Haleellaa aanaa Shirkaatti 'daa'imman dabalatee namoota 40 ol galaafate' jedhamee hanga ammaa kan beeknu

Hidhataa qawwee qabatee mul'atu
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Naannoo Oromiyaa, Arsii, aanaa Shirkaa keessatti haleellaa garaa garummaa torban tokkoo keessatti raawwatameen yoo xiqqaate 'daa'imman shan dabalatee namoonni 40 ol ajjeefamuu' namoonni ijaan argineerra jedhan BBC Amharic'tti himan.

Haleellaa Sambata Onkoloolessa 24, 2026 raawwatame jedhameen kannen ajjeefaman, "namoonni 46" bataskaana naannichatti argamu keessatti "boolla tokko keessatti" awwaalamuu isaanii jiraattonni lama fi maddeen bataskaana awwalchi keessatti raawwatame ibsaniiru.

Namoonni "20tti siqan" ammoo miidhaan irra gahee gara hospitaalaa geeffamuu isaanii maddi tokko ibseera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa ibsa fuula Facebook Biiroo Komunikeeshinii naannichaa irratti baaseen, "humnoota Tsimdoo hojii diigumsa biyyaarratti bobba'antu haleellaa kanaa raawwate'' jechuun himate.

Godina Kibba Baha Oromiyaa, aanaa Shirkaa, ganda Collee fi Birmootti Garee"ummata nagaarratti miidhaa lubbuu fi qabeenyaa qaqqabsiisan irratti mootummaan tarkaanfii fudhachuu eegale ummata waliin cimsee itti fufa," jedha ibsi kun.

Biiroon Komunikeeshinii Oromiyaa hogganaa biirichaa Obbo Hayiluu Addunyaa eeruun akka fuula Facebook isaarratti baasetti, "humnooni Tsimdoo ofiin jedhan kisaaraa hamaa kaaba Itoophiyaatti irra gahe kallattii xiyyeeffannoo jijjiiruuf walitti bu'iinsa sabaa fi amantaa uumuuf sochiin taasisan fashala'eeras" jedha

Ibsi kun ajjeechaa kanaaf Waraana Bilisommaa Oromoo (WBO), TPLF fi milishoota Faannoo dabalatee tumsa hidhattoonni torba Fulbaana darbe hundeeffachuu labsuun kaaba Itoophiyaatti humnoota mootummaa Federaalaa fi michoota isaa waliin lolarra jirutti akeekeera.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) waa'ee haleellaa kanaa "odeeffannoo akka qabu" fi "dhimma hordoffiin irratti taasifamaa jiru" ta'uu isaa beeksiseera.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Maddeen BBC'n dubbise akka dubbatanitti, akka caaseffama naannoo Oromiyaa duraan tureetti godina Arsii jala kan ture aanaa Shirkaa, ganda Birboo fi Collee keessatti haleellaan kan baname barii naannoo sa'aatii 11:00 irraa kaaseeti.

Jiraataan abbaan isaa maanguddoo umuriin isaa waggaa 75 ta'e haleellaa Sambata darbeen kanaan jalaa ajjeefame tokko, "halkan sa'aatii 11:00 irratti ture kallattii afuriin kan marfamne. Osoo waan tokko hin qophoofne fi haala wayyuu waayyu hin beekne keessatti kallattii afuriin nu marsan" jechuun haala ture ibseera.

Jiraattonni naannawaa sanaa "eegumsa roondii" taasisaa akka turan kan ibse jiraataan biraa ammoo, ''yeroo namoonnii gara ganamaa roondirraa boqochuuf galan eegattanii dagachiisanii balaa guddaa qaqqabsiisan," jechuun haleellaan kun osoo hin eegamiin banamuu dubbata.

Jiraataan biraa abbaa isaa milishaa ta'e waliin sa'aatii haleellaan kun raawwatametti "ittisaa" akka ture ibse gama isaatiin, "dhukaasa jalqabaa kanan dhaga'e ciiseenidha.

Hidhannoo hanga humna keenyaatti qabannee jirru fudhannee kaane. Haata'u malee, humni kan keenyaa fi kan isaanii kan wal gitu hin taane. Isnaayipparii fi Bireeniin nu lolaa turan" jedhe.

Jiraattonni gandichaa sadii BBCtti akka himanitti, haleellaa barirra jalqabe kanaan walumaagalatti "namoonni 46"ajjeefamaniiru.

Maddi tajaajilaa bataskaana aanaa Shirkaa ta'e ammoo "ganda Collee keessatti namoonni 43 ajjeefamaniiru" jedheera.

Akka jiraataan bakka sanaa kanneen "umuriin isaanii waggaa shan, torbaa fi 10" ta'an dabalatee yoo xiqqaate daa'imman torba ta'an" ajjeefamuu ibseera.

Jiraattota lubbuu dhaban keessa maanguddoonnii fi dubartoonnillee jiraachuu jiraattonni dabalanii ibsaniiru.

Biiroon Komunikeeshinii Oromiyaa ibsa miidiyaa hawaasaa isaarratti baaseen namoonni ajjeefamuu malee waa'ee umurii fi lakkoofsa namoota ajjeefamanii hin ibsine.

BBC'n waan muudate kana ilaalchisee yaada dabalataa Biiroo Kominikeeshinii Naannoo oromiyaa irraa argachuuf bilbillaanis ta'e gaaffii karaa barreeffamaan dhiyeesseef ammatti deebii hin arganne.

Akka ibsa Biirichi baasetti, hogganaan biirichaa Obbo Hayiluu Addunyaa haleellaa raawwatame kanaaf "Tsimdoo" itti gaafatamaa godheera.

''Kisaaraa hamaa kaaba Itoophiyaatti irra gahe kallattii xiyyeeffannoo jijjiiruuf walitti bu'iinsa sabaa fi amantaa uumuuf sochiin Tsimdoon taasise asittis fashalaa'eera" jedhan obbo Hayiluu Addunyaa.

Aanaa Shirkaa keessatti haleellaan Sambata darbe yeroo raawwatamu, kun torban tokko keessatti yeroo lamaffaadha.

ALI Onkoloolessa 2 hanga 7 bara 2019 gidduu guyyoota jiran keessa aanaalee Shirkaa fi Honqolloo keessatti haleellaa walitti aansuun raawwatamaniif yoo xiqqaate namoonni ja'a ajjeefamuu fi shan ammoo butamuu isaanii jiraattonni himanii ture.

Filannoon Biyyaalessaa darbe wayita gaggeeffametti haleellaa raawwataman hordofee Ministirri Muummee Abiy Ahmad haasaa taasisaniin,"kaayyoon namoota nagaa fi dhaabbilee amantaa irratti haleellaa raawwachuu, biyyattiin akka hin tasgabboofnee gochuu fi filannicha gufachiisuuf karoora taasifamedha," jedhan.

MM Abiy haleellaa raawwatame sanaaf Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) itti gaafatamaa taasisaniiru.

WBO'n ajjeechaawwa, namoota butuu, buqqaasuu fi qabeenya mancaasuu irra deddeebiin raawwatamaniif himatamus, yeroo gara garaatti ibsa baasuun gocha akkasii akka loltoonni isaa hin raawwanne haaluun, qorannoon walabaa akka gaggeeffamuuf waamicha dhiyeessaa tureera.