KALLATTIIN, Humni waraanaa US haleellaa cimaa Iraanirratti gaggeessuu beeksise

Iraan humnoota Ameerikaa irratti yaalii haleellaa gaggeessite jechuun waraanni US Iraanirratti haleellaa cimaa gaggeessuu ibse.

Guduunfaa

Humni waraanaa US haleellaa cimaa Iraanirratti gaggeessuu beeksise

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. FIFAn garee kubbaa miillaa biyyaalessaa Arjentiinaa irratti himannaa eegale

    Wayita Ispeen Arjentiinaa injifachuun yeroo lammaffaaf Waancaa Addunyaa nyaatan warri Arjentiinaa xumura taphaa irratti hookkara kaasan

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Wayita Ispeen Arjentiinaa injifachuun yeroo lammaffaaf Waancaa Addunyaa nyaatan warri Arjentiinaa xumura taphaa irratti hookkara kaasan

    Jaarmiyaan kubbaa miillaa addunyaa bulchu FIFAn amala gareen kubbaa miillaa biyyaalessaa Arjentiinaa tapha xumuraa Waancaa Addunyaa 2026 irratti agarsiisan mormuun himannaa eegaleera.

    Himannaan rakkoo naamusaa garee Arjentiinaa irratti FIFAn eegale kan garechi taphoota kaan irratti agarsiises ni hammata.

    FIFAn torbee darbe abbaa alangaa rakkoo naamuusaa fi amalaa tapha xumuraa magaalaa Niwu Yoork, Istaadiyeemii Niwu Jeerziitti mudate qoratu bakka buuseera.

    Tapha Adoolessa 19 taphatame sana erga Ispeen goolii 1 fi 0 dhaan injifattee booda taphattoonni fi miseensonni garee Arjentiinaa dirree fi dirreen ala turan lola kaasanii turan.

    FIFAn keewwata 14ffaa dhimma naamuusaa ilaallatu bu'uura godhachuun Nahuwel Moliinaa, Liyaandiroo Paredes fi gargaaraa leenjisaa Roobertoo Ayaalaa hanqina naamuusaan himachuu akka danda'u abbaan alangaa kun gorsa kenneeraaf.

    Taphataan Arjantiinaa biraan Tiyaagoo Almaadaa fi taphataan sarara gidduu Ispeen Gaaviinis keewwata kana jalatti himatamaniiru.

    Akka seera naamuusaa FIFAtti taphataan yoo naamuusa ispoortiirraa eegamu hin agarsiisne tapha tokko adabama, yoo namarratti qoccollaa raawwate ammoo tapha sadi adabama.

    Waliigalatti Waldaan Kubbaa Miillaa Arjentiinaa taphoota hedduurratti rakkoo uumuun himatameera.

    Keewwata 13 jalatti kan tumame naamusa ispoortii agarsiisuu dhabuun, keewwata 14 jalatti kan tumame akka gareetti naamusa irraa eegamu cabsuun, keewwata 15 jalatti kan tumame qoollifannaa fi jibba sanyii agarsiisuun akkasumas keewwata 17 jalatti kan tumame ajajaa fi nageenya iddoo taphaa eeguu kabajuu dhabuun himatameera.

    Dhaadannoowwan fi gochoota gareen taphattootaa fi deeggartoonni agarsiisaa turan, ergaa naamusa cabsu kan deeggartoonni dabarsaa turan, deeggartoonni meeshaalee adda addaa gara dirreetti darbachuun- himannaawwan dhihaataniidha.

    Taphattoonni Arjentiinaa wayita garee Ingilaand injifachuun xumuraaf darban barjaa qabatanii turan irratti dhaadannoo abbummaa odoola Fooklaand jedhamuu falmatu agarsiisaa turan.

    Barreeffami isaan mul'isaa turan ''Las Malvinas son Argentinas'' jedha.

    Odoolaawwan Fooklaand kan Arjentiinaati jechuudha.

  2. Tiraamp fi Neetaaniyaahuun walarguun Iraan irratti karoora baafatan

    MM Beenjaamiin Neetaaniyaahuu fi Pirezidant Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Qondaalli olaanaan mootummaa Israa'el Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp fi Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuuu walga'ii isaanii irratti tarkaanfii Iraan irratti fudhatamu karoorfachuu ibse.

    Iraan akka niwukilara hin gabbisne gochuuf tarkaanfiiwwan akka dippiloomaasii, dhiibbaa diinagdee uumuu fi humna dabalatan akka fudhachuu danda'an waliigalaniiru jedhe qondaalli eenyummaasaa dhoksuun odeeffannoo kenne kun.

    Qondaalli Israa'el kun akka jedhetti Neetaaniyaahuun erga Waayit Haawusitti Tiraamp waliin mari'atee booda wayita gaazexeessitootaaf ibsa kennu ammatti Iraan haleeluun filannoo biyyisaa qabdu ta'uu Tiraapitti hin himne.

    ''Dhumarratti hunduu murteesaati,'' Tiraampiin jechuu qondaalli Israa'el himeera.

    Pirezidantiin US filannoowwan sadi qabaachuu fi hunduu bal'inaan irratti mari'atamuu kan kaase qondaalli Israa'el kun, filannoowwan kunneen mariif dhihaatan ''waliigaltee mariin taasifamu, uggura galaanaa fi dhiibbaa diinagdee itti fufuu akkasumas haleellaa cimaa raawwachuudha,'' jedhe.

    Tiraamp walga'iisaanii kana dura yeroo garagaraatti Neetaaniyaahuutti mufatee, ittis dheekkamaa ture.

    Keessattuu dhiheenya kana karoorri tikaa fi iccitii guddaa aanga'oonni Israa'el gaara Pickaxe jedhamurratti qaban saaxilamuurratti guddoo mufatee ture.

    Iddoon lafa jalaa kun bakka gabbisa niwukilaraan wal hidhatu yoo ta'u Tiraamp boombiidhaan barbadeessuuf itti dhaadataas tureera.

    Garuu aanga'oonni lameen muddama gidduusaanii ture dagachuun, odeeffannoo tikaa akka waliif qoodan dubbachuu ibse qondaalli Israa'el waan qondaalonni lameen mari'ate hime kun.

  3. Waraanni Ameerikaa haleellaa cimaa Iraanirratti gaggeessuu beeksise

    Xayyaara waraanaa F-15

    Madda suuraa, Getty Images

    Iraan misaa'ela bilaastikaan humnoota US Baha Giddugalaa jiran irratti haleellaa gaggeessuu hordofee waraanni US Iraanirratti haleellaa cimaa gaggeessuu beeksise.

    US haleellaa kan gaggeessite Roobii halkan yoo ta'u, haleellaa Iraan raawwattee turte haaloo bahuuf akka ta'e ibsite.

    Iraan Kibxata darbe buufata waraanaa US Yordaanositti argamuufi dooniwwan Ulaa Hormuuz irratti haleellaa gaggeessuunshee ni yaadatama.

    Ajaji Giddugaleessaa US (CENTCOM) ibsa baaseen, haleellaa Iraan Kibxata darbe raawwatte haaloo bahuuf jecha, buufataalee waraanaa Humnoota Eegdota Warraaqsa Islaamaa (IRGC) heddurratti haleellaa "cimaa" gaggeesse jedhe.

    Biyyoonni lamaan walitti dhukaasuu kan eegalan, mariitti deebi'uu ibsanii guyyoota muraasaaf walitti dhukaasuun erga dhaabbatee boodadha.

    USfi Saawudiinis waliin ta'uun hidhattoota Iraanin deeggaramaniifi Iraaq keessa socho'an irratti haleellaa gaggeessanii turan.

    Haa ta'u garuu, Saawudii Arabiyaan dubbiin akka tasgabbaa'u barbaaddi jechuun Axios gabaase.

    Haleellaa Roobii halkan Iraanirratti gaggeeffame ilaalchisee Ajaji Giddugalaa US ibsa baase keessatti, haleellichi sa'aatii tokkoof kan ture yoo ta'u, yaalii haleellaa Iraan taasiftee "deebii cimaa" taasifame ta'uu beeksise.

  4. Ashamaa!

    Tamsaasa kallattii keenya har'aa eegalleera!

    Waraanni US Iraanirratti haleellaa cimaa gaggeessuu beeksise. Iraan humnoota waraanaa koo haleeluu yaalte jechuunis US himatte.

    Netaaniyaahuufi Tiraampis Waayit Haawusitti wal-arganii mariyataniiru. Waa'ee Iraan waan mariyataniifi odeessawwan garaa garaa isinii dhiyeessina.

    Dhiyaadhaa!