Ergamtootni nagaa Tiraamp Mooskoofii Kiivitti qajeelan

Ergamtootaa addaa pirezidantii US Doonaald Tiraamp kan ta'an Istiiv Witkoof fi Jaareed Kuushneer Sambataa fi Dilbata kana Raashiyaa fi Yukireen daawwaachuun nagaa buusuuf tattaafatu.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Gooliin Isaak lama Liiverpuuliif qabxii sadii isaaf qeeqa salphise

    Aleksaander Isaak

    Madda suuraa, Getty Images

    Gatii riikardii Piriimiyeer Liigii Ingiliiz ta'een bara darbe Niiwkaasil irraa Liivarpuulitti kan makame Aleksaander Isaak Jimaata galgala Ipiswiich Taawun irratti goolii lama lakkoofsiseera.

    Liigichi erga eegale tapha sadirratti goolii sadii galchuun amma qaalii ta'uusaa mirkaneessuu waan eegale fakkaata.

    Bara darbe gara caalu miidhamaa fi gahumsatti deebi'uu dhabuun qeeqamaa ture.

    Bara kana garuu goolii galchuutti hin deebi'u taanaan gatiin itti bahe kasaaraadha jechuun xiinxaltootni hedduun yaada irratti kennaa wayita jiranitti Isaak deebii kenne.

    Gooliiwwan lamaaniifuu kubbaa mijessee kan kenneef ammoo gara Maanchister Siitii godaanuuf fiixeerra gahee kan ture Koodii Gaakpoodha.

    Gaakpoon taphoota sadiirratti hirmaannaa goolii afur galmeesseera.

    Isaak paawundii miliyoona 125 gara Anfiild kan dhufe muddamaafi atakaaroo yeroo dheeraa kilabasaa duraanii wajjiin turee booda.

    Liiverpuul bara kana taphoota laman darban irratti qixa bahee. Leenjisaa haaraa Andoonii Iraa'olaa jalatti injifannoosaa jalqabaa galmeesse.

  2. Ergamtoonni nagaa Tiraamp Mooskoofii Kiivitti qajeelan

    Witkoofifi Kuushneer

    Madda suuraa, Reuters

    Ergamtoota addaa pirezidantii US Doonaald Tiraamp kan ta'an Istiiv Witkoof fi Jaareed Kuushineer Sambataa fi Dilbata kana Raashiyaa fi Yukireen daawwaachuun nagaa buusuuf tattaafatu.

    Pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskii Dilbata kana ergamaa addaa Tiraamp simatee akka dubbisu mirkaneesseera.

    Sambata kana ammoo Wiitkoof pirezidantii Raashiyaa waliin akka mariyatu ibse.

    Witkoofiifi Kuushneer tattaaffii Tiraamp biyyoota lamaan gidduutti nagaa buusuuf godhu dura bu'anii hoogganu.

    Haata'u malee ammallee biyyoota wal waraanan lamaan gidduu garaagartummaa guddaatu jira.

    ''Wixinee waraana goolabuu danda'au fidanii deebi'u'' jechuun Tiraamp waayee imala ergamootasaa miidiyaaleetti himeera.

    Jimaata darbe Zeleniskiin dirooniin Raashiyaa waajjira hoggana nageenyaa biyyattii Oleksaander Poklaad kan magaalaa Kiiv jiru haleeluu dubbate. Pooklaad akka hin miidhamnes mirkaneesse.

    Pooklaad haleellaa kanaaf deebii gahaa akka kennu ergaa miidiyaa hawaasaa isaa gubbaa kaaheen ajajeera.

    Ergamtootni Tiraamp kun Raashiyaatti irra deddeebiin kan imalan yoo ta'u Yukireen yoo deeman kan jalqabaati.

    Zeleniskiin wayita daawwannaa ergamtoota Tiraamp kanaatti daangaan qilleensaa Raashiyaa yaaddoo haleellaarraa bilisa akka ta'u fi Raashiyaanis akkasuma akka haleellaa qilleensaa hin raawwanne gaafateera.

  3. Naayijeeriyaatti namootni boba'aa hatuuf jedhan yoo xiqqaate 37 aara hamaan ukkaamfamanii du'an

    Saamicha boba'aa Naayijeeriyaa

    Madda suuraa, YEAC

    Naayijeeriyaa bulchiinsa Rivers jedhamu keessatti namootni yoo xiqqaate 37 ta'an ujummoo boba'aa keessaa saamuuf osoo yaalanii aara hamaan ukkaamfamanii du'uu gareen eegumsa naannoorratti hojjetu tokko beeksise.

    Namootni dukkana daheeffatanii bakka Okari Jeetiiy jedhamu irraa boba'aa qulqullaa'e hatuuf bidiruun imalan 100 ta'u.

    Taatee kanaan booda gariin achi buuteensaanii hin beekamne jedha dhaabbatni Youths and Environmental Advocacy Centre jedhamu.

    Poolisiiin yaada BBCf kenneen lakkoofsa namoota aara kanaan kukkufanii qorachaa akka jiru himeera.

    Akka Poolisiin jedhutti namootni galaana Booni jedhamu keessattis kufanis jiru. Kaan ammoo gara hospitaalaa geeffamaniiru.

    Naayijeeriyaa bakka boba'aan jirutti ujummoo boba'aa daddabarsu keessaa boba'aa hatuun waggoota kurna hedduuf rakkoo jabaa ta'ee itti fufeera.

    Naannoon Riivars jedhamu ammoo bakka kuusaan boba'aa guddaan jiru keessaa tokko.

    Waggoota dheeraaf qaamoleen yakkaaf bobba'an ujummoollee boba'aa cabsuun saamicha raawwatanii bidiruutti fe'atanii miliqu. Achiis gabaa gurraacharratti gurguratu.

  4. Biyyoota jaha keessatti 'hanna qaama saalaan' namootni 80 ta'an ajjeefaman

    Maxxansa YouTube irra dabri
    Qabiyyee Google YouTube hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu. YouTube beeksisa qabaachuu danda'a.

    Xumura maxxansa YouTube

    ''Qaamni saalaa dhabamuu-genital teft'' maqaa jedhuun odeeffannoon garmalee tamsa'aa ture lubbuu namoota hedduu gaaga'eera.

  5. MM Abiy torban sadiif miidiyaarraa fagaachuun gaaffii kaase

    Ministira Muummee Abiy

    Madda suuraa, Getty Images

    Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad erga fuula ummataa duraa badanii torban sadii booda gaafa Kaamisaa mul'ataniiru.

    Bulchaan Itoophiyaa miidiyaarratti bal'inaan mul'achuun beekaman torbanoota dhihoo mul'achuu dhabuu isaaniin namoonni gaafatan turan.

  6. Namoonni siyaasaa IHAAPPAA fi Obbo Abarraan wabiin akka hiikaman murtaa'e

    Dubbii Himaa IHAAPPAA Obbo Yisaaq Waldaay (bitaa), nama siyaasaa Obbo Abbaba Akaaluu (gidduu) fi abukaatoo Abarraa Nigus (mirga)

    Madda suuraa, EZEMA/ABERA NIGUS

    Ibsa waa'ee suuraa, Dubbii Himaa IHAAPPAA Obbo Yisaaq Waldaay (bitaa), nama siyaasaa Obbo Abbaba Akaaluu (gidduu) fi abukaatoo Abarraa Nigus (mirga)

    Namooti siyaasaa dhaaba IHAAPPA Abbabaa AkaaluufI Yisaaq Waldaayi 'yakka shororkeessummaan himatamanii turan akkasumas abukaatoon duraanii Obbo Taayyee Danda'aa, Obbo Abarraa Niguus, tokkoon tokkoo isaanii wabii birrii 50,000'n akka hiikaman murtaa'e.

    Manni murtii olaanaa federaalaa ramaddii Lidataa wabiin akka hiikaman murteessuu abukaatoon isaanii Obbo Solomoon Gazzaahinyi BBCtti himaniiru.

    Yeroo qorannoo dabalataa guyyaa 14 poolisiin gaafate irratti Kamisa kaleessaa falmiin taasifamee dhaddachi har'aaf beellama kennuu Obbo Solomoon dubbataniiru.

    Haaluma kanaanis, dhimmicha kan hordofaa jiru Manni Murtii Olaanaa Federaalaa dhaddacha Lidataa Beellamni Yeroo 1ffaa gaaffii poolisii diduun tokkoon tokkoon isaanii wabiin akka bahan murteessuu abukaatoon isaanii Obbo Solomoon BBC'tti himaniiru.

  7. Hogganaan Sudaaniifi Pirezidantiin Ertiraa Asmaraatti mari'atan

    Dureewwan Sudaaniifi Ertiraa

    Madda suuraa, Embassy of the State of Eritrea in Addis Ababa

    Dura taa'aan Mana Maree Waliigalaa Sudaan Janaraal Abdal Fattaah al Burhaan Pirezidantii Ertiraa Isaayyaas Afawarqii waliin Asmaraatti marii taasisan.

    Mariin isaanii hariiroo biyyoota lamaanii cimsuufi dhimma waloo isaaniirratti kan xiyyeeffate ta'u Embasiin Ertiraa Finfinnee jiru dubbateera.

    Al Burhaan ejjennoo Ertiraan Sudaan irratti qabdu dinqisiifachuullee ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa gubbaa qooden beeksise.

    Biyyi ollaa Itoophiyaa, Sudaan, waggoota sadan darbaniif wal waraansa keessa jirti.

    Ertiraan waraana biyyattii Janaraal Al Burhaaniin hoogganamu akka deeggartu himama.

    Akka embasiin Ertiraa himetti, Al Burhaan gaafa Jimaataa Asmaraa seenaniin erga marii taasisan booda biyyatti qajeelaniiru.

  8. US qondaala waraanaa Iraan haleellaa saayibarii ajaju bakka jiru nama natti himeef badhaasa dolaara miliyeena 10 nan kenna jette

    Amiir

    Ameerikaan qondaala waraanaa Iraan damee haleellaa saayibarii hogganu bakka inni jiru nama odeeffannoo naa kenneef badhaasa dolaara miliyeena 10 qopheessuu ibsite.

    Eegdota Warraaqsa Islaamaa Iraan keessatti hogganaa olaanaa damee saayibarii kan ta'an Amiir Yaariyaab Ameerikaan addumatti kan barbaaddu ta'us, qondaalota waraanaa Iraan biroos bakka jiran nama odeeffannoo kenneef badhaasa qopheessuu US duraanuu ibsiteetti.

    "Karaa mootummoota birootiin buufataalee misoomaa Amerikaa irratti kanneen haleellaa saayibarii gaggeessan adda baasuuf kan gargaaru ykn dandeessisu odeeffannoo namni kenne badhaasa hanga dolaara miliyeena 10 ni argata," jette US.

    Addumatti qondaalli Iraan US irratti xiyyeeffatte kun, Amiir Yaariyaab, Eegdota Warraaqsa Islaamaa Iraan (IRGC) jalatti kan hogganamu ajaja damee saayibariifi elektirooniksiitti itti aanaa itti gaafatamaadha.

    Namni kun haleellawwan saayibarii Awurooppaa, Ameerikaafi Baha Giddugalaa keessatti waraana, imala galaanaraa, telekominikeeshiniifi dameewwan faayinaansii irratti Iraan gaggeessitu kan qindeessaa ture ta'uutu ibsame.

  9. Itiyoo Telekoom waggaa dhufu galii birrii bil 295 argachuuf tilmaame

    Dhaabbata Itiyoo Telekoom

    Madda suuraa, Getty Images

    Dhaabbanni telekoomii Itoophiyaa, Itiyoo Telekoom, xumura waggaa dhufu galiin isaa birrii biiliyoona 295 ($1.83 billion) akka gahuu malu tilmaame.

    Kunis, guddina 36.7% jechuudha.

    Hoggantuun Olaantuun dhaabbatichaa Aadde Fireehiwot Taammiruu kunis kan galmaa'u maamiltonniifi fayyadamtoonni daataa guddachuu, akkasumas tajaajilli networkii waan babal'atuf akka ta'e dubbachuu isaanii Rooyitars gabaaseera.

    Aadde Fireehiywot, maamiltoonni dhaabbatichaa gara miiliyoona 96.2 akka guddatu akka tilmaamanis ibsa miidiyaalef kennameerratti dubbataniiru.

    Ministirri Muummee Abiy Ahimad erga gara aangootti dhufan booda dameen telekomii Itoophiyaa gabaa alaaf banaa ta'eera.

    Kanaanis, dhaabbati Keeniyaa Safaricom jedhamu gabaa Itoophiyaa keessatti seenee yeroo ammaa sosso'aa akka jiru ni beekama.

  10. Balaa lolaa cimaa Neppaalifi Tiibeet mudateen lakkoofsi namoota du'anii 1,301 gahe

    Hojjattoonni lubuu baraaran yeroo barbaacha taasisan

    Madda suuraa, Nepal Army Handout

    Balaa lolaa balaafamaa Neeppaalifi Tiibeet mudateen hanga ammaatti lakkoofsi namoota du'anii 1,301 gaheera.

    Kanneen achi buuteen isaanii dhabame ammoo 5,339 gahuu mootummaan biyyattii beeksise.

    Balaan lolaa kun erga mudatee guyyoota kan guute yoo ta'u, addumatti balaan kun Neeppaalirraan miidhaa guddaa gaheera.

    Neeppaalitti namoonni 1,280 yoo du'an, 4700 ol ammoo achi buuteensaanii dhabamee barbaachi itti fufeera.

    Tiibeetitti ammoo lakkoofsi namoota 21 yoo ta'u, kan bakki jiran dhabame 541 qofaadha.

    Lammiilee Neeppaaliin alatti lammiileen biyyoota garaa garaa dhibbaan lakkaa'aman kanneen achi buuten dhabaman keessayi jedhame.

    Ragaaleen akka agarsiisanitti, yoo xiqqaate lammiileen biyyoota 34 kanneen balaa lolaa kanaan achi buuten dhabame keessatti argamu.

  11. Neetaaniyaahuun mootummaa Iraan kuffiisuun ni danda'ama jedhe

    MM Israa'el Benjaamiin Netaniyaahuu

    Madda suuraa, Reuters

    Ministirri muummee Israa'el Benjaamiin Netaaniyaahuu dubbii Kamisa dubbateen mootummaa Rippablika Islaamaa Iraan kuffiisuun "kan danda'amudha" jechuun, yeroo kamirrayyu caalaa mootummaa laafaa aangoorra turuuf dhama'aa jiru ta'uu dubbate.

    Qophii gaggeessitoota waraanaa hirmaachisarratti kana kan dubbate Netaaniyaahuun, doorsisa iraan irraa dhufu rakkoo Israa'el guddaa qabdu "guutummaatti dhabamsiisuun" ni danda'ama jedhe.

    Netaaniyaahuun akka jedhetti, erga dhiyoo as Iraan haleellaa raawwattuun Israa'el irratti xiyyeeffachuu dhiisuun ishee kan akkasumaan ta'e miti. Teehraan cimina, meeshaa fi murannoo Israa'el sirriitti beekti.

  12. Ameerikaan haleellaa misaa'elaa Iraanitti cidharratti raawwatte jedhame qorachaa jiraachuu himte

    JD Vaans

    Madda suuraa, Reuters

    Cidha kibba Iraan keessatti gaggeeffamaa turerratti haleellaa misaa'ela Ameerikaatiin gaggeeffame jedhameen daa'imman lama dabalatee yoo xiqqate namoonni afur ajjeefamaniiru. Kana hordofee waraanni Ameerikaa qorannoo gaggeessaa jiraachuu pirezidantiin itti aanaa biyyattii JD Vaans beeksiseera.

    Kibxata cidha magaalaa Siiriik keessatti mana jireenyaa argamu tokko caccabaa misaa'elaatiin rukkutamuu dhaabbati mirga namoomaa Iraan Waldaan Addeessa D|iimaa ibseera.

    Dubbi himaan ministeera dhimma alaa Ismaa'el Baagaay gochicha "yakka waraanaati" jechuun balaaleffateera.

    Guyyaa sana Iraan humnoota Ameerikaa irratti "yaalii haleellaa" gochuu isheetiin Waashingiteen misaa'ela dhukaasuu beeksiftee ture. Haata'u malee, dubbi-himaan iizii waraanaa Ameerikaa raayyaan isaa "yoomillee namoota nagaarratti hin xiyyeeffatu" jechuun dubbateera.

    Kamisa kaleessaa ibsa kan kenne pirezidantiin itti aanaa Ameerikaa SD Vaans gabaasaaleen waa'ee haleellaa kanaa ilaalchisee bahan irratti "shakkii guddaa" akka qabu ibseera. Kana waan ta'eef Ameerikaan waa'ee dhimma kanaa qorannoo akka gaggeessitu mirkaneesseera Vaans.

    "Hanga ammaatti miidiyaaleen mootummaa Iraan waa'ee taatee kanaa gaarii hin turre. Kanaaf, dhimma kanarratti shakkii guddaan qaba," jedheera.

  13. Namni jalqabaa boolla keessaa yeroo baafamutti

    Balaa lolaa Neeppaalitti mudateen guyyootaan booda namoonni lama lubbuun baraaraman.

    Namoota kanneen hojjetoonni lubbuu baraaran yeroo baasan viidiyoo agarsiisu.

    Daawwadhaa!

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Daawwadhaa: Namni jalqabaa boolla keessaa yeroo baafamutti
    Ibsa waa'ee viidiyoo, Daawwadhaa: Namni lamaffa ayeroo baafama ajirutti
  14. Balaa lolaa Neeppaalitti mudatee torban lama booda namoonni lama bo'oo keessaa lubbuun baraaraman

    Nama balaa lolaa Neeppaalitti mudatee guyyootaan booda lubbuun baraarame

    Madda suuraa, NEA

    Balaa lolaa Neeppaalitti mudateen turtii torban lamaan booda namoonni lama bo'uu humna ibsaa keessaa lubbuun bahuu hojjetoonni lubbuu baraaruu BBCtti himan.

    Hojjettoonni ittisa balaa wayita Sanjaayaa Shaah fi Kabiir Mahaarjaan yeroo bo'oo keessaa baasan gammachuu ibsachaa mul'atan.

    Taateen diraamaa fakkaatu kun hedduun kan hin eegiin ture.

    Jimaata ganama kana sagalee namootaa ulaa lafa jalaa (bo'oo) humna ibsaa balaa lolaan jige kana keessaa sagaleen namaa dhaga'amuu hordofee yoo xiqqaate namoota 42 ta'anitu baraaramuuf deema jedhamee eegama ajira.

    Injiinaroonni ammoo akka lubbuun turan gargaaruuf jecha qilleensa lafa jalatti ergaafiifi jiru (buufaafiif jiru).

    Ulaa lafa jalaa (bo'oo) humna ibsaa laga bishanaii qabatee gola baayyee qabu kana bakka gara garaa keessa namoonni 150 ol ta'an qabamanii jiru jedhamee sodaatama ajira.

    Balaa lolaa Neeppaal kanaan yoo xiqqaate namoonni 1,200 du'aniiru.