KALLATTIIN, Masiriin rakkoon Yamanitti dhalate furmaata siyaasaa argachuu akka qabu waamicha dhiheessite

Ministirri dhimma alaa Masirii Badir Abdellaatii walitti bu'iinsa Yaman keessatti hammaate mariidhaan furuuf biyyisaanii filannoowwan jiran hunda akka yaaltu ibsan.

Guduunfaa

  • Masiriin rakkoon Yamanitti dhalate furmaata siyaasaa argachuu akka qabu waamicha dhiheessite
  • Atileetiin Itoophiyaa fiigicha maraatooniin beekamtuu fi Maraatoonii Tookiyoo bara 2019 injifatte Ruut Aagaa qoricha dhorkamaa ''methylprednisolone'' jedhamu qabattee argamuun ykn fayyadamuun waggaa ja'aaf fiigicharraa ugguramte.
  • Walitti bu'iinsa magaalaa Moyaaleetti mudateen jiraattonni magaalattii gara Keeniyaatti baqataa jiraachuu mootummaan Keeniyaa beeksise.
  • Haleellaan Huutii hammaannaan US dippiloomaatonnishee Saa'udiitii akka bahan ajajje
  • UKn haleellaa Huutiin Sa'ud Araabiyaarratti gaggeessu qolachuuf xayyaarota waraanaa bobbaasufi
  • Humni TPLF akkamitti yeroo gabaabaa keessatti magaalota hedduu dabalatee kutaalee naannichaa harka caalu gadhiisee ba'uu danda'e? Itti aanee maaltu mudachuu mala?
  • Odeessaalee biroo karaaMarsariitii (Website), Instagram, YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok keenyaas ni argattu.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Atileetiin Itoophiyaa qoricha hin eeyyamamne fayyadamuun waggaa ja'aaf fiigicharraa ugguramte

    Atileet Ruut Aagaa

    Atileetiin Itoophiyaa fiigicha maraatooniin beekamtuu fi Maraatoonii Tookiyoo bara 2019 injifatte Ruut Aagaa qoricha dhorkamaa ''methylprednisolone'' jedhamu qabattee argamuun ykn fayyadamuun waggaa ja'aaf fiigicharraa ugguramte.

    Jaarmiyaan Athletics Integrity Unit jedhamu atileetiin umrii waggaa 32 Ruut Aagaa jalqaba waan qoricha dhorkame kana fudhachuun ishee mirkanaa'eef waggaa lamaaf fiigicharraa akka ugguramtu murtaa'uu ibse.

    Jaarmiyaan kun atileetittiin qoricha kana gorsa ogeeyyii fayyaan fayyadamuushee ragaa dogoggoraa dhiheessuun qorannoo isheerratti gaggeeffamaa ture waliin dhahuu isheen waggaan afur itti dabalamuu ibse.

    Walumaagalatti waggaa ja'aaf fiigicha ugguramte jedhe.

    Qorichi kun dhukkubbii fi dhadhabbii ykn mukaa'uu kan hir'isuu fi hatattamaan akka dandamatan kan nama gargaaruudha.

    Atileet Ruut Aagaa erga Bitootessa darbe fiigicha walakkaa maraatoonii Chaayinaatti injifattee booda rakkoo kana keessa buute.

    Atileetiin Itoophiyaa kun Fulbaana 10 irraa eegaltee fiigicharraa ugguramteetti.

    Atileet Ruut Aagaa fiigicha maraatoonii gurguddoo addunyaa irratti hirmaachuun yeroo sadi lammaffaan, yeroo lama ammoo sadaffaan xumurteetti.

  2. Yooyyaa!

    Tamsaasa kallattii eegalleerra. Rakkoo nageenyaa Mooyaalee fi taateewwan biyya keessaa akkasumas odeeffannoo addunyaarra jiran karaa kanaan isin biraan geenya.

    Tamsaasa kallattii armaan duraan odeeffannoo dhiheessaa turre asii argattu.

    Odeessaalee biroo karaaMarsariitii (Website), Instagram, YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok keenyaas ni argattu.