ibse Tiraamp.
US haleellaa gaggeessuu dhaabuu hordofee Iraanis buufataalee waraanaa US Baha Giddugalaa jiran irratti haleellaa gaggeessuu dhaabdee jirta.
Haa ta'u garuu US haleellaa kan dhaabdeef meeshaaleen waraanaa haleellaa kanaan waan jalaa haphataniif, keessumaa misaa'eloonni sirna ittisaa dhumaa jiraachuu miidiyaalen US gaabaasaanii ture.
Tiraamp himannaa 'meeshaaleen waraanaa sababa waraana Iraaniin kuusaa keessaa haphataa jiru' jedhu kana dhara jechuun dubbate.
"Meeshaalee waaraanaa heddu qabna...hamma fe'eyyuu yoo fayyadamne dhumuu kan hin dandeenye qabna," jedhe Tiraamp.
Dabalataanis meeshaaleen waraanaa heddu omishamaa jiraachuus hime.
Keessumaa "misaa'eloonni Paatirootis" akkaan barbaachisaa ta'an omishamaa jiraachuu ibse Tiraamp.
Dubbi himtuun Waayit Haawus Anna Kelly gamasheen, humni waraanaa US meeshaalee waraanaa gahaa man-kuusaa keessaa akka qabu ibsite.
Meeshaaleen waraanaa gahaan jiraatannis, "Pirezidaant [Tiraamp] dhaabbileen meeshaalee waraanaa omishan meeshaalee waraanaa Ameerikaa keessatti omishan, addunyaarratti filatamoo ta'an akka omishan jajjabeessaa jiru," jiru jette dubbi himtuun kun.



















