Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Keeniyaan lammiilee alaa akeekkachiifte
Keeniyaan lammiilee alaa akeekkachiifte
Maxxanfame
Pirezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo lammiileen biyya alaa Keeniyaa keessatti daldala xixiqqaarratti bobba'an akka cufan ajaja dabarsan.
Sababni isaan dhiyeessan ammoo hojiiwwan daldalli xixiqqaan lammiilee Keeniyaaf ta'uu malu lammiilee biyya alaan irraa fudhatamaa jira kan jedhudha.
Biyya Baha Afrikaa kana keessatti godaantonni Itoophiyaa, Ertiraa, Somaaliyaa, Burundiifi kaan goosa daldalaa garagaraa irratti bobba'aniiru.
Kanaaf, murteen kuni isaan yaaddessuu akka malu eegama.