'Itoophiyaan Iraanirraa barachuu barbaaddi' - MM Abiy Pirez. Iraaniin maal jedhan?

Pirezidantii Iraan Masuud Pezeshkiyaan fi Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad

Madda suuraa, @drpezeshkian2

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad yaa'ii walta'iinsa biyyoota BRICS Hindii gaggeeffame biratti dureewwan garagaraa waliinis marii'ataniiru.

Dureewwan waliin dubbatan keessaammoo tokko Pirezidantii Iraan Masuud Pezeshkiyaanidha.

Yeroo ammaa Ameerikaa waliin lolatti kan jirtu Iraan biyyoota Lixaa waliin wal dura dhaabbatteetti.

Bulchaan Itoophiyaan guyyaa Sambataa yaa'ii BRICS biratti Masuud Pezeshkiyaan waliin dhimma Galaana Diimaa mari'achuu dubbatan.

''Mariin keenyas haala yeroo naannawaa Galaana Diimaa jiruufi haala nageenya waliigalaa naannichaa irratti kan xiyyeeffate yoo ta'u, barbaachisummaa mariifi akkaataa tasgabbii naannawaa sanaa dhugoomsuun danda'amu irratti marii'anneerra,'' jechuun miidiyaa hawaasummaarratti barreessan.

Mariin isaanii kuni Yaman keessumaa Ulaa Baabel Bel Mendeeb kan Galaana Diimaatti baasu to'achuuf hidhattoonni Huutii lola cimsanitti mudate.

Hidhattoonni Huutii Iraaniin kan deeggaraman yoo ta'u waraana mootummaa Yaman kan Sa'udii waliin deeggaramu waliin lola cimaatti jiru.

Lola kanaanis Yaman keessas ta'e biyya ollaa kanneen akka Jibuuttitti namoonni akka baqatan sababa ta'eera.

Ulaa Galaana Diimaatti ishee baasu argachuuf Ertiraafi Masrii waliin kan wal dura dhaabbatte Itoophiyaan, kaayyoon ijoo marii kana taasifteef baruun ni rakkisa.

Haa ta'u malee, US fi Israa'el waloon Iraan irratti yeroo lola banan Iraan boodarra Ulaa Hormuuz cufuun gabaan boba'aa addunyaa akka dabalu godheera.

Sarara boba'aan addunyaa dhibbeentaa 20 ta'u keessa darbu Ulaan Hormuuz gaafa kaan cufamaa, gaafa kaan banamaa yoona gaheera.

Adaaduma lolli cimeen immoo hidhattoonni Huutii Yaman Iraaniin deeggaraman Galaana Diimaas cufuuf akeekkachiisaa turan.

Hidhattoonni kuni Sa'udi Arabiyaan karaa Galaana Diimaa dooniiwwan ishee akka hin dabarsine dhorkaniiru.

'Ummata Iraanirraa barachuu feena'

Beeksisa bira darbii dubbisi
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Guyyoota muraasa darban immoo hidhattoonni Huutii bakkeewwan qarqara bishaanii Yaman Ulaa Baabel El Mendeebitti baasu to'achuun yaaddoo uumeera.

Osoo kanaan jiruu biyyi waraana Iraaniin hanqina boba'aan rakkatte keessaa tokko kan taate Itoophiyaan gama duree ishee karaatti mariin furamuu malu dubbatteetti.

Pirezidantiin Iraan gama isaaniin waraanni Ameerikaa Giddugala Bahaatti argamu bu'aa akka hin buusneefi naannichatti dhiigni akka dhangala'ufi muddamni akka cimu gumaachu dubbatuu isaanii waajjirri isaanii ibseera.

''Iraan haleellaa gita hin qabne ishee quunnamuu, diinonni qoodinsa uumuf yaaluufi dhiigni akka dhangala'u kakaasan.

''Haa ta'u malee, gochoonni kuni tokkuummaa biyyaa cimsuu,'' himan.

Akkasumas, hariiroon Itoophiyaafi Iraan ''dheeraafi barbaachisaa'' ta'uufi biyyoonni lamaan waggoota 70 oliif hariiroo tolfachuu ibsa keessa taa'eera.

Akkasumas hariiroo Iraan fi Itoophiyaa cimsuurratti mari'achuu miidiyaa hawaasummaa isaanii X irratti pezeshkiyaan barreessaniiru.

Jila Itoophiyaafi jila Iraan Hindiitti

Madda suuraa, @drpezeshkian2

Ibsa waa'ee suuraa, Jila Itoophiyaafi jila Iraan Hindiitti

Boodarra waajjirri Pirezidantii Iraan ibsa baasen akka ibsetti, Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad waa'ee ummata Iraaniis dubbataniiru.

MM Abiy ''fincila, cichoominaafi jaalala biyyaa ummanni Iraan mul'ise milkaa'ina guddaa Itoophiyaan irraa baruu barbaaddudha,'' jechuun dubbataniiru jedhe.

Dabaluunis, ''aarsaa hogganaa warraaqsa Islaamaa Ayaatolaa Sayyiid Ali Kaameniin'' gadda isaanii ibsuu dubbateera.

Haa ta'u malee, gama mootummaa Itoophiyaa MM Abiy kana dubbachuu isaanii ibsi qoodame hin jiru.

Miidiyaa hawaasummaa isaanirrattis kuni hin ibsamne.

Michuuwwan US jajjabeessuu

Ta'us, Ministirri Muummee Abiy yeroo lolli US fi Israa'el Iraan waliin cimetti biyyoota giddugala bahaa michuuwwan US ta'anitti bilbilaa jajjabeessaa, gocha Iraan balaaleeffataa turan.

Yeroo haleellaan Iraanirratti cime, Iraan isa haaloo bahuuf jecha biyyoota Galoo Galaanaa michuu Yunaayitid Isteet ta'anitti haleellaa qilleensaa cimsiteetti.

Haleellaa kanaanis miidhaan dhaqqabeera, biyyoonni kunis mufii jabaa ibsaa turan.

Kanneen haleellaan irratti raawwatame keessaa tokkommoo Kuweetidha.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad Ilma Mootii Kuweet waliin marii taasisaniin birmadummaa biyyattiifi daangaa qilleensaa isheerratti haleellaa raawwatu cimsanii balaaleeffachuu isaanii Maddi Oduu Kuweet yeroos gabaaseera.

Ta'us, dhimma marii kanaas ta'e waa'ee dubbatan waajjirri Ministira Muummee Itoophiyaas ta'e Ministirri Muummee Abiy Ahimad yeroos waan miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti ibsan hin qaban.

Dabaluunis, mootummaan Kuweet fi hooggansi biyyattii birmadummaa biyyattii, tasgabbiifi nageenya ishii kabachiisuuf tarkaanfii fudhattu maraaf deeggarsa isaanii ibsuu gabaafameera.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad Emirii Kataar waliin waraana adeemaa jiruurratti mari'achuunis gabaafameera.

MM Abiy haleellaa Iraan hordofee haala Kataar keessa deemaa jiruurratti gaafachuufi Itoophiyaan haala kana keessatti Kataar bira akka dhaabattu dubbatuun ibsameera.

Akka ibsa kanaatti, MM Abiy Kataar ''karaa nageenyaafi tasgabbii'' Kataar mirkaneessuun akka furan amantaa akka irraa qaban dubbataniiru.

Emiriin Kataar Sheek Tamiim bin Hamaad Al Taanii gama isaaniin ''michummaa isaaniif'' gama isaaniin bulchaa Itoophiyaaf galata dhiheessuufi hariiroo gaarii biyyoonni lamaan qaban leellisan..

Dureewwan lamaan naannicha nageenyatti deebisuuf mariifi furmaata dippilomasiif akka dursi kennamu dubbachuun isaanii ibsameera.

Boodarrammoo Ministirri Muummee Itoophiyaa Pirezidantii UAE waliin bilbilaan mari'achuu miidiyaan mootummaa biyyattii WAM jedhamu yeroos gabaaseera.

Mariin bilbila isaanii kuni yeroo Iraan addatti UAE fi Kataar irratti halleellaa cimsitee taasifame.

''Waraanni cimee dhiibbaa hamaa naannichaa, akkasumas nageenyaa fi tasgabbii idil-addunyaa naannicharratti qabu,'' ilaalchisuun mari'ataniiru jedhameeera.

Ministirri Muummeee Abiy haleellaa Iraan balaaleeffachuu gabaasni kuni eeree jira.

Haleellaan Iraan birmadummaafi seera idil addunyaa sarba jedhaniiruus jedhe gabaasichi.

Erga MM Abiy aangootti dhufanii hariiroon Itoophiyaafi UAE haalaan cimeera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Erga MM Abiy aangootti dhufanii hariiroon Itoophiyaafi UAE haalaan cimeera

Itoophiyaan UAE bira akka dhaabbattu, akkasumas ''muddamni atattamaan akka dhaabbatu'' dureewwan lamaan mari'achuu isaaniillee gabaaseera.

Kana caalaa akka hin hammaanne mariin cimaa akka taasifamullee mari'achuun isaanii gabaafameera.

Bulchaan Itoophiyaa yeroo balaliin xiyyaaraa sababa waraanaan danqametti ''daawwannaa hojiif'' gara UAE imalanii turan.

Keessumaa Pirezidantii UAE Sheek Mohamed bin Zayid Al Nahyan qaamaan wal arganii mari'ataniiru.

''Mariin keenyas michummaa yeroo dheeraa Itoophiyaafi Yunaayitid Arab Emireetis gidduu ture gabbisuu, walta'insaafi tasgabbii naannawaa cimsuu irratti kan xiyyeeffate ture,'' jedhan MM Abiy yeroos Facebook isaaniirratti.

Hariiroon Itoophiyaa fi UAE keessumaa erga MM Abiy Ahimad aangootti dhufanii haalaan cimeera.

Kanaan ala Itoophiyaan Pirezidant Tiraamp Hidha Abbayyaarratti Masriif loogii mul'isan jedhanii xinxaltoonni himanis booda kana hariiroon US fi Itoophiyaa waan cimaa jiru fakkaata.

Akkasumas, Itoophiyaan biyya Iraan waliin hariiroo gaarii hin qabne Israa'el waliin hariiroo cimaa waggootaaf ture qabdi.

Yeroo waraana Kaaba Itoophiyaa biyyoota Itoophiyaan diroonii irraa bitte jedhame keessaa tokko Iraanidha.

Dubbiin Ministira Muummee Abiy Ahimad tibbanaa maal akka akeeku baruun rakkisuus kan kana dura dubbataa jiranirraa waan faallaa akeeku qaba jedhu kanneen itti dhiheenyaan hordofan.