Taateewwan ijoo Itoophiyaa bara 2018: siyaasa, muddamaafi rakkoo nageenyaa

Ministira Muummee Abiy Ahimad, Pirezidantii US, Pirezidantii Masrii, Pirezidantii Ertiraafi Dura Taa'aa TPLF
Ibsa waa'ee suuraa, Erga waraanni kaaba Itoophiyaa xumura argatee barana muddamni jabaan mootummaa federaalaafi TPLF gidduu mul'ateera
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 8

ALI Bara 2018 Itoophiyaa keessatti wantoota ijoo siyaasaa, nageenyaafi kaan baay'eetu mudate.

Barri kuni bara Itoophiyaan filannoo marsaa torbaffaa gaggeessiteefi dhaabni Badhaadhinaa irra deebiin mo'atedha.

Kaaba Itoophiyaattimmoo TPLF deebi'ee aangoo qabateefi muddamni federaalaa waliin ittuu hammaatedha. Ertiraa waliinis akkasuma.

Tiraampis ifatti Masrii deeggaruun Itoophiyaafi hidha Itoophiyaan ijaartu himataafi xiqqeessaa turanidha.

Bara Itoophiyaan pirojektii gurguddoo eegalte, taatewwan ajaa'iboo raawwataniidhas.

Kanneen keessaa muraasa kan ta'aniifi ijoo ta'an irratti xiyyeeffanna.

'Birmannaa' Tiraamp

Itoophiyaan ijaarsa hidha Haromsaa guddichaa waggoota 14'f ijaartee erga xumurtee booda kan eebbisiiste baatii Qaam'ee ALI Bara 2017 keessa ture.

Itoophiyaan ijaarsa kana xumuruun olaantummaa dippilomasii Masriirratti akka argatte xinxaltoonni siyaasaa himaniiru.

Erga Itoophiyaan xumurte boodas garuu Masriin komii hin dhaabne. Gaafuma eebbifame Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti xalayaa barreessite.

Eegasiin Sudaan waliin ta'un bulchiinsa hidha kanarratti hirmaachuu akka qaban ibsaa jiru.

Gaafa kaan Itoophiyaan bishaan to'achuu hin dandeenye lolaan mudate jechuun yeroo kaanimmoo bishaan Itoophiyaatii dhufu hanqate jedhaniiru.

Ministeerri Bishaanii fi Inarjii Itoophiyaa himannaan Masirii kun ''soba shiraan guutame'' jechuun deebii kenneera.

Pirezidant Donaald Tiraamp

Madda suuraa, Getty Images

Beeksisa bira darbii dubbisi
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Masriin hidha Abbayyaan walqabatee 'dantaa biyyaalessaa fi nageenya bishaaniishee eegsisuuf tarkaanfii barbaachisaa ta'e hunda ni fudhatti' jettees turte.

Itoophiyaan deebii kenniteen 'ilaalchi masaanummaa Masriin Itoophiyaarraa qabdu' itti fufeera jette.

Osoo kanaan jiruu Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp irra deebiin Hidha Abbayyaarratti Itoophiyaafi Masrii ''araarsuu'' akka barbaadan ifatti beeksisan.

Kanas, michuu isaanii Pirezidantii Masrii Abdel-Fattaah El-Siisiitiif xalayaa katabaniin beeksisan. Masriif loogaas dubbataa turan.

Dhimmi Abbayyaa ajandaa isaanii ijoo ta'uu, hidhi Abbayyaa Itoophiyaan ijaarte Masriin 'bishaan gahaa akka hin arganne godhe' jechuun "furuun qaba" jedhaniirus.

Haa ta'u malee, ejjennoon isaanii dogongoras qaba ture. Tiraamp Ameerikaan maallaqaan hidha Itoophiyaa deeggaruullee irra deddeebiin dubbatan.

Garuu, ifatti ragaa dhiheessan hin qaban.

MM Abiy boodarra deebii kennaniin ''Hidha Haaromsaarratti deeggarsi birrii tokkollee, liqaan birrii tokkollee Itoophiyaan hin fudhanne,'' jedhan.

Hanga yoonaa mariin ifatti bulchiinsi isaanii dhimma Abbayyaarratti taasise hin jiru.

Itoophiyaan lageen biyyashee, kanneen gara Abbaayitti yaa'an dabalatee, madda anniisaa elektirikiif akkasumas misooma biyyaaf itti fayyadamuu akka dandeessu wayita ibsitu, Masiriin komii dhiheessiteetti.

'Abiy buqqifna'

Barana Naannoo Tigraay keessatti waan haaraa mudateera.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad aangoo L/J Taaddasaa Warradaa waggaa tokkoof erga dheeressan booda dhaabni TPLF mormii dhageessiseera.

Osoo hin turiinis 'humnaan' Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay to'achuu danda'eera. Qaamni aangoo to'ates jedhees "mootummaa filame" akka ta'e dubbate.

TPLF bulchiinsa yeroo Tigraay Jen. Taaddasaan durfamu diiguun kaabinee waraanaan dura tureen akka bakka buusu ibse.

Waraana Tigraayitti taasifame hordofee diigamee kan ture Manni Maree Tigraay Dura Taa'aa TPLF kan ta'an Dr Dabratsiyoon G/Mikaa'el 'pirezidantii Tigraay' godhee filate.

Manni Maree kuni Waliigaltee Piritooriyaa mootummaa Itoophiyaafi TPLF gidduu ALI Onkololeessa 23, 2015 Afrikaa Kibbaatti mallattaa'een diigamee ture.

Haa ta'u malee, TPLF ''mootummaan waliigalticha waan diigeef'' jechuun irra deebiin manni marichaa hojii eegaluu isaa beeksiseera.

Kana jechuun gartuun TPLF Dr Dabratsiyoon G/Mikaa'elin hoogganamu deebi'ee aangoo to'ate jechuudha.

Hireen L/J Taaddasaa Warradaa maal akka ta'e beekamuudhaas baatu 'hidhaa manaa keessa akka jiran' BBC'n kana dura odeeffatee ture.

Gartuun Dr Dabratsiyooniin hoogganamu erga aangootti dhufee muddamni mootummaa federaalaa waliin jiru cimeera.

TPLF gara hojiitti kan deebise Manni Maree Tigraay seerota tajaajila loltummaa fi du'aan nama adabsiisan ilaalchisuun labsii baasee ture akka hojiirra oolu ajaja dabarseera.

Ameerikaan Tigraayitti 'qaamolee adeemsa nagaa gufachiisan' yoo akeekkachiiftu Gamtaan Awurooppaammoo muddamni kaaba Itoophiyaa isa yaaddessuu ibseera.

Odeessaalee bara haaraa

Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa ibsa baaseen, hogganoota TPLF 'mata jabeeyyii ta'aniifi maatiisaanirra' uggura viizaa kaa'uu beeksiseera.

Kaaba Itoophiyaatti waraanni deebi'ee eegala sodaan jedhu yeroo dabalaa dhufetti, TPLF humnoota garaa garaa wajjin tokkummaa tolfachuu beeksiseera.

"Qaamolee mootummicha akka diinatti ilaalan waliin wal-ta'iinsa tolfanneera, rakkooleen kunneen jiraatanis irra aanuuf ofitti amanamummaa guddaa qabna" jechuun dura taa'aan TPLF dubbataniiru.

Dhaabi TPLF kaayyoon isaa mootummaa bulchiinsa MM Abiy Ahimadiin durfamu buqqisuu akka ta'e ifatti dubbateera.

Mootummaan federaalaa kana dura dhaabi TPLF, deeggarsa Ertiraafi hidhattoota kaan waliin ta'un mootummaa loluuf walta'iinsa 'tsimdoo' ijaaruu himatee ture.

Kuni kanaan osoo jiru humnoonni federaalaafi humnoonni Tigraay bakkee Sudaanitti dhihoo taate, Shararinaatti walitti bu'aniiru.

Eegasiis haleellaawwan diroonii garagaraa Maqalee dabalatee Naannoo Tigraay keessa raawwachuu aangawoonni Tigraay ibsaniiru.

Dhimma kana irratti aangawoonni mootummaa federaalaa waan jedhan hin qaban.

Mootummaan federaalaa fi qondaalonni TPLF tokko isa kaaniin lola narratti banuufi jechuun wal himataa turan.

Muddamni mootummaa federaalaafi TPLF hammaate mariin furuuf Gaanfa Afrikaatti Ergamaan Gamtaa Afrikaa Olisegun Obasaanjoo sochii eegalanii turan.

Biyyoonni Lixaas akka isaan deeggaran ibsaniiru. Haa ta'u malee, TPLF 'loogii qabu' jechuun himate. Isaaniis kuni 'dhugaa miti' jechuun deebisaniiru.

Dhaabni TPLF mootummaa waliin mariitti deebi'uuf haalduree kaa'es ibseera.

Muddama haaraa Gaanfa Afrikaatti

Gaanfa Afrikaatti yeroo ammaa yeroo kamuu caalaa muddamni jabaan cimee jira.

Waraanni US fi Israa'el Iraanirratti eegalan dhiibbaan isaa Galaana Diimaa biras gaheera.

Dorgommiin biyyoota humna gidduu [middle powers] jedhamanis Gaanfa Afrikaa kanatti cimeera.

Masriinis dhiibbaa ishee gama Gaanfa Afrikaa kana cimsataa jirti.

Muddamni Gaanfa Afrikaa kunimmoo erga Israa'el biyya jalqabaa bulchiinsa Somaalilaand kan Somaaaliyaan qaama kiyya jettutti beekamtii kennite booda hammaate.

Wal duraa dhaabbannaan mootummaa federaalaa Itoophiyaafi Ertiraas waggaa kana itti fufeera.

Ertiraan Masrii waliin hariiroo yoo cimsattu, hariiroon Sudaan Al Burhaaniin hoogganamuufi Ertiraas cimaa jira.

Mootummaan Itoophiyaa Eertiraafi Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (TPLF) waliin Itoophiyaarratti waraana banuufi jechuun UNtti kan himate barana ture.

Xalayaa Ministeera Haajaa Alaa Itoophiyaarraa barraa'e jedhame Eertiraafi TPLF adda "Tsimdo" jedhamu ijaaruun Itoophiyaarratti waraana banuuf qophaayaa jiru jedha.

Itoophiyaan akka Ertiraan loltootashee 'hatattamaan daangaashee keessaa baastus' akeekkachiisteetti. Ertiraan kana waakkatteetti.

Aangawoonni Ameerikaa Itoophiyaa daawwataniifi aangawoota Itoophiyaa waliin mari'atan Gaanfa Afrikaa kanatti walitti bu'iinsi akka hin kaane akeekkachiisaa jiru.

Kunis ta'u Itoophiyaafi Ertiraa tokko isa kaaniin dubbii barbaachuufi lola kaasuuf qophaa'uu wal himataa turan.

Gama kaaniin, Sudaan diirooniin Itoophiyaati ka'e natti dhukaasaa jira, Itoophiyaan hidhattoota RSF'f dahoo taatetti jechuunis himatteetti.

Itoophiyaa immoo himannaa kana waakkatteetti. Inumaa Sudaan humnoota TPLF'f dahoo taate, akkasumas deeggarsa kennite jechuun himatte.

Baruma kana ture Yunaayitid Isteet qoqqobbii waraanaa Itoophiyaarra akkasumas Ertiraarra keessee turte kaasuun kan gabaafame.

Gamtaan Awurooppaas dhorkaa viizaa Itoophiyaarra kaa'ee ture kaase baranadha.

Gaaffii Galaana Diimaa cime

Muddamni dhimma Galaana Diimaan walqabatee jiru waggaa darberraa darbee ammallee ittuma fufee jira.

Bulchiinsi Ministira Muummee Abiy Ahimad gaaffii ulaa galaanatti bahuu ammallee cimsee itti fufeera.

Ertiraa darbees immoo Masriin immoo sochii Itoophiyaa kana cimsanii mormaa jiru.

Dhimmi Galaana Diimaa biyyoota bishaan qarqara qofa jiran ilaallata jechuun mormu biyyoonni kuni.

Aanga'oonni siyaasaa fi waraanaa Paartii Badhaadhinaa maqaa ''handaara galaanaatti ba'uu'' jedhuun gara hin taanetti deemaa jiru jechuun Ertiraan himatti.

Ministirri Muummee Abiy immoo Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuun ''waan hin oolleef'' qaamni mari'achuuf fedhii qabu yoo jiraate akka of qopheessu gaafataniiru.

Itaamaajor Shuumiin Humna Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Fiild Maarshaal Biraanuu Juulaa Itoophiyaa waan sadiitu ishee barbaachisa jedhan.

Tokkoffaan nagaa, lamaffaa misooma, sadaffaan ammoo ulaa galaanaati jechuun himan.

MM Abiy biyyoota 'diinota Itoophiyaa' jedhan akka injiraan mataa tokko tokkoon harcaafna jechuunis dhaadataniiru.

Dabaluunis, Itoophiyaan ulaa galaanatti ishee baasu argattu malee naannawi Gaanfa Afrikaa nagaa hin argatu jedhan Ministirri Muummee Abiy Ahimad.

Itoophiyaan ulaa galaanaa akka hin arganneef Masriin marsitee qoccolaa jirti jechuun Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa himateera.

Pireezidantiin Ertiraa Itoophiyaan UAE waliin hariiroo cimsatte jechuun Sa'udiin dhimma Laga Abbayaarratti ga'ee akka qabaattu kan gaafatan barana ture.

Walitti bu'iinsa itti fufe

Pirezidaantiin Itoophiyaa Taayyee Atsiqasillaaseen nageenya waaraa fiduuf mootummaan karaa nagaa filachuun irratti hojjeta jedhanii jalqaba waggaatti dubbatanii turan.

Waliigalteen gareewwan hidhatan waliin taasifamee akka gareetti meeshaa buusan jiraachuudhaas baatu barana ajajonnii hidhattootaa muraasni meeshaa lafa kaa'an jiru.

Fakkeenyaaf mootummaafi gartuu Faannoo, Dhaabbata Ummataa Faannoo Amaaraa, jedhamu gidduu waliigalteen nagaa taasifamuu Mootummaan Naannoo Amaaraa beeksisee ture.

Naannolee Itoophiyaa garagaraatti walitti bu'iisni humnoota mootummaafi hidhattoota gidduu adeemaa jiru lubbuu lammiilee nagaa galaafachuu itti fufeera.

Naannoo Oromiyaatti keessumaa bakkeewwan Wallagga Bahaafi Horro Guduruu Wallaggaa daangessanitti haleellaa humnoota Faannoon jedhameen irra deddeebiin lubbuun namoota 'hedduu' darbeera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas ta'e mootummaan federaalaa walitti bu'iinsa kanneen irratti yoo dubbatu hin dhagahamu.

Haleellaa Godina Arsii, Benishaangul Gumuuz, Gaambellaa, Naannoo Amaaraafi kaanittis haleellaawwan irra deddeebiin raawwatuun itti fufeera.

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaas Itoophiyaa keessatti sababa haleellaa raawwatamuun bilisummaan bakkaa bakkatti socho'uu yaaddoo keessa jira jechuun ibseera.

Pirezidantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Oromiyaa keessatti nagaa waaraa buusuuf Ajajaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin mari'achuuf qophii ta'uu dubbataniiru.

Ta'us, ammatti mariin taasifame hin jiru.

Gama kaaniin humnaan dargaggoota waraanatti dabaluu itti fufuu maatiin kan BBC'tti himanis bara kana ture.

Filannoo Biyyaalessaa

Itoophiyaan filannoo marsaa torbaffaa baatii Waxabajjii keessa gaggeessiteetti.

Filannoon kuni Naannoo Tigraay keessatti yeroo lammataaf osoo hin taasifamiin hafeera.

Naannoo Oromiyaafi Amaaraatti walitti bu'iinsi itti fufuus filannoon gaggeeffameera.

Filannoo kanarratti dhaabni Adda Bilisummaa Oromoo turtii yeroo dheeraa booda filannoorratti hirmaateera.

KFO'n immoo 'akka hin haqamneef' hirmaatu yoo ibsu, Addi Bilisummaa Oromoo 'hirmaannaa ho'aa' jedhamu taasisuu xinxaltoonni himu.

Paartiin Badhaadhinaa teessoo mana-maree bakka bu'oota ummataa harka caalu argachuun mo'achuu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa beeksiseera.

Badhaadhinni teessoo paarlaamaa 547 keessaa 438 mo'ate.

Paartileen mormitootaa teesssoo mana-maree bakka bu'oota ummataa 41 kaadhimamtoonni dhuunfaan dorgoman ammoo 8 mo'achuun isaanii ibsameera.

Teessoo torba kan mo'ate dhaabni 'Tibibbir LeItoophiyaa Andinnet' mana maree akka hin seenne ibseera.

Dhaabni EZEMA immoo teessoo Caffee Oromiyaa tokko yoo argatu, ABO'n homaa hin arganne.

Marii Biyyaalessaa 'falmiin' itti mul'ate

Itoophiyaan seenaashee keessatti yeroo jalqabaaf Marii Biyyaalessaa gaggeessiteetti.

Marii qaamoleen hidhatan kanneen akka WBO, Faannoo, dhaabni TPLF fi paartileen mormituu ABO, KFO fi kaan irratti hin hirmaannedha.

Mariin ji'a oliif tureefi magaalaa Finfinneetti gaggeeffame kanarratti ajandaawwan ijoo saddeeti irratti mari'atame.

Keessumaa dhimma Finfinnee irratti mariifi falmiin jabaa taasifamuu BBC'n odeeffateera.

Akkaataa marii kanarratti dhaabi kan akka ABIN, fi kaan komii kan dhiheessan yoo ta'u Komishiniin Marii Biyyaalessaa himannaa kana waakkateera.

Magaalaan Finfinnee itti waamamni ishee mootummaa federaalaaf tahee magaalaa guddoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa taate heera mootummaa keessatti akka tumamu yaadi murtoo dhihaatu ibsameera.

Dantaa addaa Oromiyaan Finfinneerraa qabdu kan heera keessatti tumame, dantaa walootiin akka bakka buufamu yaadi murtoo dhiyaachuus BBC'n odeeffateera.

Si'achi adeemsi itti aanu maal akka fakkaatu BBC'n ogeessa seeraa gaafateera.

Dhimmoota ijoo biroo

Buufata xiyyaaraa Bishooftuu ijaaramaa jiru
Ibsa waa'ee suuraa, Aangawoonni ijaarsi buufata xiyyaaraa kanaa gaafa xumurame ''Dubaayi Afrikaa'' ni goona jedhanii abdii qabu

Itoophiyaan buufata xiyyaaraa Bishooftuu yeroo xumuramu Afrikaarraa tokkoffaa ta'a jedhamees kan eegalte baranadha.

Buufanni xayyaaraa idiladdunyaa kun magaalaa Finfinneerraa km 45 irratti kan argamtu Bishooftutti kan ijaaramu yoo ta'u, ijaarsi isaa gulantaan jalqabaa yeroo xumuramu waggaatti imaltoota miliyeena 60 simata jedhame.

Poolisiin Itoophiyaa tiktookaroota hordoftoota hedduu qabaniifi dhageettii qaban hidhuunis barana keessa mudate.

Poolisiin federaalaa tiktookaroonni hidhaman 'safuu kan cabsan' akka ta'e ibsee ture. Booda keessa baay'een kaanis jala jalaan hidhamaa, gadhiifamaa turan.

Itoophiyaan namoota TikTok fi YouTube irraa waggaatti birrii miiliyoona lamaa ol argatan gibira kaffalchiisuuf jedhu boodarra dhagahameera.

Gama kaaniin, volkaanoon waggaa 10,000 booda Naannoo Affaar, Itoophiyaatti dhohuunis Itoophiyaarra kan darbe ijoo dubbii addunyaa ta'ee ture.

Aarri volkaanoo Itoophiyaa naannoo Affaaritti uumame irraa ka'e, Galaana Diimaa ce'ee, Omaan fi Yaman bira darbee, Hindii Dehlii ga'uu isaa Ministeerri Meetirooloojii Indiyaa beeksiseera.

Itoophiyaan namoota karaa qindaa'aa taheen sharafa alaa irratti shira hojjechaa turan jettees irra deddeebiin hidhaa turte.

Akkasumas qaamolee daddabarsa namootaa keessa qooda qabu jedhaman hidhamuu poolisiin Itoophiyaa ibsaa ture.