KALLATTIIN, US fi Iraan waraana dhaabuuf waliigalteerra gahuu beeksisan

US fi Iraan "Libaanos keessatti dabalatee adda hundaan oppereeshinii waraanaa akka dhaaban" waliigalteerra gahuu Ministirri Muummee Paakistaan beeksise.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. ''Waliigaltee nu hin hammanne kanaan hariiroo hin qabnu''- Ministira Israa'el

    Itaamar Ben-Gvir Israa'el biyya of dandeessedha, harka Ameerikaa keessa hin jirtu jedhe

    Madda suuraa, EPA/Shutterstock

    Israa'el waliigaltee walhubannoo US fi Iraan irra ga'an kan Paakistaan ibsiterratti ibsa hin kennine.

    Leellistoota sirna duriitti cichan keessaa kan ta'e Ministirri Nageenya Biyyaalessaa Israa'el Itamar Ben-Gvir waliigaltee kana qeeqeera.

    ''Waliigaltee nageenya keenya hin mirkaneessine kanaan hariiroo hin qabnu. Kallattii kamiinuu nu hin hammatu,'' jedhe.

    Israa'el osoo Hizboollaa hin balleessin furmaati isheen argattu hin jiru jedhe.

    Kanaafuu haleellaan Libaanos keessatti Hizboollaa irratti gaggeeffamuu itti fufuu qaba jedhe qondaalli Israa'el kun.

    Itaamar Ben-Gvir Israa'el biyya of dandeessedha, harka Ameerikaa keessa hin jirtu jedhe

    Ben-Gvir mootummaa biyyasaallee qeequun beekama.

    Haleellaan uummata Filisxeem irratti akka raawwatu nama kakaasuun beekamuudha.

    Gocha isaa kanaafis UK fi biyyoonni kaan isa qoqqobaniiru.

  2. Qabxiilee US fi Iraan irratti waliigalan

    Alaabaa US fi Iraan

    Madda suuraa, Getty Images

    Miidiyaaleen Iraan waliigaltee waraana dhaabuuf biyyoonni lameen, US fi Iraan, irra ga'an keessatti qabxiilee hammataman ibsan.

    Qabxiileen miidiyaaleen Iraan dhiheessan kunneen ammaaf qaamoleen lamaaniin hin mirkanoofne.

    Miidiyaan Mehr jedhamu qabxiilee kunneen eere:

    • Libaanos dabalatee bakka hundatti dhukaasi ni dhaabbata
    • Ameerikaan dhimma Iraan keessa hin galtu
    • Ameerikaan guyyoota 30 keessatti uggura sochii galaanaa Iraan irraa ni kaasti
    • Waraanni Ameerikaa Iraan gadhiisee ni ba'a
    • Ulaan Hormuuz ''to'annoo Iraan jalatti'' guyyoota 30 keessatti ni banama
    • Ameerikaa fi michuuwwan ishee karoora mancaatii mudate dandamachiisuu doolaara biiliyoona 300tti tilmaamamu ni dhiheessu
    • Qoqqobbiin boba'aa fi oomishaalee anniisaa Iraan irra kaa'ame ni kaafama
    • Iraan meeshaalee waraanaa nukilaraa akka hin oomishnu irra deebiin mirkaneessiteetti
    • Ameerikaan lakkoofsa loltoota Baha Giddugaleessaa keessaa qabduu hin dabaltu, qoqqobbii haaraas hin keessu

    Miidiyaan kun dabaluun ''qabeenyi Iraan uggurame walakkaan hanga gadhiifamutti, qoqqobbiin boba'aa Iraan irra kaa'ame hanga ka'utti akkasumas uggurri sochii galaanaa Iraan hanga ka'utti waliigaltee dhumaarra hin ga'amu jechuun Iraan ibsuu gabaase.

    Waliigalteen inni dhumaa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin ragga'uu akka qabu Iraan gaafachuus gabaaseera.

  3. Uggurri sochii galaanaa guyyoota 30 keessatti ka'a

    Erga US fi Iraan waraanadhaabuuf waliigaluu ibsanii miidiyaaleen Iraan uggurri sochii galaanaa guyyoota 30 keessatti ka'a jedhan.

    Qabxiilee Waliigaltee Wal Hubbannoo US fi Iraankeessaa tokko uggura sochii galaanarraa Ameerikaan keesse guyyoota 30 keessatti kaasudha jedhan.

    Erga Iraan hulaa Hormuuz cuftee Ameerikaan ammoo dooniiwwan fe'umsaa buufata doonii Iraanii akka hin baanee fi boba'aa ishee fe'uuf akka hin seenne dhorkitee turte.

    Boba'aan addunyaa %20 tahu karaa Hulaa Hormuuz kana darba.

    Erga Ebla 13 as gidduugalli ajaja waraanaa Ameerikaa Baha Gidduugaleessaa jiru dooniiwan sagal dhabamsiisee 135 akka kallattii jijjiiratan taasisuu ibse.

  4. Waa'ee waliigaltee US fi Iraan qabxiiwwan ijoo

    US fi Iraan waliigaltee wal hubannoorra ga'aniiru. Waliigaltee kanaan walqabatee qabxiiwwoon ijoo:

    • Dilbata ganama Israa'el ''Hizboollaan daangaa ishee keessatti haleellaa qilleensaa raawwachuu,'' himachuun, kibba Beeruut haleelte
    • Tiraamp haleellaan Israa'el ''waan mudachuu hin malle,'' jechuun, wayita Iraan waliin waliigalteerra ga'uutti dhihaatanitti gareen lameenuu akka haleellaa dhaaban akeekkachiise
    • Haleellaan kun marii US fi Iraan gidduutti deemaa ture gufachiisa jedhamee sodaatamee ture
    • Garuu sa'atiiwwan muraasa booda waliigalteen dhukaasa dhaabuu biyya jaarsummaan gidduu jirtu Paakistaaniin ibsame
    • Booda Tiraamp waliigaltecha mirkaneesse
    • Aanga'oonni Iraanis waliigalteerra ga'uu mirkaneessuun, Jimaata dhufu Siwiizarlaanditti akka mallattaa'u ibsan
    • Biyyoonni akka UK, Faransaay, Jarmanii fi Xaaliyaanii waliigaltee labsame kana simataniiru
    • Waliigalteen kun maal akka qabatu bal'inaan hin ibsamne, miidiyaan Iraan garuu waligalteen kun US akka Iraan irraa qoqqobbii kaastu, Iraan meeshaalee waraanaa nukilaraa oomishuu akka dhaabdu fi bakka hundatti dhukaasi akka dhaabbatu hammata jedhan.
    • Ministeerri dhimma alaa Iraan waliigalteen dhumaa guyyoota 60 dhufan keessatti waliigaltee dhumaarra ga'u jedhe.
  5. US fi Iraan waraana dhaabuuf waliigalteerra gahuu beeksisan

    Pirezidantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    US fi Iraan "Libaanos keessatti dabalatee adda hundaan oppereeshinii waraanaa akka dhaaban" waliigalteerra gahuu Ministirri Muummee Paakistaan beeksise.

    Waliigalteen kun Jimaata Siwiizerlaanditti akka mallatteeffamu kan hime MM Paakistaan Sheehbaaz Shariif, waliigalteen kun maal akka qabatu ilaalchisee odeeffannoon bahuuf jira jedheera.

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp ammoo waliigalteen kun Jimaata mallatteefffamnaan “boba’aan ni yaa’a” jechuun dubbate. Waliigalteen US fi Iraan gidduutti taasifamuu hordofee gatiin boba’aa hir’ateera.

    Itti aanaan Ministeera Dhimma Alaa Iraan waliigalteerra ga’amuu TV mootummaaf kan mirkaneessan yoo ta’u, ajajoonni waraanaa Iraan waliigaltee kana injifannoo Teehraan ta’eetti ibsaa jiru.

    Waraanni kun Guraandhala 28 US fi Israa’el haleellaa Iraan irratti gaggeessuun jalqabee, booda Iraan biyyoota Galoo Galaanaa michoota US ta’anirratti tarkaanfii fudhachuun babal’atee hanga Ulaan Hormuuz toora boba’aan addunyaa keessa darbu cufamuutti geessise.

  6. ASHAMAA!

    Akkam jirtu?

    Toora odeeffannoo kallattiin isini biraan geenyu jalqabneerra.

    US fi Iraan waraana dhaabuuf waliigalteerra gahuu beeksisuu.

    Odeeffannoo wayitaawaa biyya keessaafi guutummaa addunyaarraa, ispoortii dabalatee: Marsariitii,YouTube, Whatsapp, akkasumas karaa Facebook kanaan seentanii filattanii dubbisuu dandeessu.

    Nu hordofaa!