Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kutaaleen Itoophiyaa El-Ninoof saaxilamoo ta'an isaan kami? Rakkinichi hagam yaaddessaadha?
Kanaan dura kutaalee Itoophiyaa garagaraatti roobni akka malee roobuun yookiin immoo waqtiisaa osoo hin eegiin roobuun miidhaa qaqqabsiisaa tureera.
Bara kanas yaaddoo miidhaawwan El Niinoo kan ta'an roobni xiqqaafi roobni hanga eegamuu ol roobuun hawaasarratti aggaaman ilaalchisee gabaasawwan bahaa jiru.
Raagni dhaabbata metiroloojii idil addunyaa akka agarsiisutti Itoophiyaa, kutaalee Eertiraa harka caalmaa, Sudaan Kibbaa, Yugaandaa, Jibuutii, Sudaan akkasumas kutaaleen gara dhihaafi qarqara garbaa Keeniyaa rooba idilee gadii akka argatan eegama.
Waqtiin kun waqtii naannichi rooba waggaa keessaa naannoo dhibbeentaa 50 ta'u itti argatu ta'uusaatiin hanqinni roobaa: qonna, dhiyeessii bishaanii, wabii nyaataa fi fayyaa hawaasaarratti dhiibbaa kan qaqqabsiisuudha.
Kan malees El Niinoon bara kanaa kan bara faranjootaa 1997 fi 2023 turan walin akka walfakkaatus eegama.
Raagni Inistitiyuutii Meetiroloojii Itoophiyaa haala qilleensaa Waxabajjii 2018 hanga Fulbaana 2019 ilaalchisee baases kutaalee biyyattii kaaba bahaa fi bahaa biyyattii rooba gannaa fayyadamoo ta'anitti roobni "idileefi gara idileen gaditti madaalu" ni rooba. Kutaalee giddugala fi kaaba dhihaa biyyattiittimmoo rooba "idilee fi idilee gadiitu" rooba jedheera.
Kutaa kibba dhihaa biyyattiittimmoo ganni waqtii idilee "dursee" akka eegalu raagni inistitiyuutichaa agarsiisa.
Seensa waqtii gannaa ji'a Waxabajjii akkasumas dhuma waqtii gannaa ji'a Fulbaanaa keessatti faca'iinsi roobaa 'dhaabbataa hintaane fi yeroon gogaa ta'e kan itti baay'atu' akka ta'us eegama.
Roobni cimaan darbee darbee roobus "lolaa tasaa" fiduu akka danda'us raagni inistitiyuutichaa agarsiisa.
Dhaabbata Misooma Biyyoota Baha Afrikaa (IGAD) jalatti kan argamu Giddugalli Raaga fi Itti Fayyadama Haala Qilleensaa (Climate Prediction and Applications Centre) akka jedhuttimmoo, kutaalee giddugalaa, kaaba bahaa fi kaaba dhihaa Itoophiyaatti roobni idilee gadii mudachuu danda'a.
Faallaa kanaan immoo kutaaleen kibba bahaa biyyattii rooba cimaa akka argatan raagera.
Kutaalee Gaanfa Afrikaa harka caalmaattis hoo'ii idilee olii akka jiraatu himameera.
Gabaasni Waajjirra Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (OCHA) damee Itoophiyaa baase immoo El Niinoon bara kanaa amaloota lama akka qabu eera.
El Niinoon naannoo tokkotti gogiinsafi hanqina bishaanii yemmuu qaqqabsiisu iddoo biraattimmoo lolaa akka qaqqabsiisu hima.
Kanaafis hanqina bishaanii kaaba bahaa Itoophiyaa jirufi lolaa kibba bahaa Itoophiyaa mudate wal madaalchisuun ni danda'ama.
Duubatti deebinee yemmuu ilaalluttinnoo El Niinoon bara faranjootaa 2023 fi 2024 keessa roobni osoo hin roobiin akka turu taasiseera akkasumas lolaa hamaas qaqqabsiisera.
El Niinoon kan uumamu hoo'a bishaan gubbaafi haala bubbee bahafi giddugala Garba Paasifik irratti jijjiiramni yemmuu uumamutti.
Hoo'i digiri seelshiyeesii 0.5 ol ta'e yemmuu uumamu haalawwan qilleensaa naannoo mudhii lafaarratti jijjiiramni ni uumama.
Dandeettii kallattii bubbee fi haala qilleensaa jiidha qabuu jijjiiruus ni qaba.
Dameen OCHA Itoophiyaa keessaa akka jedhuttis gogiinsa laggeenfi boollawwan bishaanii akkasumas oyiruu kutaalee biyyattii tokko tokkotti mul'atuufis sababadha.
Naannolee biroottimmoo roobni cimaafi lolaan tasaa manneen irratti miidhaa geesisuun cinatti loowwanis ni nyaata.
Roobni akka malee yoo roobe yookin immoo roobni muraasni qofti yoo roobes bishaan dhugaatii argachuun rakkisaa ta'a, loowwan ni du'u, jiraattonnis qe'ee isaanii dhiisanii godaanuuf ni dirqamu, midhaan faca'e ni goga, wabiin nyaataas balaa keessa seena.
Gama biraatiin El Niinoon itti aanu "cimaa" ta'uu akka danda'u raagawwan agarsiisu. Yaaddoon guutuu addunyaatti dhiibbaa qaqqabsiisuu danda'a jedhus ni jira.
Daayrektarri Olaanaa Itti Aanaan Inistitiyuutii Metiroloojii Itoophiyaa Dr. Asaaminaw Tashoomaa akka himanitti, waqtiin gannaa ji'a Waxabajjii hanga Fulbaanaa jiru "kutaalee biyyattii harka caalmaaf waqtii roobaa ijoodha".
Hammafi faca'iinsa roobaa waggaatti roobu keessaa dhibbeentaa 85 ta'u kan itti mul'atu akka ta'es hubachiisu.
Ganni naannolee akka Tigraay, Amaaraa, Affaar, kutaalee Oromiyaa harka caalmaa, Gaambeellaa, Kibba Lixaa Itoophiyaa, Giddugaleessa Itoophiyaa, godinaalee naannolee Kibba Itoophiyaafi Sidaamaa akkasumas kutaalee baha biyyattiitti waqtii roobaa adda dureedha.
Naannolee ganni waqtii roobaa ijoo itti ta'etti "faca'iinsi roobaa idilee fi idileen ol ta'e" akka jiraatus himu.
Gaambeellaa, Kibba Lixaa Itoophiyaafi godinaalee Lixa Oromiyaattimmoo roobni gannaa dursee eegala.
Naannoon Kibba Itoophiyaafi godinaaleen baha Tigraay, godinaaleen Walloo Kaabaa fi Kibbaa akkasumas godinaaleen naannoo Affaar fi kutaaleen giddugaleessa biyyattii "hammeentaafi faca'iinsa rooba idilee iddoowwan baay'ee waliingahu" yemmuu qabaatan iddoowwan muraasattimmoo "hammi fi faca'iinsi roobaa idileen gadi ta'e" ni eegama.
Ji'a Hagayyaarraa eegaleemmoo El Niinoon caalmaatti cimaafi babal'achaa kan deemu yemmuu ta'u, kutaaleen walakkeessa biyyattii gara kibbaa jiran hamma fi faca'iinsa roobaa idileen olii akka qabaataniif akka gumaachus Dr. Asaaminaw himaniiru.
Ji'i Waxabajjii erga eegalee booda kutaalee walakkeessa gara Lixaa biyyattiitti roobni cimaan irra deddeebiin mul'achaa jira. Roobni cimaan irra deddeebiin yoo mudatemmoo salphumatti gara lolaa tasaatti geeddaramuu danda'a.
"Keessattuu yaa'awwan Oomoo Giibee fi Abbayyaarratti carraan lolaan tasaa uumamuu ni jira" jedhu.
El Niinoon cimaa yemmuu deemu keessattuu godinaalee kibbafi baha Tigraay, godinaalee Walloo Kaabaa fi Kibbaa akkasumas kutaa baha biyyattiitti roobni dursee roobuu danda'a.
Roobni gannaa dursee yoo dhufemmoo 'waqtiileen gogaa" akka uumaman himu.
El Niinoon biyyoota tokko tokkotti dambalii hoo'aa qaqqabsiisus Itoophiyaa keessatti garuu hoo'a olaanaa guyyaa tokkorratti jijjiiramoota muraasa qofatu mul'ata jechuunis himu.
'International Rescue Committee' (IRC) akka jedhuttimmoo biyyoonni Baha Afrikaa sababa "El Niinoo hammaateen" lolaa hamaa, dhibee, dambalii hoo'aa fi gogiinsaaf saaxilamaniiru.
Keessattuu biyyoonni miidhaa lolaa, gogiinsi fi hir'ifamuun deeggarsa namoomaa qaqqabsiisanirraa dandamachaa jiran caalmaatti saaxilamoo akka ta'anis akeeka.
Naannolee Itoophiyaa haala qilleensaa baddaa qabanitti roobni cimaan laggeen akka guutan yemmuu taasisu, yaaddoon kun Somaaliyaa, Keeniyaa, Yugaandaa fi biyyoota naannichaa biroorrattis aggaamameera.
"Rakkinichi sadarkaa guddaarra osoo hingahin dura mootummaan Itoophiyaafi dhaabbileen idil addunyaa akka tumsanis" dhaabbatichi waamicha dhiyeesseera.
Pirezidaantii itti aanaa yeroo hatattamaaa IRC kan ta'an Boob Kichin, "namoonni waan hunda erga dhabanii booda waa tokko gochuurra" tarkaanfii of eeggannoo dursanii fudhachuun akka barbaachisu himu.
Rakkoon kun Gaanfa Afrikaa qofatti kan daangeffames miti. Baangilaadesh, Paakistaan, Afgaanistaanfi biyyoonni Eeshiyaa biroonis rakkoo kanaaf saaxilamoodha.
Gabaasni Dhaabbani Nyaataa fi Qonnaa Biyyoota Gamtoomanii (FAO) baase akka agarsiisutti El Niinoon "akkuma addunyaattii qonnarratti balaa aggaamera".
Qonnaan bultoonni fi horsiise bultoonni naannoo Saahel, Kibba Afrikaa, Kibba fi Kibba Bahaa Eeshiyaa, Giddugaleessa Ameerikaafi Kaaribiyaaniti argaman ji'oota itti aananitti gogiinsaaf ni saaxilamu.
Bara 2015 hanga 2016'tti biyyoota 23 keessatti namoonni miliyoona 60 ta'an sababa El Niinoon yemmuu miidhaman, miidhaan namoomaa doolaara biliyoona shanitti siiqu qaqqabeera.
Waa'ee El Niinoo bara kanaa ilaalchisee kan dubbatan hogganaan damee qabeenya uumamaa FAO, Yorg Beltiraan, "akka El Niinoowwan kana dura turan miti" jedhu.
"Addunyaan kan kanaan dura caalaa hoo'iteerti. Hawaasawwan walitti bu'iinsafi hanqina nyaataaf saaxilamoo ta'an akkasumas kunneen dandeettii dandamannaa xiqqaa qaban caalmaatti gaaga'amaaf saaxilamu" jedhan.
Haaluma kanaan FAO fi Sagantaan Nyaataa Addunyaa biyyoota saaxilamoo 22 keessatti namoota miliyoona 8.8 deeggaruuf maallaqa doolaara miliyoona 202 qopheessaniiru.
Biyyoonni walitti bu'iinsaan qoraman fi gogiinsaaf saaxilamoo ta'an kan akka Itoophiyaammoo kunneen adda durummaan rakkoo El Niinoon qaqqabsiisuun miidhamanidha.
Keessattuu biyyoonni qonni roobarratti hirkate baay'inaan itti jiru salphumatti miidhamu.
Miidhaa gogiinsaan qaqqabu keessaa dhibbeentaa 80 ol kan ta'u kan mudatu namoota galii gadi aanaa fi giddugaleessaa qabanirratti akka ta'e gabaasonni agarsiisu.
Gabaasni Riliif Weeb baase akka agarsiisuttis yaaddoon walitti bu'iinsaa kan itti aggaamamefi wal waraansarraa dandamachaa kan jiru naannoo Tigraay, hidhattoonni Faannoo fi humnootiin mootummaa itti wal waraanaa kan jiran naannoo Amaaraa fi Waraanni Bilisummaa Oromoo fi humnootiin mootummaa itti wal waraanaa kan jiran Lixa Oromiyaatti gaaga'amni namoomaa hammaachuu danda'a.
Dhiibbaa kutaalee naannoo Tigraay fi Amaaraa waqtii gannaatti midhaan itti faca'u akkasumas naannolee horsiise bulaa akka Affaaritti qaqqabuu danda'us gabaasichi hubachiisa.
Dhaabbanni Nyaataa fi Qonnaa Biyyoota Gamtoomanii akka jedhuttimmoo dhiibbaa hanqinni wabii nyaataa walitti aansuun waggootaaf qaqqabsiiserratti walitti bu'iinsi fi buqqa'iinsi yemmuu dabalaman yaaddoo durumaanuu jiru ni hammeessu.
Gogiinsis "Senegaal, Kibba Moritaaniyaa, Koot D'ivore, Gaanaa, Toogoo, Beenin fi Naayijeeriyaa eegalee hanga Itoophiyaafi Sudaanitti" fulla'uu akka danda'u eera.
Kanaafis tarkaanfileen of-eeggannoo akka sanyii gogiinsa dandamatu filachuu, nyaata horii fi bishaan kuusu fudhatamuu akka qaban gorsa.
Gama biraatiin hanqinni boba'aafi xaa'oo sababa cufamuu Ulaa Hormuuzin uumamefi dabaluun gatii soorataa dhimmoota rakkinicha hammeessanidha.
Xiqqaachuun gumaacha maallaqaa deeggarsa namoomaaf taasifamuummoo gargaarsa namoomaa qormaata keessa kan galchudha.
Kutaaleen hawaasaa rakkinichaaf saaxilamoo ta'an immoo dubartootafi daa'immanidha.
Haala qilleensaa hamaa kan qaqqabsiisu sababa "Supar El Niinoon" Afrikaa keessatti gaaga'amni diinagdee doolaara biliyoona 10 hanga 20 ta'u qaqqabuu akka danda'u Baankiin Misoomaa Afrikaa beeksisee jira.
Biyyoonni 'Supar El Niinoon' miidhamanis omishni waliigalaasaanii akka hir'atu beeksiseera. Dandeettii liqaa ofirraa kaffaluu biyyootaarratti dhiibbaa uumuunis dhiyeessii omishaalee bu'uraa lammiileerratti rakkoo uumuu akka danda'us akeekkachiisera.
Dabaluunis haalli qilleensaa yaaddessaan kun biyyoota Afrikaa garagaraa keessatti "buqqa'iinsafi godaansa qaqqabsiisa, gatiin omishaalee bu'uraa ni qaala'a, sababa bishaanfi lafa dheeda looniitiin walitti bu'iinsawwan hammaachuu danda'u" jechuunis akeekkachiisera.