KALLATTIIN, Jilli US mariif Paakistaanitti imalaa jiraatus Iraan mariin kallattii karoorfame hin jiru jette

Waayit Haawus marii nagaaf Istiiv Witkof fi Yaareed Kushinar gara Paakistaan erguu ibse, Iraan garuu ministirri dhimma alaa qondaalota Paakistaan waliin akka mari'atan qofa ibsite.

Guduunfaa

  • Jilli US mariif Paakistaanitti imalaa jiraatus Iraan mariin kallattii karoorfame hin jiru jette
  • Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Israa'elifi Libaanos torban sadiin dheerachuu Tiraamp ibse
  • Tiraamp ''ilma mootii Haarii caalaa anatu UK'f dubbata'' jedhe
  • Humni waraanaa Iraan kan bulchiinsi Tiraamp yaade caala cimaadha- maddeen
  • US doonii xayyaarota waraanaa baatu kan biraa Baha Giddugalaatti ergite
  • Odeeffannoo guutuu dhimmoota waraana Iraan, Baha Giddugaoleessatti deemaa jiru dabalatee wantota amma addunyaarratti ta'aa jiran argachuuf: Marsartii, Facebook, Whtasapp, YouTube irraan argachuu dandeessu.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tigist Maaraatoonii Landanitti riikardii cabsuuf akka yaadde BBC'tti dubbatte

    Atileet Tigist Asaffaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Atileet Tigist Asaffaan Maaraatoonii Landan 2025 injifattee turte

    Maaraatoonii Landan Dilbata dorgomamuurratti kan dorgomtu Atileet Tigist Asaffaa kaayyoon ishee ijoo abbaa rikardii addunyaa ta'uu akka ta'e BBC'tti dubbatte.

    Gaaffiifi deebii gaazexeessaa BBC Landan jiru waliin taasifteen dorgommii kanarratti irra deebiin mo'achuu akka barbaaddu dubbatteetti.

  2. Bulchiinsi Tiraamp of eeggannoo cimaan mariitti seenaa jira

    Yaareed Kushinar (bitaa) fi Istiiv Witkof (mirga)

    Madda suuraa, Reuters

    Bulchiinsi Tiraamp akka marsaa duraanii Pirezidantii Itti Aanaa kan ta'e JD Vaansi marii nagaa Iraan waliin gaggeeffamuuf Paakistaanitti ergaa hin jiru.

    Marii marsaa kanaatti of eeggannoo cimaan seenaa akka jiru Waayit Haawus ibsaa jira.

    Amma waan warri Iraan jedhan dhagahuu qofa akka barbaadan ibsan warri Ameerikaa.

    Pirezidanti Tiraamp torbee kana keessa waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka dheereffamu erga ibsee booda Iraan fi US mariitti deebi'u jedhamee eegamaa turus ammallee mariin hin gaggeeffamne.

    Tiraamp aanga'oonni Iraan wixinee yaadaa tokko qabatanii akka dhihaatan gaafata.

    Aanga'oonni Iraan ammoo ammallee tokkummaa akka qabanii fi yaadni fi adeemsi isaaniis tokko ta'uu ibsu.

    Ergasii uggurri naannoo Hormuuz hammaateera. Biyyoonni lameenuu marii gufateef wal himataa jiru.

  3. Lubni Guddinaa Tumsaa Boojjii Dirmajiitti siidaan isaanii eebbifame eenyu?

    Siidaa Luba Guddinaa Tumsaa bakka dhaloota isaanii Boojjiitti

    Madda suuraa, Kominikeeshinii Godina Wallagga Lixaa

    Ibsa waa'ee suuraa, Siidaa Luba Guddinaa Tumsaa bakka dhaloota isaanii Boojjiitti

    Siidaan Luba Guddinaa Tumsaa Lixa Oromiyaatti ijaarame bakka maatiifi keessummoonni argamanitti eebbifame.

    Godinni Wallagga Lixaa fi Faawundeeshiniin maqaa isaaniin mogga'e akka beeksisetti, siidaan duree amantaafi qabsaa'aa mirgaa turan kuni Aanaa Boojjii Dirmajii magaalaa Biilaatti ijaarame.

  4. Walaayittaatti lafti sigigaatee namoonni 4 du'an - Mootummaa

    Kanneen maatiin duraa miidhaman jedhaman

    Madda suuraa, Wolaita Zone Government Communication Affairs Department

    Ibsa waa'ee suuraa, Bulchaan godinaa hawaasa buqqa'ee gargaaruuf sochiin eegaluu ibsan

    Gama Kibba Itoophiyaa Godina Walaayittaatti lafni sigigaatee lubbuun namoota afurii darbuu godinichi beeksise.

    Ibsi kominikeeshinii Godina Walaayittaa baase akka ibsutti, balaan kan dhaqqabe rooba cimaa roobeeni.

    Godinichatti aanaa Daamot gaaleetti ALI Ebla 15, 2018 halkan keessaa sa'aatii 10:00 eegalee roobni cimaa roobuu hordofee gandoota gaara Daamotaa jala jiran hube.

    Kanaanis, gandoota Wash Gaaleefi Konaasaatti lubbuun nama afur darbuutu ibsame.

    Bulchaan Godina Walaayittaa Gar/Pirof. Saamu'el Tasammaa du'a kanaan gadda ibsanii bakkeewwan kaanis akka of eeggannoo godhan ergaa dhaamaniiru.

    Bakkeewwan Kibba Itoophiyaatti sigigni lafaa waggoota muraasa darban lammiilee dhibbaan lakkaa'aman galaafateera.

    Bakka balaan dhaqqabe

    Madda suuraa, Wolaita Zone Government Communication Affairs Department

  5. US humna galaanaa fayyadamuun Iraanitti karra cufuun hagam milkaa'a?

    Maxxansa YouTube irra dabri
    Qabiyyee Google YouTube hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu. YouTube beeksisa qabaachuu danda'a.

    Xumura maxxansa YouTube

    Waraana Addunyaa 1ffaa (1914-1919) irratti humni galanaa Biriteen dooniwwan buufatawwan doonii Jarman seenaniifi bahan irratti to'annaa cimaa gaggeessuun itti milkooftee turte.

    US ni milkooftii? Daawwadhaa!

  6. Abbaas Araagchii kan Paakistaan deemaniif dhimma nukilaraa mari'achuuf miti - Iraan

    Qondaala Iraan

    Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araagchii gara Paakistaan, Islaamaad imaleera. Garuu dhimma nukilaraa Ameerikaa waliin mari'achuuf miti jette Iraan.

    Hogganaan koree nageenya biyyaalessaa Iraan Ibraahim Aziizii ''hoji manee dhimma nukilaraan hidhata qabu fudhatanii hin deemne,'' jedhan.

    Qondaalli Iraan kun ministirri dhimma alaa ''marii dhimma Iraan fi Paakistaan ilaallatuuf'' gara Islaamaabaad imalan jedhan.

    Duraan ajajaa Eegdota Warraaqsa Islaamummaa Iraan kan turan Aziiziin dhimmi nukilaraa ''dhimma ijoo Iraan araarama irratti hin qabnedha,'' jedhan.

    US akka jettutti Iraan sagantaa nukilaraa ishee guutummaatti dhaabuu qabdi.

    Waliigalteen inni dhumaa yoos irra ga'ama jedha Tiraamp.

  7. Matakkaliitti kanneen haleellaa raawwatan eenyudha?

    Miseensota poolisii kora bittinneessaa magaalaa Gilgal Balas

    Madda suuraa, Gilgel Beles Town Administration

    Naannoo Beenishaangul Gumuz, magaalaa Godina Matakkal kan taate Gilgal Balas keessatti haleellaa hidhattoonni bananiin namoonni torba ajjeefamuu jiraattonniifi miseensi paarlaamaa naannawa kana bakka bu'an BBCtti himan.

    Akka namoonni ijaan argan jedhanitti hidhattoonni kunnneen ''mana hidhaa magaalattii keessatti argamu cabsanii seenuuf wayita yaalan,'' dhukaasa banan.

  8. Tiraamp: Iraan 'yaada dhiheessaa jirtu garuu ilaaluu qabna'

    Donaald Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidantiin US Donaald Tiraamp marii Iraan waliin jiruurratti gaafa Jimaataa dubbataniiru.

    Tiraamp Rooyitarsitti akka dubbatanitti, Iraan ''yaada waliigaltee dhiheessaa jirti, garuu ilaaluu qabna'' jechuun dubbatan.

    Garuu, waan Iraan dhiheessite waan dubbatan hin qaban.

    Bilbilaan kan dubbatan Tiraamp Ameerikaan qondaalota Iraan kam waliin mari'ataa akka jirtu waan dubbatan hin qaban.

    Garuu, garee ''itti gaafatama qabu'' waliin akka ta'e dubbatan.

    Pirezidantiin US Iraan waliigalteerra gahuu barbaaddi jechuunis himan.

  9. US qoqqobbii Ertiraarra kaastee hariiroo cimsachuu yaaddi - Gabaasa

    Pirezidantii Ertiraa (bitaa) fi Pirezidantii US (Mirga)
    Ibsa waa'ee suuraa, Waggoota dheeraaf US fi Ertiraa hariiroo gaarii hin qaban

    Yunaayitid Isteetis qoqqobbii Ertiraarra keesse kaasuun hariiroo dippilomaasii duraan Asmaraa waliin laafaa ture haaromfachuu akka barbaaddu Wall Street Journal gabaase.

    Barruu miidiyaalee Ameerikaa ciccimoo ta'an keessaa tokko ta'e kun, maddeen dippilomaasii eeruun akka gabaasetti, Waashingiten "biyya adda baafamte, garuu tarsiimootiif baayyee barbaachiftuu taate, Ertiraa" waliin hariiroo haaromsachuu barbaaddi'' jechuun gabaaseera.

  10. Abbaas Araagchiin Ajajaa waraana Paakistaan waliin mari'atan

    Ministira Dhimma Alaa Iraan

    Madda suuraa, Iranian Ministry of Foreign Affairs

    Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araagchii ajajaa waraana Paakistaan Fiild Maarshaal Asim Munir waliin wal argan.

    Araagchiin walgahii Paakistaanitti erga taasisan booda gara Omaan fi Raashiyaa akka imalan dubbatan.

    Kaayyoon marii kanaas ''dhimma waloofi naannichaa irratti michoota keenya waliin wal ta'uf'' akka ta'e miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti ibsan.

  11. Paakistaan marii qopheessaa jirti, qophiin US fi Iraan maal fakkaata?

    Marii Paakistaanitti qophaa'aa jiruuf jecha egumsi akkaan cimeera

    Madda suuraa, Getty Images

    Mariin US fi Iraan akkaan eegamaa jira. Paakistaan qophii hunda xumurtee warra mari'atan, US fi Iraan, eegaa jirti.

    Gama lamaan qophii fi kutannoon mari'achuuf jiru garuu abdachiisaa miti.

    Ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii Paakistaan ga'eera, US ammoo ergamtoota addaa Istiiv Witkof fi Yaared Kushinar ergaa jiraachuu ibsite.

    Waayit Haawus yoo warri Iraan marii kallattii (qondaalota US qaamaan arguun) mari'achuu barbaadan jechuun akka qondaalota kunneen erge ibseera.

    Ammoo gama Iraaniin ergaan biraa dhagahamaa jira.

    Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa biyyattii Ismaa'el Baqaayi akka jedhutti Abbaas Araagchii gara Paakistaan kan imale jila Ameerikaa arguuf osoo hin taane ''qondaalota olaanoo Paakistaan waliin mari'achuuf.''

    ''Mariin kallattii Iraan fi US gidduutti karoorfame hin jiru. Iraan xiyyeeffannaa marii ishee Paaksitaan faana taasisteetti,'' jedhe qondaalli Iraan kun.

    Duratti Tiraamp qondaalonni US qaamolee dhimmi Iraan ilaallatu waliin mari'ataa akka turan ibsee ture.

    ''Iraan waan dhiistu irratti yaada kenniteetti, sana ilaaluu qabna,'' jedhe. Garuu waan Iraan dhiheessiteef hin ibsine.

    Paakistaan keessatti marii kanaaf jecha eegumsi akkaan cimeera, daandiiwwan ijoo ta'an eegumsaan guutamaniiru.

    Sababa kanatti imalli geejjibaa hedduun adda citeera.

  12. Yooyyaa

    Tamsaasa kallattii eegalleerra. Odeeffannoo waraana US-Israa'el fi Iraan akkasumas kan Libaanos irratti xiyyeeffatan karaa kanaan isin biraan geenya.

    Odeeffannoo biyya keessaa fi addunyaa kaanis gaggabaabsinee isiniif dhiheessina.

    Nu hordofaa!

    Tamsaasa kallattii duraan ture asii argattu