Imaltoota gammoojjii Sahaaraa keessa darbaa turan keessaa 50 kan ta'an dheebuun du'an

Madda suuraa, Agadez governorate/Facebook
Namoonni gammoojjii Sahaaraa keessa darbaa turan konkolaataan ittiin imalaa turan hojiin ala ta'uun erga bakkeetti harcaafamanii booda isaan keessaa namoonni 50 ta'an dheebuudhaan dhuman.
Imaltoonni kunneen feestivaala Muslimootaa Maaliitti qophaa'erratti hirmaatanii deebi'aa turan.
Bakka ijoo Niijeer fi Aljeeriyaa gidduutti argamtu Asaamaakaa irraa kiilomeetira 80 irratti bishaanni imaltoota kunneen jalaa dhume.
Biyyoonni bulchiinsa Ingiliiz jala turan ibsa baasaniin ''iddoo baayyee ho'aa ta'etti sadarkaa socho'uu dadhabanirra ga'an. Waan isaaniif barbaachisu tokkollee argachuu waan hin dandeenyeef lubbuun turuun rakkisaa ture,'' jedhan.
Namoota imalarra turan keessaa lama qofatu lubbuun hafan.
Konkolaataan ittiin imalaa turan magaala Maalii, Teelahandak irraa wayita ka'u kallattii akka dogoggoree ture ibsameera.
Konkolaachisaa fi imaltoonni guyyaa guutuu konkolaataa sana suphuuf yaalii taasisaa turan, garuu hin milkoofne.
''Konkolaataa suphuu hin dandeenye. Bishaannis jalaa dhumee ture. Ho'a akkaan hamaa ta'e keessatti ukkaamfamanii turan. Konkolaataa cinatti reenfa hedduutu argame,'' jedha ibsi ba'e.
Kanneen du'an iddoo tokkotti awwaalaman.
Bakka konkolaataan itti cabe irraa iddoo dhihoott argamutti ammoo konkolaataan biraan namoota 60 fe'e hojiin ala ta'ee argameera.
Imaltoonni konkolaataa kana suphuuf guyyoota sadi yaalanis homaa hin milkoofne.











