Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Shakkamtootni Finfinneetti Qiddusaan Yirgaalam ukkaamsuun ajjeesan, yakkicha raawwachuu amanuu poolisiin ibse
Ajjeechaa obboleettii hangafaa Ruut Yirgaalam hordofee hiriyaa iRuut dabalatee shakkamtoota kudhan to'achuusaa Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksise.
Ruut Yirgaalam Itoophiyaa bakka bu'uun dorgommii miidhaginaa 'Miss Warlid' 2026 irratti kan hirmaattu yemmuu ta'u, obboleettishee hangafaa kan taate Qiddusaan Yirgaalam erga butamtee booda ajjeefamuunshee ni yaadatama.
Ajjeechaa kanaan walqabatee dubartiin hiriyaa Ruut turtefi jaalalleenshee akkasumas namoonni biroon saddeet qindoominaan "bifa gara jabeenyaan guutameen ajjeesuun" shakkamanii to'atamuu poolisiin BBC'tti himeera.
Ajjeechaan kun kan raawwatame obboleettii miidhamtuu kan taate Ruut jalqaba ji'a Hagayyaa dhufutti Veetinaamitti adeemsifamuu kan eegalu dorgommii 'Miss Warlid 2026' irratti hirmaachuuf qophiirra wayita jirtutti.
Aadaa biyyashee caalmaatti hubachuun akka beeksistuuf ji'oota sadan darbaniif kutaalee biyyattii garagaraa keessa socho'uun daawwachaa kan turte Ruut, wayita magaalaa Arbaa Miinci turtetti ture butamuu obboleettiishee kan dhageesse.
Hogganaa Qajeelcha Qunnamtii Ummataa Poolisii Finfinnee kan ta'an Komaandar Toomaas Isheetee, shakkamtoonni "maallaqa fudhachuuf yaaduun" ajjeechicha raawwachuusaanii wayita poolisiif jecha kennanitti akka amanan himaniiru.
"Rakkoo maallaqaa qabna, rakkoo maallaqaa sana salphisuuf yakka kana raawwanneerra" jechuun shakkamtoonni qorattoota poolisiif jecha isaanii kennuu isaaniis himaniiru.
Shakkamtoonni kun miidhamtuu butuun erga ugguranii booda maatiinshee birrii miliyoona 2.5 akka kaffalan gaafatanii akka turan poolisiin beeksiseera.
Maallaqicha fudhachuufis maatii miidhamtuu walin haasaa taasisaa turuusaaniifi namoota maallaqicha maatii miidhamtuurraa fuudhanis ergaa akka turan himameera.
Ga'eettii ganna 30 kan taate Qiddusaan Yirgaalam dizaayinara uffataa yemmuu taatu dabalataan immoo faayawwan garagaraa gurguraas turte.
Shakkamtoonni yakkicha raawwachuusaanii akka amanan kan himan Komaandar Toomaas, yakkicha eessa fi akkamiin akka raawwatan iddoo taajabdoonni jiranitti hanga iddichaa deemuun agarsiisuusaanii hubachiisaniiru.
Akka taajjabaatti adeemsa yeroo qorannichaa hordofaa kan turanfi bakka bu'aa qopheessitoota Miss Warlid Itoophiyaa kan ta'an Ababaawu Abbaba, shakkamtoota to'ataman keessaa isheen tokko kutaa 9ffaarraa eegalee hiriyaa dhiyoo Ruut akka turte himaniiru.
Hariiroon hiriyummaa Ruut fi shakkamtuu tana gidduu jirus adeemsa keessa cimaa deemuusaatiin akka maatiitti walitti dhiyaachuun wal gaafachaa akka turan Obbo Ababaawu dubbatu.
Haa ta'u malee erga waggaa tokkoo as sababa dhibdeewwan isaan gidduutti uumamaniin hariiroo hiriyummaasaanii adda kutuun walirraa fagaatanii turan jedhan.
Obbo Ababaawu akka ibsanitti shakkamtuun hiriyaa Ruut turte tun Jimaata Adoolessa 10, 2018 eenyummaashee dhoksuun maqaa nama biraatiin Qiddusaaniif bilbiltee turte.
Ergasiis guyyaa dhalootaa Ruut erga darbee ji'oota lama lakkoofsise 'sarpiraayiz' gochuu akka yaaddefi faayawwan miidhamtuun gurgurtu bituu akka barbaaddu itti himuun miidhamtuu beellamuushee dubbatan.
Qiddusaanis dhimmicha amanuun Jimaata waaree dura gara mana cuunfaa magaalaa Finfinnee naannoo Meeksikoo jedhamuun beekamu argamutti imalte.
Wayita mana cuunfaa sana seentu garuu nama biraa of fakkeessuun bilbiltee kan beellamte hiriyaa obboleettishee duraanii akka taate arguushee himan.
Itti aansuunis shakkamtuun "kanaan dura isin muufachiiseera waan ta'eef osoon dhugaa sitti himeera ta'e hindhuftu jedhee waanan yaadeef maqaa nama biraatiin sif bilbile' jetteenirti" jechuun Obbo Ababaaw himu.
Ajjeechaan kan irratti raawwatame Qiddusaan gama isheetiin, "osoo sitti muufanneerra ta'ee wayita harmeenkee dhibamtee turtetti fi wayita boqottu dhufnee singaafannu ture. Kanaafuu nuti hoomaa sitti hinqabamne" jechuun akka deebisteefis hubachiisaniiru.
Itti aansuunis shakkamtuun "mana haaraa kireeffadheen jira; kanaafuu osoo dhuftee manakoo naaf ilaaltee nan gammada" jechuun Qiddusaan gaafatte.
Dabaluunis "yeroo ammaa jireenyikoo akka gaariitti fooyya'eera, dabalataan immoo hojiiwwan ati hojjechuu dandeessu fideen dhufe waan ta'eef achuma mana koo geenyee haasofna" jechuun gara mana kondominiyeemii naannoo Koyyee Facceetti kireeffatetti ishee fudhattee akka deemtes Obbo Ababaawu himaniiru.
Akka odeeffannoon poolisii Magaala Finfinnee mul'isutti shakkamtoonni kunneen bakka itti Qiddusaan ukkaamsan kondominiyeemii koyyee Facceetin alatti mana biraa kireeffachuun gara dabarsan.
Qiddusaan guyyaa itti ugguramte Adoolessa 10/2018 irraa eegalee hanga guyyaa du'uunshee amaname dilbata Adoolessa 12, bara 2018tti nyaata akka hin argannetu himame.
Shakkamtoonni kunneen Qiddusaan erga ajjeesaniin booda maatiisheetti bilbiluun maallaqa gaafachuu qorannoon poolisii akka mul'isu Komaander Toomaas ibsan.
Dhimmicha itti dhiheenyan hordofaa kan jiran Obbo Ababaawu akka jedhanitti, Ajjeechaan kuni Dilbata kan raawwatame yoo ta'u, ukkaamsitoonni kunneen garuu wixata bilbiluun maallaqa gaafachuu itti fufan.
Hiriyaa fi jaalalleen duraanii Ruut Qiddusaan gara jabinaan ajjeesuuf kan murteessan " yoo siargite waan sibeektuf nuqabsiisuu dandeessi" jechuun yaadda'uu irraa kan ka'e akka ta'e himu.
Komishinii poolisii Magaala Finfinneetti hogganaan qunnamtii uummataa Komaander Toomaas Waa'ee ajjeechaa kanaa yoo ibsan, "ammatti miidiyaa fi uummatatti ibsuuf wantoonni ulfaatan tokko tokko jiru" jedhan.
"Miidhamtuu kanarratti gochi raawwatame gara jabummaan kan guutame" jechuun yakkichi hangam ulfaataa akka ture ibsan.
Yakka kana raawwachuun kan shakkaman hiriyaa fi jaalallee duraanii Ruutiin alatti yakkicha waliin kallattiinis haa ta'u alkallattiin hariiroo qabaachuutti kan shakkaman namoonni saddeet too'annoo jala ooluun qorannaan taasifamaa jiraachuus eeran.
Obbottiin miidhamtuu kanaa kan taatee fi dorgommii miidhaginaa idil addunyaa bara 2026 irratti Itoophiyaa bakka bu'uun kan dorgomtu Ruut Yirgaalem, Du'a obboleetiishee kanaan gadda cimaa keessa jiraachuu bakka bu'aan Koree qophii miss world Itoophiyaa Obbo Ababaaw himan.
Ruut Hagayya 3 bara 2018 kan jalqabamuu fi biyyootni 170 irratti hirmaatan irratti qooda fudhachuuf gara Veetinaam imalti.