Idah'n maali? Pirezidant Saamiyaan Idah irra osoo jirtuu biyya bulchuu dandeessii?

Pirezidantii Tanzaaniyaa Saamiyaa

Madda suuraa, FFB

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Duuti abbaa warraa Pirezidantii Tanzaaniyaa, Saamiyaa Suluhuu Hasan, gaaffii yeroo dubartiin Musliimaa abbaan warraa irraa du'e tokko gaddaaf taa'uu qabdu kaaseera.

Dubartiin Musliimaa abbaan warraa irraa du'e tokko 'Idah' taa'uu qabdi.

Idah garuu maali? Yeroo hangamiif tura? Garaagarummaan Idah fi gaddaa maal?

Gaaffiin kun haala Pirezidant Saamiyaan keessa jirtu kan ibsu yoo ta'u, hoggantuu biyyaa ta'uu isheerraa kan ka'e dhimma fedhii biyyaafi ummataati.

Saamiyaan osoo Idah keessa jirtuu biyya bulchuu dandeessii?

Quraan Qulqulluu, Hadiisaa fi hayyoota amantaa Islaamaa iyyaafannee kana qopheessineerra.

'Idah' vs 'Addeenya'

Aadaa Oromoo keessatti dubartiin abbaan warraa jalaa du'e gadda dheeraa keessa turti. Kun 'Addeenya' jedhama.

Kun amantaa Islamaa keessatti 'Idah' jedhama. Jechi kun afaan Arabaa yoo ta'u hiikni isaa ammoo yeroo dubartiin abbaan warraa irraa du'e osoo hin eerumiin turuu qabdudha.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Turtii dubartiin abbaan warraa irraa du'e kun 'Addenyaan' ykn 'Idah' turtu kan amantaa Islaamaa ji'a afuriifi guyyaa kudhan yoo ta'u, aadaa Oromoo keessatti garuu waggaa tokkoo oli ni ta'a.

Seerri kun dubartii abbaan warraa irraa du'e hunda umuriifi sadarkaa kamirrayyu jirtu kan ilaallatudha.

Addeenyaafi gaddi garaagarummaa qaba. Gaddi akka waliigalaatti miiraafi yaadannoo nama du'aan of biraa dhaban tokkoof qaban itti agarsiisanidha. Kun ammoo kan namni, maatiifi firoonni guutuun taasisanidha.

Addeenyi garuu addatti kan haati warraa nama du'e tokkoo yeroo dheeraa keessa turtu.

Yeroo kana keessatti dubatiin kun waan lagattu hedduu qabdi. Filachuufi dibbachuun hin jiru.

Dubartiin 'Idaha'tti jirtu tokkos akka seera Islaamaatti bashannana deemuu, of mimmiidhagsuu, addabaabaayiitti mul'achuufi wantoota gara garaa irraa of ittistu qabdi.

Haata'u malee, dubartiin 'Idah' irra jirti jechuun jireenyishee guutummaan guutuutti dhaabbata jechuu miti. Dubartiin 'Idah'tti jirtu guutummaan gadda keessa taati jechuu miti. Haalonni tokko tokko dubartiin akkasii akka seerota kana cabsan ni taasisu.

.

Madda suuraa, Ik

Ibsa waa'ee suuraa, Rais Samia

Haalota ykn seerota hojiirra oolmaa Idah 7

.

Madda suuraa, Iku

Ibsa waa'ee suuraa, Mwili wa Mume wa Rais Samia, Ameir Hafidh hapo jana kabla ya kuzikwa huko Zanzibar

Sheek Ahimad Kutii Mana-barumsaa Islamaa Toroontoo, Kanaadaa jirutti hayyuufi barsiisaadha.

Idah ilaalchisee haalotaafi seerota hojiirra oolfaman 7 adda baasuun ibsa.

Yeroo dubartiin Idah teessu dabalatee, maal gochuufi gochuu dhiisuu akka qabdu tarreessa.

1. Turtiin Idah ji'a afuriifi guyyoota kudhan ta'a.

Dubartii abbaan warraa irraa du'ee garaatti hin baatiin, Idah'n ji'a afuriifi guyyoota 10 yoo ta'u, kunis Quraana Surah Al-Baqarah 2:234 irratti ibsameera.

2. Ulfa ta'uun haala addaan ilaalama

Akka Sheek Ahimad Kutii ibsutti, dubartiin garaatti baattu erga deesseen booda Idah itti fufti. Iraaq irraa hayyuu Shia kan ta'e Sayid Alii Al-Huseenii Al-Sistaaniin ammoo akkaataa dubartiin deesse tokko Idah itti hojiirra oolchitu ilaalchisee ilaalcha addaa qaba. Osoo turtii Idah sana keessa jirtuu daa'ima godhannaan yeroo sana hanga inni xumuramutti eeguu qabdi.

3.Idah keessa osoo jirtuu heerumuu hin dandeessu

Dubartiin abbaan warraashee du'ee gaddarra jirtu tokko hanga yeroon turtii Idah kun xumuramutti nama biraatti heerumuun hin hayyamamuuf. Kun qajeeltoo Quraana keessatti ibsameefi hayyoonni Idah ilaalanii kaa'anidha.

4. Of mimmiidhaksuurraa of qusachuu qabdi

Akka hayyoonni jedhanitti dubartiin du'a abbaa warraasheef gadda keessa jirtu hanga turtii Idah keessa jirtutti of mimmiidhagsuu, meeshaalee miidhaginaan of faayitee mul'achuun hin hayyamamuuf.

5. Uffata adii uffachuun dirqama miti

Yeroo dheeraaf dubartiin abbaan warraa irraa du'ee Idah irra jirtu tokko uffata adii uffachuu qabdii ilaalchi jedhu tureera. Kun garuu dhugaa miti. Akka hayyoonni jedhanitti, dubartii Idah keessa jirtu tokko uffata addii uffachuun dirqama miti.

6. Waan dirqama barbaachisuuf manaa bahuu ni dandeessi

Dubartiin yeroo Idah irra jirtu mana keessatti ugguramtee hafuu qabdi jechuu miti. Sheek Ahimad Kutii dubartiin dhimma barbaachisaaa ta'aniif kan akka hojii deemuu, walllaansa argachuuf hospitaala deemuu ykn meeshaalee manaa bitachuuf manaa baatee deebiyuu ni dandeessi.

Sayid Al-Sistaaniinis dubartiin Idah irra taatee manaa bahuun haraama miti jedha.

7. Hojii, barnootaafi dalagawwan biroon itti fufuu dandeessi

Dubartiin Idah irra taate hanga seera barbaachisaa ta'ee kabajdettti hojiifi barnoota itti fufuu dandeessi.

Dubartiin of mimmiidhagsuu ykn of faayuu hin qabdu jechuun, qulqullina ishee eeggachuu hin qabdu jechuu miti. Dibata urgooftuu ta'an laggatti malee, hin dhiqattu, hin dibattu jechuu miti.

Waa'ee Idah wanta jedhamu 4 - dhugaamoo soba?

"Dubartiin abbaan warraa irraa du'e manaa bahuun hin hayyammauuf "

Ilaalchi akkasi jedhu kun gonkumaa dhugaa miti.

Akka hayyoonni lamaan Sheek Ahumad Kutii fi Sayid Al-Sistaanii ibsanitti dubartiin sababa abbaan warraa du'eef Idah irra jirtu tokko wantota barbaachisoo ta'an guuttachuuf ykn argachuuf bakka hojii, mana yaalaa fi bakkawwan biroo barbaachisoo deemuu ni dandeessi.

Gabaabumatti ala bahuun hin dhorkamu jechuudha.

"Uffata adii uffachuu qabdi."

Ulaagaan kun barbaachisaa ta'us dirqama miti. Wanti dirqama barbaachisaa ta'u of mimmiidhagsuufi of faayyuurraa of qusachuudha malee uffata adii ta'e uffachuu miti.

"Dhiiratti dubbachuun hin hayyamamu"

Dubartiin tokko Idah irra jirti jechuun guutummaan guutuutti hawaasarraa adda baati jechuu miti.

Sheek Ahimad Kutii yeroo barbaachisaa ta'etti dubartiin Idah irra jirtu tokko dhiirota waliin dubbachuu ni dandeessi. Yeroo akkasii kanatti garuu akkaataa dubartii Musliimaa tokkorraa eegamuun dhiira seeraafi daangaa aa'ame osoo hin cabsiin akka dhiirriifi dubartiin abbaa warraafi haadha warraa hin ta'iin waliin dubbachuu qabanitti ta'uu qaba.

"Dubachuu ykn qulqullina eeggachuun hin hayyamamu"

Qulqullina ofii eeggachuufi of mimmiidhagsuun garaa garummaa qaba. Dubartiin tokko fakkeenyaaf wayita daraaraa ji'aarra jirtu dabalatee qulaullina ofiishee eeggachuun ni barbaachisa. Wayita Idah kana wanti dhorkamu meeshaaleen faayaa adda addaa, dibata akka urgooftuufaadha malee, qulqullina ofii eeggachuu miti.

.

Madda suuraa, FB

Pirezidant Saaiyaan waajirashee keessa ni turtii?

Abbaan warraa pirezidantii Tanzaaniyaa Hafiiz Amiir Hasan dhiyeenya kana du'aan boqoteeera. Kun ammoo seera Idah kanaan wal qabsiisee waajirashee keessa turtee hojii itti futimoo ni dhiisti kan jedhu gaaffii kaaseera.

Pirezidant Saamiyaan Idah teessimoo hojii idilee pirezidaantummaashee itti fuftee hojjetti?

"Pirezidant Saamiyaa Suluhu yeroofi bakka barbaachisaa ta'etti nama akka itti heerumtu hin hayyamamneen gaggeeffamtee, kana jechuun firoota ykn miseensota maatiin dabaalamtee hojii guyyuushee hojjechuu, akkasumas walga'uu gaggeessuu dandeessi. Kun ammoo qormaata jiraachuu malu hambisuufidha."

Akkasumas baayyistee of mimmiidhagsuu ykn uffata 'na argaa' jedhus uffachuu hin qabdu. Kanarraa kan hafe hanga dhimmoota walitti dhufeenya jaalalaan wal qabatan ykn gaa'elaa ilaallatan hin kaasnetti hojii pirezidaantummaashee akka itti fuftu amantaan kun ni hayyamaaf," jedhu hayyoonni lachuu.

Pirezidaantummaan hojii akkasumaan ta'e osoo hin taane dhimma biyyaafi heera mootummaa biyyaati; dhimma aangoofi itti gaafatamummaa guddaa ta'edha.

Kanaaf, lammileen Tanzaaniyaa yeroo turtii ji'a afuriifi guyyaa 10 kana keessatti Pirezidant Saamiyaatiin hubachuu akka qaban hayyoonni gaafataniiru. Osoo isheen ilmaan ishee ykn miseensota maatiishee waliin hojjettuu yoo argan ishee hubachuu qabu. Amantiin akka kana gootuuf akka isheef hayyamu hubachuu qabus jedhan..

Akka hayyoonni ibsanitti, Idah Pirezidant Saamiyaa Suluhu hojii pirezidaantummaa ishee akka hin hojjenneef ishee hin dhorku. Sababiin isaa ammoo biyya gaggeessuun itti gaafatamummaa dhimma biyyaa heera mootummaan itti kennamedha waan ta'eef.

Haata'u malee, imalawwan akka isheen carraa dhiirota baayyee waliin wal argitu uumu ykn imalawwan karaa fagoo xiqqeessuu dandeessi.

Wanti ifa ta'uu qabu, Idah qajeelfama amantii yeroo turtii dubartiin abbaan warraa irraa du'e tokko itti daangeffamtee turtudha malee, kallattiidhaan dubartiin sun hojii hundaa fi dalagaawwan jireenya keessatti barbaachisan hunda itti dhiistu jechuu miti.