Gooliin Isaak lama Liiverpuuliif qabxii sadii isaaf qeeqa salphise

Madda suuraa, Getty Images
Gatii riikardii Piriimiyeer Liigii Ingiliiz ta'een bara darbe Niiwkaasil irraa Liivarpuulitti kan makame Aleksaander Isaak Jimaata galgala Ipiswiich Taawun irratti goolii lama lakkoofsiseera.
Liigichi erga eegale tapha sadirratti goolii sadii galchuun amma qaalii ta'uusaa mirkaneessuu waan eegale fakkaata.
Bara darbe gara caalu miidhamaa fi gahumsatti deebi'uu dhabuun qeeqamaa ture.
Bara kana garuu goolii galchuutti hin deebi'u taanaan gatiin itti bahe kasaaraadha jechuun xiinxaltootni hedduun yaada irratti kennaa wayita jiranitti Isaak deebii kenne.
Gooliiwwan lamaaniifuu kubbaa mijessee kan kenneef ammoo gara Maanchister Siitii godaanuuf fiixeerra gahee kan ture Koodii Gaakpoodha.
Gaakpoon taphoota sadiirratti hirmaannaa goolii afur galmeesseera.
Isaak paawundii miliyoona 125 gara Anfiild kan dhufe muddamaafi atakaaroo yeroo dheeraa kilabasaa duraanii wajjiin turee booda.
Liiverpuul bara kana taphoota laman darban irratti qixa bahee. Leenjisaa haaraa Andoonii Iraa'olaa jalatti injifannoosaa jalqabaa galmeesse.











