'Hiriyaakoo badde barbaacha ardiiwwan qaxxaamure'

Madda suuraa, Justine Ropet
"Waggoota sadiif ganama yeroon hirriibaa dammaquus ta'e halkan yeroon gara hirriibaa deemu gaafiin walfakkaataa sammuutti nadhufaa ture" jetti Jastiin.
Haa ta'u malee amma gaafii waggootaaf sammuusheetti deddeebi'aa tureef deebiiwwan muraasa argatteerti. Hiriyaanshee yeroo ijoollummaa Seelin Kireemar maaltu akka mudate hanga tokko barteerti.
Lammii Beeljiyeem kan taatefi korojooshee dugdatti baachuun biyyoota garagaraa kan daawwattu (backpacker) Seelin Kireemar Waxabajjii 17, 2023 ture yeroo dhumaatiif Awustiraaliyaa, kaaba-lixaa odola Taasmaaniyaa iddoo Waratah jedhamutti kan mul'atte.
Waqtii sanatti bosona keessa lafoo imaluun Fincaa'aa Filosoofars jedhamu daawwachuuf imalarra turte. Haa ta'u malee erga sanaa yeroo torbeewwan lamaaf maatis ta'ee hiriyootashee osoo hinqunnamin hafte, isaanis dhimmashee angawoota biyyattii beeksisan.
Poolisoonnis konkolaataa Seelin ittiin imalaa turte daandii cinaa iddoo imalli lafoo itti eegalutti dhaabbattee argan.
Itti aansuunis dirooniifi helikooptarri akkasumas gareen lafoo bobbaafamuun lafafi qilleensarraan barbaachi eegale. Haa ta'u malee eessa buuteen Seelin baramuu hindandeenye.
'Seelin akka kutaa qaama kiyyaati'

Madda suuraa, Justine Ropet
Wanti Jaastin abdii osoo hinkutatiinii fi dadhabbii malee Seelin akka barbaaddu taasise hiriyummaa lamaansaanii gidduu jiruufi waggoota 30 ol lakkoofsisedha.
"Hiriyaakoo baay'ee dhiyoo turte. Akka miseensa maatiiti, sirumaayyuu akka kutaa qaama kootiiti" jechuun BBC'tti himte.
Hiriyoonni lamaan ganda baadiyyaa Lixa Beeljiyeemitti argamtufi Trasnestar jedhamtutti wayita barnoota idileen duraa baratan walbaran.
Yeroo ijoollummaasaaniis ala keessa waliin taphachuunfi waa'ee addunyaa guddaa baadiyyaa isaan itti jiraataniin ala jiru abjoochuun dabarsan.
"Ijoollummaa keenyarraa eegalee waliin taphachaa guddanne. Yeroo keenyas farda gulufuu, cabbiirra sigigaachuufi shubbisaan dabarsaa turre. Kana malees addunyaarra imaluu, iddoo aduun baay'inaan itti jirtu jiraachuufi cimnee hojjechuus barbaanna ture" jetti Jastiin.
Kanaafis wayita hiriyaanshee Seelin akka badde itti himamu wanti sammuu Jastiinitti dhufe tikkeettii xayyaraa kutattee hiriyaashee barbaaduuf kilomeetiroota kuma 17 ol imaluu ture.
Haasaa yeroo dhumaa

Madda suuraa, Justine Ropet
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Seelin hojii fi imala bashannanaaf ture Waxabajjii 2022 gara Awustiraaliyaatti kan imalte. Jastiin immoo gara dhuma bara 2023'tti Seelinitti osoo hin himin gara Awustiraaliyaa deemtee ishee arguuf karoorfattee turte.
Isa dura garuu Waxabajjii 13, 2023 Jastiin Seelinitti 'baga dhalatte' jechuun ergaa guyyaa dhalootaa itti dhaamte.
"Yeroo gaarii dabarsaa akka jirtu natti himte. Kana malees osoo hin dukkanaa'in imaluu akka qabdufi waa'ee turtiishee Awustiraaliyaa bal'inaan booda keessa akka natti haasoftu natti himtee gargar baane" jetti Jastiin.
Haa ta'u malee isa booda guyyoota muraasaaf sagaleen Seelin ni bade.
Jastiinis nama hiriyaa lamaansaanii ta'efi Awustiraaliyaa magaalaa Siidnii jiraatutti bilbiltee waa'ee Seelin itti himte.
Innis Taasmeeniyaa keessa iddoowwan neetworkiin bilbilaa itti hin hojjenne waan jiraniif Jastin osoo hin jeeqamin obsaan akka eegdu itti hime.
Haala kanaan torbeewwan lama erga lakka'amanii booda yaaddonsaanii waan dabaleef dhimma Seelin angawoota beeksisan.
Barbaacha lafaafi qilleensarraa

Madda suuraa, Tasmania Police
Eessa buuteen hiriyaashee kan dhabame Jastiin Adoolessa 2023 gara Taasmeeniyaatti imaluun barbaacha poolisiin biyyattii taasisaa jiru tumsuu eegalte.
Kana malees namoota garagaraan qunnamuun barbaacha Seelin akka tumsan gochuu itti fufte.
Haa ta'u malee turtii torbeewwan lama booda barbaachi jalqabaa poolisoonni biyyattii Seelin argachuuf taasisan ni dhaabbate. Sababnisaammoo seelin haala qilleensaa ulfaataa naannicha jiru dandamattee kanaa ol turuu hindandeessu kan jedhu ture.
"Hiriyaankoo akka baddetti akka haftu amanee fudhachuu hin barbaanne. Gadduufillee anis ta'e maatiinshee maaltu akka ishee mudate beekuu qabna" jetti Jastiin.
Poolisiin barbaachasaa xummuruu hordofee gara biyyashee Beljiyeemitti kan deebite Jastin, Amajjii 2024 deebitee gara Awustiraaliyaa, Taasmeeniyaatti imalte.
Ji'oota jahaafis hiriyaashee baddee hafte barbaaduu itti fufte, garuu eessa buutee Seelinirratti ragaa amansiisaa tokkoyyuu argachuu hindandeenye.
Itti aansunis Jastin qorataa dhuunfaa Ken Gaambil jedhamu qunnamuun dhimma hiriyaashee itti himte. Innis kaffaltii malee Seelin barbaaduuf waliigalee garee ogeeyyii garagaraa ofkeessatti qabate hundeessuun Seelin barbaaduu eegalan.
Gareen kunis Mudde bara darbe bilbila Seelin itti fayyadamaa turte arge. Poolisiinis akka haaraatti Seelin barbaaduu eegale.
'Bosona keessatti hafte'

Madda suuraa, Justine Ropet
Argannoon gareen tola ooltotaa kun sodaafi shakkiin yeroo dheeraaf ture dhugaa ta'uu mirkaneesse. Innis Seelin bosonicha keessaa osoo hinbahin achuma keessatti hafuusheeti.
Ji'a Amajjii keessas namni barbaacha Seelin irratti hirmaatee ture tokko lafee ilkaan aa'oo kan Seelin akka ta'e amanamu arge. Kana malees ji'a Guraandhalaa keessa lafeewwan shan, ilkaan lamafi furtuun konkolaataa qarqara lagaatii argame.
Poolisiin Taasmeeniyaas Seelin namaan miidhamtee osoo hintaanee bosona rukkataa keessatti baduun lubbuunshee akka darbe akka amanu hime.
Barbaacha isa dhumaa kan hogganan Inispeektar Andiriiw Haansanis, "Akka keenyaatti seelin gara Fincaa'aa Filosoofaritti konkolaataan erga imaltee booda konkolaataashee dhaabdee fageenya gabaabduu bosona keessa deddeemuuf gara bosonaa seente. Garuu osoo hindeebi'in hafte" jechuun dubbatan.
Lafeewwanfi ilkaan argaman kan Seelin ta'uunsaanii erga mirkanaa'ee booda Seelin ji'a Caamsaa darbe Beeljiyeemitti awwaalamteerti.
"Sirni awwaalchashee taatee baay'ee ulfaataa garuummoo barbaachisaa ta'edha. Waa'ee du'a Seelin amannee akka fudhannu nugargaarera jedheen yaada. Adeemsa gadda kootii keessattis tarkaanfii guddaadha" jechuun Jastin himti.
Gama biraatiin duuti Seelin namoonni iddoowwan rakkisoo ta'an miilaan imaluun daawwatanfi imaltoonni biroon of eeggannoo gochuu akka qaban hubannoo kan uumu akka ta'es himteerti.
Dabalataan Waxabajjii darbe guyyaa dhalootaa waggaa 34ffaa Seelin yaadachuuf gara Ispeen kan imalte Jastin, hiriyaashee ijoollummaa yaadachuuf iddoo deemte maratti dhagaa xiqqoo boca onnee qabdu qabattee akka imlatus himteerti.
Kana malees abjuu Seelin kan ture addunyaa imaluu ilaalchisee yemmuu dubbattus, "qoodashee imaluu ittin fufuun barbaada" jetteerti.



















