Shaampiyoons Liigiin deebiyeera - barana eenyu mo'ata, taphattoota kam daawwachuu hawwitu?

PSG yeroo waancaa Shaampiyoons Liigii mo'atetti

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Shaampiyoons Liigiin kilaboota ciccimoo Awurooppaa gidduutti waggaa waggaan gaggeeffamu deebiyeera. Morkii guddaa Waxabajji 5, 2027 Maadiriiditti goolabamu kana mo'atee eenyutu 'waancaa gurra guddatu' kana harka galfata?

Paaris St-Jarmeen (PSG)n tapha Kibxata Fulbaana 8, 2026 jalqabu kana si'a sadaffaaf mo'achuuf karoorfataniiru.

Kilaboonni Ingilaand shan PSG dhaabuudhaaf ni yaalu. Keessumaa bara darbe waancaa Shaampiyoons Liigii kanaaf qaqqabee dhumarratti PSGn kan mo'atame Arsenaal, bara kana tilmaamni guddaan kennameeraaf.

Ogeessota kubbaa miilaa lama: Juuliyaan Laawuransiifi Guulam Balaaguu eenyu akka mo'achuu danda'u gaafanneerra. Isaanis gahumsi kilabootaa maal akka fakkaatu ilaalanii tilmaama isaanii kaa'aniiru.

Eenyuti mo'ata?

Juliyaan Laawurans:

PSGn si'a sadii walitti aansanii mo'annaan milkaa'ina addaa ta'ee isaaniif galmaa'a. Haata'u malee, kana ni milkeessu jedhee hin yaadu. Si'a lama walitti aansuun mo'achuun milka'ana guddaadha. Kanas milkeessaniiru. Sadii walitti aansuun mo'achuun yoo taphataa akka Kiristaanoo Ronaaldoo of keessaa qabaatan malee waan danda'amu miti. Isa ammoo isaan hon qaban.

Ani itti ni dhiyaatu jedheen yaada. Yoo xiqqaate xumura walakkaa ni qaqqabu jedheen yaada, garuu si'a sadii walitti aansanii mo'achuun ulfaataa ta'a jedheen yaada.

Pirojektii Joosee Moriinihoon Riyaal Maadiriid waliin qabatee jirus ani guutummaan itti hin amanu. Kanaaf, Baayer Muniik fi Arsenaal waancaa Shaampiyoons Liigii kanaaf ni qaqqabu jedheen tilmaama. Isaan kunneen lamaan baroota lamaan darban PSG kan waancaa fudhateen ala dhumaaf warra gahan turan.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Ani kan baranaa kana Arsenaal ni mo'ata jedheen yaada. Sababiin isaa ammoo isaan Awurooppaa keessatti garee sarara ittisaa cimaa qabanidha. Kun ammoo akka isaan mo'atan isaan gargaara. PSGn kilaboota dhumaa afur walitti hafan keessaa tokko yoo ta'u, Baayer Muniik ammoo hanga dhumaatti deemee dhumarratti kan mo'atu ARsenaal ta'a.

Guulem Balaaguu:

Bara kana jalqabbiin PSG wal qixxaataa miti waan ta'eef sadarkaa isaanii eeggatanii itti fufuun ni ulfaata. Leenjisaan garee kanaa Luuwis Eneriikeen kilabicha agarsiiftuu dandeettii kubbaa miilaa gochuuf dhiibbaa guddaa gochuuf yaalaa jira. Haata'u malee, xiqqoo wal simannaan bara kana qaban dafee wal qixxaataaf kan jiru hin fakkaatu.

Kanaaf, PSGn bara kana mo'achuutti ni dhiyaatu malee hin argatan.

Baarseloonaan fagoo deemuuf jira. Leenjisaan garee kanaa Haans Filiik fi taphattoonni kaka'umsaafi gahumsa barbaachisu qabu. Arsenaal akkuma kana tapha mo'atee darbuu aadeffateera. Kanaaf, kilaboonni kunneen sadan (PSG, Baarseloonaa fi Arsenaal) dhumarratti walitti hafu. Boodarra Baayer Muniik, Riyaal Maadiriid ykn Maanchester Siiitii keessaa tokkotu darbee xumura walakkaatiif isaanitti makamuuf jira.

Arsenaal yeroo waancaa Shaampiyons Liigii 2025-26 irratti medaaliyaa fudhataa jiran

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Arsenaal yeroo waancaa Shaampiyons Liigii 2025-26 irratti medaaliyaa fudhataa jiran

Taphattoota keessaa eenyuun hawwiin eegdu?

Juliyaan Laawurans:

Shaampiyoons Liigii bara kanaa keessatti taphattoota eegaman shan filadheera. Kan jalqabaa Juud Beelingihaam ta'a. Barri kun isaaf akka dhuunfaatti Riyaal Maadiriid ammoo akka gareetti gahee lakkoofsa 10 kana irratti bara akka addaatti eegamudha. Waancaa Addunyaa 2026 irratti ga'umsa ajaa'ibaa agarsiisee booda, ammas kaka'umsi isaa kun Riyaal Maadiriid keessattis mul'ataa jira. Ani goolii baayyee lakkoosisuun cimina addaafi murteessaa agarsiisa jedheen eega.

Taphataa lakkoofsa 10 Koomoo Nikoo Paaz kilabicha keessatti akka addaatti mul'ataa jira. Kilabichi Shaampiyoons Liigii keessatti yeroo jalqabaatiif hirmaachaa jira. Leenjisaa isaanii Seesk Faabirigaas jalatti tapha baayyee nama hawwatu agarsiisa ajiru. Paaz ammoo taphataa ajaa'ibaati.

Shaampiyoonaa bara darbee Kiviichaa Kavaraskeeliyaan hedduu eegama. Baroota darban lamaan keessa PSG keessatti gahumsa ajaa'ibaan mul'achaa tureera. Sarara fuula duraa gama bitaarraan miila lachuu fayyadamuun (miila bitaafi mirgaa) fayyadamuun) sarara ittisaa garee morkattootaaf yaaddoodha. Gooliiwwan babbareedoos lakkoofsiseera. Taphataan kun badhaasa kubbaa miilaa guddicha Ballon d'Or irrattis ni eegama jedheen yaada. Taphataan kun akka malee kan nama haawatudha.

Kilabiin Faransaay biraa Leens bara kana Shaampiyoons Liigiitti deebiyeera. Kilabiin kun bara dare PSG Liig 1 keessatti hedduu dura dhaabbachaa tureera. Ismaa'eloo Gaanihuu ammoo taphataa isaanii shakkii tokko malee hunda caaludha. Taphataan umuriin isaa waggaa 21 kun sarara ittisaa irratti gama hundaan ajaa'iba. Taphataan kun dhuma bara kanaarra gadhiisee gara kilaba Piriimer Liigii deemuu danda'a.

Erga Aston Viilaa gadhiisee gara Roomaa deemee Dooniyeel Maalen tapha irratti hirmaaterratti haala jechuun danda'amuun goolii lakkoofsisaa jira. Taphni isaanii daawwachuuf kan namatti tulu warri Roomaa Shaampiyoons Liigiitti deebiyaniiru. Kanaaf, Maalen ga'umsa olaanaarra gahee ni argina.

Guulem Balaaguu:

Taphataan sarara fuula duraa Baayer Muniik Harii Keen Ballon d'Or akka mo'atu taphataa tilmaamni kennameefiifdha. Taphtaa badhaasa kanaaf maluufi Baayer Muniik keessatti sirriitti itti tolee daran cimina isaa agarsiisaa jirudha jedheen yaada.

Taphataa ol adeemaa Baarseloonaa Lamiin Yaamaal tapha caalu agarsiisuuf waltajjii Shaampiyoons Liigii kana dheebotaa jira. Leenjisaan garee kanaa Haans Filiik ammoo gareen sun akka adda ta'ee mul'atu barbaada, keessumaa ammoo gurbaan kun akka bahee mul'atu ni eegama.

Kiviichaa Kavaraskeeliyaan ammas taanaan PSG waliin sadarkaa biraarra ga'uuf ta'a. Garee kana akka mo'atu gargaaree taphataa morkii guddaa kanarratti ifaa mul'atudha.

Taphataa badhaasa Ballon d'Or mo'atu ta'a jedhees nan eega.

Bara darbe miidhamaafi haala rakkisaa keessa kan ture amballiin Arsenaal Maartiin Odegaard, bara kana gahumsa addaatiin as bahaa jira. Taphataan lammii Noorway kun tapha keessatti ol aantummaan kubbaa to'atee, gareen isaas akka ofitti amanamummaan socho'u gochuun daawwattoota ajaa'ibsiisuun isaa waan oolu miti.

Kilaba isaa gaggeessuutti dabalaee tapha namuu daawwachuu jaallatu agarsiisuuf ta'a.

Shaktaar taphattoota Biraazil irraa ta'an qaree baasee gabaa Awurooppaa keessatti maallaqa miliyoona irraa argachuun n beekama. Taphataan umuriin isaa waggaa 20 ta'e Kaahuhaa Eliyaas amma taphataa itti aanu iji irra jirudha.


Kiviichaa Kavaraskeeliyaan, Juud Belingihaam fi Maartiin Odegaard

Madda suuraa, Getty Images

Ragaan jiru eenyu akka mo'atu agarsiisa?

Akka tilmaama Opta taamaan bara kana Shaampiyoons Liigii Awurooppaa kan mo'atu Arsenaal ta'a. Bara darbe hanga xumuraatti kan dhufe Arsenaal carraan bara kana mo'achuu isaa %20.4 akka ta'e agarsiisa tilmaamni Opta kun.

Bara darbe PSGn kan mo'amee xumura walakkaarratti keessaa gale Baayer Muniik ammoo bara kana carraan Shaampiyoons Liigii mo'achuu isaa %20 akka ta'e tilmaamni Opta ni mul'isa.

Akka tilmaama kompiitara (Opta) kanaatti carraan shaampiyoonaa bara darbee kan ta'e PSG yeroo sadaffaa walitti aansee mo'achuu %7.3 ta'a. Kunis PSGn sadarkaa afuraffaarra akka ta'udha. Shaampiyoonaa bara 2023 kan ture Maanchester Siitiin tilmaamni sadarkaa sadaffaa kennameeraaf; kun ammoo carraa mo'achuu isaa %12.7 jechuudha.

Kilaboonni Piriimer Liigii shanan carraa Shaampiyoons Liigii mo'achuu isaanii walumaa galatti warra jalqabaa 10 keessa jiru. Carraa hundi isaanii warra dhumaa 16 keessa galuuf qabanis %50 ol kennameeraaf.

Kilaboota carraan ramaddii warra morkattoota rakkisoo hin taane waliin isaan baase keessaa tokko Liiverpuul ta'a akka Opta kanatti. Garee Liiverpuul keessa jiru kana keessaa Istuugaart fi Inter Miilaan achi keessatti warra carraa darbuu qaban keessaati.

Arsenaal ammoo Riyaal maadiriid fi Baayer Muniik waliin ramaddii qaba. Isaan kunneen warra cimoo yoo ta'an, hanga tokko laafoo ta'u tilmaamni jedhamu kanneen kennameef warri akka Sabaah fi Silovaan Biratisaavaan jiru.

KIaboota Ingliiz shanan keessaa Maanchester Siitiin ramaddii hamaa ta'etu isa mudate. Maanchester Siitiin kilaboota Awurooppaa gurguddoo Baarseloonaa fi PSG, akkasumas Naappoolii waliin qormaatatu isa eeggata.