Oladeemaa bidiruu galaana keessatti dhidhimte irra yaabee booda baraarame

Ibsa waa'ee viidiyoo, Watch: Oladeemaa ganna 15 yeroo baraaramu
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Oladeemaan ganna 15 bidiruu galaana cabbaa'aa US keessa jiru Alaaskaa Beeriing jedhamu keessa dhidhimtee turte yaabbatee guyyootaaf dabarsuun booda baraarame.

Maatiin mucaa kanaa Deereek Paarkar Ahnaangaa jedhama kan jedhan yoo tahu balaa mudateen obbolessasaa hangafaa fi durbiinsaa lubbuu dhabanii isa qofaatu hafe.

Sadan isaanii Jimaata gaafa Fulbaana, 4 odola Loowrans jedhamurraa bahanii gaafa Dilbataa iddoo ka'anitti akka deebi'an eegamaa ture.

Tahus bidiruun isaan geessite isaan deebisuu hin dandeenye. Achiin barbaachi isaanii jalqabame.

Eegdonni Karra Galaanaa oladeemaa ganna 15 kana gaafa Wiixataaa ture bidiruu irra taa'ee akka jiru kan isaan hubatan, achi bidiruun naannicha ture biraan gara iddoo nagaa qabutti isa baase.

Yeroo oladeemaan namoota isa baraaraniin gara iddoo nagaa qabuutti yeroo geeffamu.

Madda suuraa, Reuters

Dooniin kuni reeffa firoota isaa lamaan baasuu danda'eera.

"Du'a hamaa yabaltoota lamaan kanaan maatii,firootaafi hawaasa miidhame waliin yaadni keenya jira. Jajjabinsa hawwinaaf,'' jedhe hogganaan Eedota Galaanaa Naannoo Arkitiik.

Dhaabbanni kuni akka jedhetti, yeroo mucaan sun lubbuun baafame mallattoowwan qorra qaamaa hamaa (hypothermia) qaba ture.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Kaapteeniin bidiruu qurxummii Aghnaanga gara bakka nagaa qabutti baase, dargaggeessi sun dukkana keessa fi bishaan qorra 50°F (10°C) ta'e keessatti bidiruutti maxxanee ture jechuun miidiyaaatti hime.

''Gurbaa jabaadha," jechuun kaapteen Adam Waayiit miidiyaa KTUU-TV'tti hime.

"Yeroo isa baasnu ilkaansaa sababa qorraan walitti rigamaa ture, obboleessi isaa ammallee bidiruu sana jala akka jiru nutti hime," jechuun Waayit dubbata.

"Akkasumas, halkan darbe, osoo nuti isa hin oolchin dura, durbiinsaa bishaan keessatti jalaa miliqee akka bade nutti hime."

Haati mucaa kanaa Facebook irratti akka barreessitetti, bidiruun qurxummii isaan keessa turan Sanbata ture galaana irratti kan galagale, gurbaan kuni guyyoota lamaaf galaana irratti nyaataa fi bishaan malee ture.

Vina Kulowiyi, haati Aghnaanga fi obboleessa isaa isa hangafa, ilmaan ishee waan jaallatan hojjechaa akka guddatan himuun, miseensota hawaasa isaanii yeroo hunda dukkaana Savoonga irraa foon bitachuu hin dandeenyeef foon qurxummii dhiyeessuuf ifaajaa turan jette.

Savoonga — ganda jiraattota gara 800 qabu yoo tahu qarqara Alaaskaa irraa alatti, Odoola St Lawrence irratti argama. Afaan Ingilizii fi Afaan Yupik afaanota bal'inaan odolicha irratti dubbatamanidha.

"Ilmaan koo akka maatii fi hawaasaaf deeggaranitti isaan guddisne. Aadaa dhalootaa irraa dhalootatti darbuudha," jechuun Kulowiyi Facebook irratti barreessite. "Nuti waa adamsineetu maatii keenyaaf nyaata dhiyeessina, hawaasa keenyaafis qoodna,'' jette.

Kulowiyi akka jettetti, ilmi ishee lubbuun hafee jiru mana galee fayyaa isaa itti deebi'aa jira.

"Ilmi koo lubbuun hafe, seenaan isaa ajaa'iba dha. Durumaa qabee homaa hin sodaatu, bidiruu irra taa'ee Waaqa kadhachaa ture,'' jedhe.