Itoophiyaa biyya Afrikaa keessaa loonin beekamtutti gatiin foonii maaliif qaalii ta'e?

Aadaa nyaata Itoophiyaa keessatti foon heddumminaan kan sooratamu yoo ta'u, gatiinsaa garuu yeroo gara yerootti dabalaa deemuun gaaffii kaasaa jira.
Keessumaa magaalaa Finfinnee keessatti yeroo gabaabaa keessatti gatiin foonii garmalee dabale jedhamuun miidiyaa hawaasaa irratti namuu wal-harkaa fuudhee irraa dubbataa jira.
Kaan ammoo manneen daldala foonii gatii sababa malee dabalaa jiraachuu ibsuun namoonni akka irraa hin binneef waamicha gochaa jiru.
Gatiin foonii kiiloon tokko 6,000 hanga 7,000 ta'uu ibsuun maamiltoonni daldaltoota irraa foon bituu akka lagatan miidiyaa hawaasaa irratti waamicha kan godhanis heddu.
Namoonni yeroo ammaa foon bitanii nyaachuun waan akka salphaatti hin danda'ame ta'uu miidiyaa hawaasaa irratti mufiisaanii ibsataa jiru.
Jiraataa magaalaa Finfinnee kan ta'e Efreem Abdoo TikTok irratti qabiyyee garaa garaa kan hojjatu yoo ta'u, Finfinnee keessatti gatiin foonii waggaa lama dura gatiin foonii kiiloon tokko birrii 2,000 ture amma dachii sadii oliin dabalee hanga birrii 7,000tti gurguramaa akka jiru hima.
Bakkaa bakkatti gatiin foonii garaa gara ta'us, bakkeewwan kanaan dura foon kiilon tokko birrii 700 - 800 ture amma hanga birrii 2,000tti gurgumaa akka jiruufi naannoo gatii qaaliin itti gurguramaa turetti ammoo amma foon kiiloon tokko hanga birrii 7,000tti gurguramaa jiraachuu hima.
Magaalaa Adaamatti daldalaa foon re'ee kan ta'an Obbo Ifaa Dhaabii sababa qaala'iinsa jireenyaan maamiltoonni isaanii dhibbeentaa 70 gadi bu'uu himu.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Akka Obbo Ifaan jedhanitti, waggoota darban keessa gatiin re'ee garmalee dabaluurraa kan ka'e gatiin foon re'ee akka dabaluuf sababa ijoodha.
Waggoota 10 darbaniif foon re'ee daldalaa jiraachuu kan himan Obbo Ifaan, re'een duraan birrii 5,000 turte amma birrii 20,000 galuu ibsu. Kanarraa kan ka'e Adaamatti foon re'ee kiilon tokko birrii 3,500 galuu himu.
"Waggaa 10 dura birrii kuma dhibba tokkoon (100,000) re'oota konkolaataa guutuu binna ture. Amma garuu maallaquma kanaan yoo guddate re'ee afur qofa bituu dandeenya," jedhu Obbo Ifaan.
Jiraataa magaalaa Finfinnee kan ta'aniifi daldala dhuunfaasaanii kan qaban Obbo Asfawu, kanaan dura hiriyoota waliin wal-arganuun guyyaa soomaa yoo hin taanen alatti torbanitti yoo xiqqaate si'a tokko foon wal-affeeeruun baramaa akka ture BBCtti himan.
Amma garuu gatiin foonii qaala'uurraa kan ka'e isa dur torbaniin wal-arganii foon wal-affeeran amma ji'atti si'a tokko qofa akka wal-argan himu.
Manneen foonii TikTok irratti beeksisuu irratti akka hojjatu kan himu Tasafaa Nadhaa kanaan dura namoonni Kaafetti wal-arguun dhimmoota garaa garaa mariyatan mana foonii filataa dhufuu ibsa.
Aadaa nyaataa Itoophiyaa keessatti foon soorachuun iddoo kan qabu ta'us, sababa gatiinsaa qaala'eef humna bituu danda'uu namaatii ol ta'aa jiraachuu hima.
Qala'iinsi gatii foonii duula miidiyaa hawaasaa irratti taasifamu qofaan furamuu akka hin dandeenye kan ibsu Tasfaan hunduu irratti mariyachuun furmaata akka ta'e akeeka.
Manneen foonii gatii qaalidhaan foon gurguran irratti duulli karaa miidiyaa hawaasaa taasifamaa jiru hawaasa bira gahuurraa kan ka'e maamiloonnisaanii hir'ataa dhufuu akka taajjabe hima Efreem.
Manneen foonii TikTok irratti kan beekisu Tasfaa Nadhaa, Finfinnee keessatti manneen foonii qulqullinaafi tajaajila kennaniin beekaman lakkoofsan 50 akka hin caalle himuun lakkoofsa uummataa Finfinneen yoo wal-bira qabamu ammayyuu damee daldalaa guddachuuf carraa qabu akka ta'e hima.
Sangoonni qalmaataa gabaarraa bitamanii qalamuun adeemsa fayyadamaa bira gahuu keessatti gidduutti dhiyeessitoonnif faddaaltonni baay'achuunis daballii gatiif wantoota sababa ta'an keessaa ta'uu eera.
Sanyiin sangootaa, qulqullina foonii, baasii sangoota qallabuuf oolu fa'aan gatii foonii murteessurratti dhiibbaa uuma.
Qaala'iinsa jireenyaafi gatii foonii
Ogeessa diinagdeefi tarsiimoo kan ta'an Qosxaanxiinoos Barheetasfaa (PhD) akka jedhanitti gatiin foonii dabaluun qaala'iinsa jireenyaa irraa addatti qophaatti waan ilaalamuu miti.
Dandeettiin bituu birrii Itoophiyaa dhaabbataa ta'uu dhabuu, walitti bu'iinsa, rakkooleen omishaafi raabsaa fa'aa daballii gatiif galtee akka ta'an ibsu.
Gatiin birii gadi bu'uun sababa ijoo ta'uu kan ibsan Qosxaanxiinoos, kanaan dura dolaarri tokko birrii 56tti kan jijjiiramu yoo ta'u, boodarra birrii 160fi isaa ol ta'uu kaasu.
Kuni ammoo meeshaalee alaa galan kanneen akka omishaalee zayitaa, uffataafi omishaaleen heddu sababa kanaan gatiinsaanii akka dabalu ibsu.
Rakkoon nageenyaas sababoota ijoo keessaa tokko ta'uu kan himan ogeessi diinagdee kun, omishni yeroon gabaa akka hin qaqqabne, bakkeewwan rakkoo nageenyaa qabanirraa omishni akka gabaaf hin dhiyaannefi magaalaafi bakkeewwan garaa garaa qaqqabuuf adeemsa dheeraa keessa darbuun daballii gatiif akka gumaata guddaa qabu kaasu.
Akka isaan jedhanitti, lammiilee Itoophiyaa keessaa gatii foonii kaffalachuu kan danda'an namoota muraasadha.
Gama biraan ammoo qotee bultoonni gatiin foonii olka'uu bilbilaan odeeffannoo waan argataniif sangaa gabbate gatii olaanaan gurguruuf kaka'uumsa agarsiisaa jiru.
Haala akkanaa keessatti gatii to'achuuf waldaan shamattootaa gahee guddaa taphachuu akka danda'u himu ogeessi diinagdee kun.
Waldaaleen shamattootaa Itoophiyaa keessatti dhaabbataa jiraachuu kan hima Qosxaanxiinos, jabaatanii yoo gurmaa'an daballii gatii to'achuufi daldaltoonni seera daladalaa akka kabajan gochuurratti heddu gumaachuu akka danda'an ibsu.
Biiroon Daldalaafi Biiroon Nageenyaa Finfinnee ibsa baasaniin, daballii gatii foonii sirreessuuf abbootii qabeenyaa mana foonii waliin marii gochuu beeksisan.
Marii godhamerrattis, bittaafi gurgurtaa horii qalmaarratti giddu seentummaan faddaaltotaa gatiin foonii akka qaala'uuf sababa ijoo akka ta'e irratti waliigalamuutu ibsame.
Biiroon daldalaa gatiin foonii dandeettii bituu jiraattotaa waliin wal-simuu akka qabu yoo ibsu, Biiroon Nageenyaa ammoo faddaaltota seeran alaa gabaa bittaa gurgurtaa horii keessaa akka bahan gochuufi to'annoo cimsuurratti akka hojjatu beeksise.
Marii abbootii qabeenyaa mana foonii waliin godhame jedhame kanaan, yeroo gabaabaa keessatti gatii foonii irratti sirreeffama akka godhan irratti waliigalamuus ibsame.
Itoophiyaan horii gaanfaa miliyeena 70 kan qabdu yoo ta'u, hoolotaafi re'oota miliyeena 95, gaala miliyeena 8 qabaachuu Afrikaa keessa biyya lakkoofsa horii heddu qabaachuun beekamtu ta'uushee ragaan UN ni agarsiisa.




























