'Gadda baayyee ulfaataadha': Maatii Ijoolleen isaanii Sa'ud Arabiyaatti ajjeefamanii reeffi isaanii hin ergamne

Suura dargaggoota Itoophiyaa lama

Madda suuraa, Handout

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Kibroom Kinfe Aregaawwii fi Tsigaabuu Gabramaaariyaam lammiilee Itoophiyaa shan gaafa Waxabajjii 23 ajjeefaman keessaati. Maatiin isaanii reeffa ijoollee isaaniis ta'e qabeenya isaan achitti qaban hin arganne.

"Sagantaa Gaddaa adeemsifnee jirra. Kuni kan godhame maatiin gadda haa baafatuufi. Kuni gaddaa fi eelaa umrii guutuuti" jedha Imisaa Kibroom jedhamu kan jalaa ajjeefame, Kinfee Aregaawwii.

Kibroom lammiilee Itoophiyaa shan sababa baala sammuu namaa hadoochu 'Kaanaabis' jedhamu gara Saawudii Arabiyaa galchuuf Yaalan jedhuun murtiin ajjeechaa irratti raawwatame shanan keessaa tokko.

Saawudii Arabiyaan Chaayinaa fi Iraanitti aanuudhaan biyya murtii ajjeechaa hojiirra oolchuun beekamtu.

Hordoftoota amantaa Kiristaana Ortodoksii Itoophiyaa biratti, nama du'e saanduqa reeffaatiin sirna awwaalchaa raawwatanii biyyoo uwwisuun safuu bakki guddaan kennamuufi.

Kuni dargaggeessa ganna 25, Kibroomiif hin raawwatamne. Sababa reeffi isaa biyyatti hin deebineef.

Akka Humaan Raayit woch jedhetti, murtii du'aa Saawudii Arabiyaan kan gaafa Waxabajjii 25tin murtiin ajjeechaa namoota 116 irratti raawwatame.

"Reeffa gara biyyaatti deebisuu diduun waan rakkoo bulchiinsaatiin walqabatuudha. Kuni maatii namni isaanii jala ajjeefametti adabbii sana dabaluudha" jedhu dhaabbata Tola ooltummaa mirga namoomaa tumsuuf hundaa'e ESOHR jedhamurraa Duyaa Dhanii.

Fakkii maatii reeffa argachuu dhabanii suura qofa kaawwatanii gadda taa'an
Ibsa waa'ee suuraa, Fakkii maatii reeffa argachuu dhabanii suura qofa kaawwatanii gadda taa'an
Beeksisa bira darbii dubbisi
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Eergamaan addaa UN, Bazilaa Ganeey ammoo barsiifata Saawudii Arabiyaan reeffa namoota ajjeestee maatiif kennuu diddu kana 'Dararaa fi cunqursaadha' jechuun ibsu.

Maatiin akka jedhanitti, lammiilee Itoophiyaa shanan gaafa waxabajjii 23 Saawudii Arabiyaa kutaa Asiir jedhamutti murtiin ajjeechaa irratti raawwatame kana murtiin kuni akka irratti raawwatamu akeekkachiisni dursaa hin kennamne yookan qabeenyii fi sertifikeetiin du'aa isaanii maatii isaaniitiif hin kennamne.

"Reeffa ilma kiyyaa arguu dhabuunkoo onnee nacabseera" jedhu harmeen mucaan isaanii Tsigaabuu Gebremaariyaam jedhamu jalaa ajjeefame, Letekiristoos Gebretsaadiq.

Kibroom Kinfee Abbaa isaa Kinfee walin jalqaba gara Saawudii Arabiyaa kan deeme bara 2020 viizaa seera qabeessaa osoo hin qabaatini. Hidhaa ji'oota 15 booda gara Itoophiyaatti deebifaman.

Haa ta'u malee, sababa waraana Itoophiyaa keessa tureen Kibroom bidiruudhaan galaana diimaa kutee karaa Yemen gara Saawudiitti deebi'e.

Kibroom yeroo kanas irra deebiin Mootummaa Saawudii Arabiyaatiin too'atamee bara 2023 daddabarsa baala sammuu namaa hadoochuutiin himatame. Kinfeen akka jedhutti, turtii ji'oota sadii booda ilmisaa Kibroom murtiin du'aa itti murteeffame. Hidhaa ji'oota sadii booda murtiin du'aa waxabajjii 23 irratti raawwatame.

"Carraa nutti haasa'uullee hin aragnne. Du'asaa kanin dhagahe miidiyaa hawaasummaa irraayi" jedhu abbaan isaa imimmaan lolaasaa.

Kinfeen akka jedhanitti, ilmi isaanii nama yakka hojjete akka hin taanee fi dogogoraan mootummaa Saawudii Arabiyaatiin ajjeefame.

"Ilmi kiyya daddabarsa 'Hashiishii' irratti hirmaachuusaa ragaan mul'isu hin jiru. Gara Saawudiitti deebi'ee deemuunsaa nagaabbisisa. Namni sertifikeetii ajjeefamuusa anaaf kenne hin jiru. qabeenya isaas. Reeffa isaas. Calliseen boo'ichaa fi gadda keessa jira. maalin gochuu danda'a?" jedhu.

Sirni gadda baafachuu adeemsifamulleen bakka reeffi hin jiretti akka mucaa isaanii awwaalanitti itti hin dhagahamu.

Guyyaa walfakkaataa bakka walfakkaataatti lammiin Itoophiyaa biraan Tsigaabuu Gabramaariyaam jedhamus himata walfakkaataan murtii walfakkaataan irratti raawwatame.


Dubartii balee adii uffattee kaabaa dhakaatti hirkattee teessu

Madda suuraa, Mebrahtom

Dargaggeessi ganna 26 kuni, ijoollee saddeet maatiin isaa qabu keessaa mucaa hangafaati. Giddugaleessa Tigraayi naannoo daangaa Eertiraa bakka Egelaa jedhamtutti dhalatee guddate.

Abbaan isaa Hagoos Gebremesqel akka jedhanitti, Tsigaabuun yeroo umriin isaa ganna 18 ta'u hiyyummaa fi lola baqachuuf biyyaa bahe.

"Naannoo keenya hojiin dargaggootaaf ta'u hin jiru. nugargaaruuf gara Saawudii Arabiyaa deeme" jedhu abbaan isaa.

Tsigaabuun daddabarsa qorichaatiin himatamee waggaa sadii fi walakkaa mana hidhaatti dabarse. Yeroo dhumaatiif maatii isaa kan dubbise ji'a Gurraandhalaa darbe ture.

"Dhihootti biyyatti deebi'een niitii fuudha jedhee ture" jedhu Hagos.

Harmeen isaa Letekiristoos Geberetsaadiq, dubartii isaaf haadha manaa taatu barbaadaafii turanilleen dhumarratti gadda isaa keessummeessuuf dirqaman.

"Ijoolleenkoo kaan dubartoota. Dhiirri isa qofa. Isaan obboleessi keenya dhihootti dhufa jedhanii abdii guddaa qabu ture. sirba cidhaa isaaf qopheessaa turan. amma cabni onnee isaanii kankoorra caala" jedhu.

Ajjeefamuu Tsigaabuu firootasaa Saawudii Arabiyaa jiranirraa erga dhagahaniin booda akkaataa barsiifata amantaa Kiristaana ortodoksiitiin bakka reeffi hin jirretti sirni gaggeessaa fi kadhataa taasifameef.

"Reeffi isaa maalif akka nuuf hin ergamne beekuun barbaada. Kuni gadda keenya dachaa godhee onnee keenya cabseera" jedhu harmeen isaa Letekiristoos kan gadda guyyoota 40 irra turan.

Maatiin Tsigaabuu Mootummaa Saawudii Arabiyaa dhimma yakka ilmi isaanii raawwate jedhamerratti ragaa akka isaaniif dhiheessu barbaadu.

Ragaan Aminestii Internaashinaal akka mul'isutti, namoota daddabarsa qoricha sammuu namaa hadoochuutiin himatamanii kanneen murtiin du'aa irratti raawwatame keessaa harka 75 kan ta'an lammiilee alaati.

Dhaniin akka jedhnitti, miidhamtoonni kunneen neetorkii yakkaatiin qabamuuf warra saaxilamani.

"Yeroo tokko tokko lammiileen Itoophiyaa yeroo daangaa qaxxaamuran meeshaa nama biraa akka baachuun qarqaaran godhamu. Paakistaan keessatti dhimmootni nuti adda baasne ammoo waadaa hojii isiniif kennina jedhuun qorichoota dhorkamoo liqimsanii akka daangaa cehan taasifamu" jedhu.

Akka gabaasa ESOHR baasetti, mootii Salmaan Bin Abdulaaziiz bara 2015 erga aangoo qabatanii asitti Saawudii keessatti lakkoofsi namoota murtiin du'aa irratti raawatamee 2,000 caaleera. Kana keessaa harka 42 kan ta'u lammiilee biyyoota biraati.

Dhaabbanni kuni akka jedhutti, barri 2025 keessa murtii ajjeechaa 356 raawwachuun lakkoofsa guddaa bara tokko keessatti murtiin akkana itti raawwatame ta'eera.

Nama keeppii diimaa godhatee soofaarra taa'aa jiru

Madda suuraa, Kinfe Aregawi

Ibsa waa'ee suuraa,

Sawudiin seera reeffi baasii Imbaasii biyya sanaatiin akka biyyatti ergamu gochuu qabaattus kuni garuu raawwatamee hin beeku.

"Hanga ammaatti reeffa nama ajjeechaan akkanaa irratti raawwatamee biyya isaatti ergame quba hin qabnu. Haalli kuni lammiilee Saawudiitifis yoo raawwatamu arginee hin beeknu" jedhu.

Akka Dhaniin jedhaniti, Lammilee Tarkii fi Jordaan dabalatee maatiin namni isaanii murtii du'aatii ajjeefamanii, Kanaan dura mormii reeffi nuuf haa kennamuu dhageessisaa turanilleen reeffa isaanii garuu argachuu hin dandeenye.

"Maatii lammii Jordaaniif ibsa gabaabaa waliin sertifikeetiin du'aa kennameefi. Reeffi eessatti awaalame kan jedhu ibsa homaatuu hin qabu. akkaataa ajjeechaa fi kaan irrattis homaa hin ibsu" jedhu.

BBC'n dhimma kanarratti minsiteerota dhimma keessaa fi dhimma alaa Saawudii akkasumas imbaasii Saawudii Arabiyaa London jiru irraa deebii argachuuf yaaleera.

Imbaasiin Itoophiyaa Saawudii Arabiyaa jirus dhimma kanarratti gaafachuuf yaalameera.

Mootummaan Saawudii Arabiyaa yeroo ammaa namoota meeqati murtiin du'aa kuni raawwtamuuf guyyaa eeggataa jiru kan jedhu waan ibse hin qabu.

Akstiivistoonni akka jedhnitti, lakkoofsi isaa dhibbaan kan lakkaa'amu yoo ta'u, kana keessaa 70 lammiilee Itoophiyaati.

"Murtiin ajjeechaa Sawudii Arabiyaan raawwattu akeekkachiisaa malee kan raawwatamu waan ta'eef mirga miidhamaa kan miidhuu fi maatii isaanitiif ammoo du'a isaaniitti qophaa'uuf yeroo gahaa akka hin arganne kan godhu" jedhan qorataan Humaan Raayit wach Jooyi Shiyaa.

Hidhamtoonni, manni hidhaa akka malee kan dhiphatee waan ta'eef golgaa pilaastikaa jala rafu. Kana malees iccitummaan guyyaa murtii du'aa miidhamtoota irratti dararaa xiinsammuu hamaa qaqqabsiisa.

 Fakkii mana hidhaa namoonni baayyee kutaa tokko keessatti baayyatanii jiran agarsiisu

Hidhamaan tokko sababa nageenya isaatiif eenyummaa fi mana hidhaa jiru akka hin ibsamne gaafachuun BBCtti dubbate.

Bara 2023 himata baala sammuu namaa hadoochu daddabarsuu jedhuun hidhame. Yeroo ja'a turjumaanaan mana murtiitti dhihaate. Dhumarratti murtiin du'aa irratti murtaa'ulleen dhiifamni naaf godhama abdii jedhu qaba.

Bara kana hidhamtoonni isa waliin mana hidhaa turan 15 isa biraa bahanii murtiin du'aa irratti raawwatamuu isaatiin garuu sodaan isaa haalan dabaleera.

"Yeroo mara yeroo eegdonni balbala banan dabareen ajjeemafuu kan eenyuti kan jedhu yaanna. Du'akeetiif dabaree eeguun waan salphaa miti. Itti aanee ana ta'a jedheen sodaadha" jedha.

Inni amma raajiin wayii uumamee murtii kana jalaa akka bahuuf waaqa kadhata. Yoo murtiin kuni irratti raawwatame garuu reeffisaa akka maatii isaaf ergamu barbaada.

"Maatiinkoo reeffa kiyyallee hin argan jedheen yaadda'aa jira" jedha.