"Akka saree hiikanii nutti gadhiisaniitti nutti dhaga'amaa jira"

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Indahikeech Alii lammii Buruundii Keeniyaa keessaa jiraachaa ture.

Waggoota saglan darbaniif konkolaachisaa ta'ee daandii magaalaa guddoo Keeniyaarraa yeroo naanna'u, yaaddoonsaa guddaan tiraafikaa Naayiroobii malee tasuma jibbiinsa lammiilee biyyoota alaa ta'ee hin beeku.

Yeroo biyya Baha Afrikaa tana keessa tureetti, lammiileen Keeniyaa nama jaalachuu fi simachuu dubbata. Kun garuu torbee darbe jijjiirameera.

Pirezidaantiin Keeniyaa Wiliyaam Ruutoon lammiilee biyya alaa daldaltoota ta'anii hojjetan ykn daldala xixiqqaa hojjetan irratti tarkaanfiin akka fudhatamu ajajee ture.

''Amma nutti garagalaniiru,'' jechuun BBC'tti hime. Aliin fi lammileen Burundii hedduun Imbaasii biyyattii Naayiroobii jirutti walitti qabamanii sanada gara biyyaatti isaan deebisuuf argachuuf tarree galanii turan.

''Dorsiisni ni baayyate.. daa'immanis nu dorsiisaa turan," jechuun dubbata. "Akka sareen hiikanii nutti gadhiisaniitti nutti dhaga'ama. Ciniinamneerra."

Prezidaant Wiliyaam Ruutoo torban dura daldaltoota Keeniyaa mana mootummaatti walitti qabamaniif haasaa taasisaniin kana dubbate.

Wixinee seera paarlaamaa jiru kan lammiilee biyya alaa daldala xixiqqaa irraa hambisuu irraa dubbachaa ture.

Haasaa isaa keessatti lammiileen biyya alaa daldala xixiqqaa hojjetan hundi Fulbaana 7 hojii isaanii akka dhaaban ajaje. Hojiin sadarkaa gadi aanaa akkasii lammiilee Keeniyaaf qofa ta'uu qaba jedhan.

Aliin akkuma lammiileen biyyoota alaa biroo sodaa keessa gale. Lammiileen Keeniyaa tokko tokko jecha Ruutoo karaa biraatti hiikuun akka waan lammileen biyya alaa biyyattii keessatti simatamuu hin dandeenye ibsan jedha.

"Doorsiisni nu mudatee hojjechuu dadhabne," jedha.

"Hojiin keenya yoo dhaabbate galii kiraa manaa kaffaluu fi nyaata bitachuu nu dandeessisu dhabna.

''Kanaaf filannoon hafe gara biyyaatti deebi'uu qofa," jedha

Lammiileen Burundii fi lammiileen biyya alaa tokko tokko biyyattii gadhiisuuf ariifatanii daangaa qaxxaamuran. Hedduunsaanii daangaarratti danqamuu isaanii gabaasni ni mul'isa.

Tarkaanfii kun maatii addaan baasa jedhame sodaatama. Ammayyuu maatiin garii addaan ba'aniiru.

''Bara 2019 irraa eegalee as ture,'' jedha namichi lammii Buruundii, Pirospar jedhamuu. Dubartii Keeniyaa tokko waliin mucaa qaba.

Beeksisa kana yeroon dhagahu baay'ee na dhukkube, sababiin isaas yeroon deemu maatii koo dhiisee ba'uuf waanan dirqamuuf... maatii koos nan jaalladha,'' jechuun BBC'tti himeera.

Naayiroobii naannoo galii gadi aanaa Majeengoo jedhamu keessa kan jiraattu lammii Keeniyaa Girees Waamayitaa abbaan warraa ishee lammii Buruundii ta'e akkuma prezidaantichi qajeelfama kana Fulbaana 3 kenneen biyyaa ba'e jetti.

Ijoollee isaanii shanan qofa guddisuuf dirqamte. Amma uffata miiccuun hojii dabalataa fudhattee jirti.

"Amma deemeera, eenyutu kaffaltii mana barumsaa kaffaluu na gargaara. Akka isaan deebi'an gochuu qabu," jechuun BBC'tti dubbatte

Naayiroobii fi magaalota gurguddoo biroo keessatti godaantotni manneen rifeensa, ijaarsa, taaksii, mootar saayikilii, daandii irratti gurguruu, akkasumas uffata, nyaataa fi meeshaalee manaa gurguruu irratti argaman.

Gariin waldhabdee ykn rakkina diinagdee kaan ammoo carraa fooyya'aa barbaacha gara Keeniyaatti ce'aniiru

Hawaasa Baha Afrikaa (EAC) , kan Keeniyaa fi Buruundii dabalatee biyyoota saddeetin ijaarame keessatti, sochiin namootaa ni hayyamama - garuu hojiin fi yeroo dheeraaf jiraachuun hayyama barbaada.

Seerri Keeniyaas baqattoonni hojjechuu fi daldaluuf mirga kan kennu yoo ta'us, sanada barbaachisaa ta'e argachuunis dirqama ta'a.

Hawaasa Eertiraa Naayiroobii keessatti kan qindeessu Filmoon Eyyoob ajajni kun lammiilee biyya alaa rakkisuuf akka sababaatti kan oolu jechuun yaaddoo qabu ibsa.

Lammiileen Keeniyaa hedduun deggersaa fi simannaa taasisaa osoo jiranii, lammiileen Eertiraa fi Itiyoophiyaa tokko tokko of eeggannoof jecha torbee darbe keessa daldala isaanii cufanii mana isaanii turuu isaanii BBCtti himaniiru.

Dubbiin pirezidaantichaa kun waldhabdee dippilomaasii kan kaase yoo ta'u, ministirri dhimma alaa Buruundii ''haasaan jibbiinsaa lammilee Buruundii irratti godhamu'' lammiilee Keeniyaa biyya alaa jiraniif dhiibbaa geessisuu akka danda'u akeekkachiisaniiru.

Angawoonni Keeniyaa waldhabdee kana to'achuuf rakkataniiru. Yeroo dhimmichi hammaatutti qondaalli dhimma alaa Keeniyaa Koriir Singoyeyi torban kana keessa lammiilee Buruundi imbaasii isaanii keessaa turan daawwatee, dhiifama gaafatee, jeequmsa irraa eegumsa akka argatan mirkaneesse.

Qeeqxonni dubbiin Ruutoo kan namoota kakaasu fi jibba biyyoota alaa fidu jechuun falmu, mootummaan garuu ni mormata.

Ergasii as mootummaan qajeelfama kana qulqulleessuuf ibsa walduraa duubaan kennaa jira.

Mootummaan amma lammiileen biyya alaa waraqaa eenyummaa hin qabne fi daldala xixiqqaa gaggeessan akka galmaa'anii seera biyya eeganiif f guyyoota 90 kenneera.

Adeemsa kana keessatti warri galmaa'aa jiran akka seeraan Keeniyaa keessa jiraatanitti fudhatama.

Ta'us taajjabdoonni fi warri kanaan miidhaman akkas ta'uu hin qabu ture jechuun falmu.

Yaadni pirezidaantichi kenne, hiikni dogoggoraa itti kennamuun waan hin oolle ture jedha barsiisaa Hisbon Owilaa, keessumaa namoota sanada sirrii hin qabneen.

Imaammanni yaadame kun Keeniyaaf gaarii fi pirootokoolii godaansa addunyaa waliin kan walsimu ta'us, akkaatan odeeffannoon itti kenname karaa dippilomaasiin ta'uu qaba ture jedha.

Namoonni achi hin turin, jechoota pirezidaantichaa, "Jarreen kana ari'aa jirra," jedhan san akka fedhetti hiikan jedha barsiisan kun.

Pirezidaantichi daldaltoota xixiqqaa qofa irratti hin dhaabbanne. Guyyaa tokko booda, dhaabbanni Indiyaa Tata chemicals jedhamu biyyattii akka gadhiisu ajaje.

Akka Ruutoon jedhutti dhaabbatichi hawaasa Maasayi naannoo isaa jiruuf faayidaa gahaa akka hin kennine ibse.

Ogeessi dinagdee Odhiyamboo Raamoogii tarkaanfiin lammiilee biyya alaa daldala irraa daangessuuf fudhatame garmalee bal'aadha jedha.

Keeniyaan baqattoota kuma dhibbaan lakkaa'aman akkasumas godaantota biyyoota biroo, irra caalaan isaanii naannoo EAC irraa dhufan, akkasumas invastaroota idil-addunyaa biroo akka keessummeessitu ibsa.

Akka Raamoogii jedhutti kaayyoon Ruutoo ''lammiilee Keeniyaaf hojii eeguu qofa'' waan bira darbee fakkaata.

Dubbii pirezidaantichaa hordofee, gareewwan waldaalee siivikii fi lammiilee Keeniyaa lammiilee biyya alaatif deeggarsa guddaa taasisanii isa qeeqan.

Qeeqa kana ofirraa ittisuuf Ruutoon kan bara dhufu filannoon ibsa garagaraa baasaa jira.

"Keeniyaan biyya balballi banaa, nageenya fi simannaa qabdu kan carraa lammiileeshee fi mirga namoota karaa seera qabeessaan daangaa ishee keessa jiran hunda eegsitu taatee itti fufti," jedha ibsi dubbi himaan isaa maxxanse.

Lammiileen biyyoota ollaa irratti xiyyeeffamnaan dhumarratti tarkaanfii kanaan kan miidhamu Keeniyaadha jedha Raamoogiin.

Keeniyaan bara darbe ala ergidhaan Buruundiirraa doolaara miiliyoona 56 (£41m) akka argatte ibsa.

"Amma, yoo biyya tokko keessaa doolaara miliyoona 56 argatte, maaliif waa'een daldalaa ji'a tokko keessatti doolaara 200 argattuu si yaaddessa?

"Wanti pirezidaantichi hojjete gonkumaa hiika hin qabu" jedha.

Jiraattuun Naayiroobii Liimaa Kaaburaa jedhamtu kan abbaan warraa ishee lammii Taanzaaniyaaf dubbiin pirezidaantichaa jarjarsuun kan kenname. Dursee warra seeraan ala biyya keessa turan mirkaneeffachuu qaba ture jetti.

"Yeroo isaan aari'aman hojii malee, daldala fi abbaa warraa tokko malee hafa," jetti.