Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
FBI'n ragaa basaasaa Sa'udiiti jedhamee haleellaa 9/11 keessaa gahee qabaachuu agarsiisu dhokseera?
Himannaa doolaara tiriliyoona tokkoo maatiin miidhamtoota haleellaa 9/11, Sa'ud Arabiyaa irratti bananiin walqabatee namni maqaansaa eerame Omaar al-Baayumii angawoota mootummaa Sa'udii walin hidhata bal'aa qabaachuunsaa mirkanaa'e.
Viidiyoon BBC'n argate namni kun wayita nama booda keessa hoggantoota Al-Qaayidaa keessaa tokko ta'e waliin tapha qiyyaafachuu (paintball) wayita taphatus agarsiisa.
Viidiyoon kun haleellaan 9/11 raawwatamee guyyoota muraasa booda harka Waajjira Qorannoo Federaalaa US /FBI/ qaqqabus, Omaar al-Baayuumiin garuu waggoota 25 darbaniif finxaalessas ta'e basaasaa Saawudii akka hintaane dubbachaa tureera.
Wayita Yunaayitid Isteetis keessa turetti barataa akka ture kan himu Baayumiin, viidiyicha keessatti garuu nama booda keessa hoggantoota Al-Qaayidaa keessaa tokko ta'e Anwaar al-Awlaakii yemmuu hammatu mul'ata.
Viidiyoo biraa keessattimmoo Baayumiifi Awlaakiin angawaa Ministeera Dhimmoota Islaamummaa Saawudi Arabiyaa tokko waliin dhiyeenya magaalaa Saan Diyeegootti wayita tapha akeekaa meeshaa qawwee fakkaatuun taphatan agarsiisa.
Viidiyoowwan kunneen himata maatiin miidhamtoota 9/11 Saawudi Arabiyaarratti hundeessan keessatti kan argaman yemmuu ta'u, hanga ammaattis ummataaf ifa osoo hingodhamin turaniiru.
Himannichi Saawudi Arabiyaan haleellicha keessaa harka akka qabdufi Baayumiinis namoota 19 xayyaarota butuun Giddugala Daldalaa Addunyaafi Pentaaganitti buusanfi tokkommoo Pensilvaaniyaatti kufisan keessaa lama gargaaruusaa hima.
Baayumiin haleellichi erga raawwatee guyyoota muraasa booda Yunaayitid Kingidam UK keessatti kan to'atame yemmuu ta'u, viidiyoowwan kunneenis ragaalee biroo walin sakattaa irratti taasifameen argaman.
Ragaalee kunneen keessaa tokkommoo fakkiin xayyaaraafi barreeffamni shallaggii balallii xayyaaraa agarsiisu ni argama.
Hojjettoonni FBI heddu koppii fakkichaa kan argatanfi fakkichi gara waajjira poolisii Baayumiin itti tursiifamaa turetti ergamee turus ragaan kun harka qorattoota yakkaa Biriteen hin qaqqabne.
Kan malees, fakkiin kun qorattoota FBI muraasa Baayum qorachaa turanfi Komishinii taatee 9/11 qorachuuf hundaa'es hin qaqqabne. Dhumarrattis Baayumiirratti himanni osoo hin hundaa'in hafeera.
Dhimma kana ilaalchisee BBC'n Baayumiifi mootummaa Saawudiif gaafii kan dhiyeesse yemmuu ta'u, lachuu deebii hinlaanne. Garuummoo lachuu haleellicha keessaa harka akka hinqabne akkasumas taatichi raawwatamuusaan dura wanti waa'ee taatichaa beekan akka hinjirre haalaa turaniiru. FBI's dhimmicharratti yaada kennuurraa of qusateera.
Tapha akeekaa 'Jihaadif leenji'uu'
Omaar al-Baayumiin bara 1994 ture Saawudi Arabiyaarraa gara US magaalaa Saan Diyeegootti kan imale.
Achittis Ingiliffa barachaa akka ture dubbatus, ragaan mana murtii garuu waggoota muraasa booda barumsicha adda kutuusaa agarsiisu. Yeroo baay'ees sagantaalee amantaan walqabatan wayita qindeessufi viidiyoo yeroo waraabu mul'ata ture.
Viidiyoon Baayumiin bara 1997 hanga jalqaba bara 1998 waraabe tokkos Anwaar al-Awlaakii dabalatee dhiiroliin gareedhaan meeshaa qawwee fakkaatufi rasaasawwan halluu dhukaasun tapha akeekaa (paintball) yemmuu taphatan agarsiisa.
Viidiyoon kun dhiyeenya Saan Diyeegootti kan waraabame yemmuu ta'u, namoonni kunneen waraana magaala keessaafi akeekaa yemmuu shaakalan agarsiisa. Namoota garee kana keessa turan keessaa harki caalmaanis uffata waraanaa uffatanii turan.
Viidiyicha keessa iddoo wayiitti namoonni muraasni "Allaahu Akbar" jechaa waraanatti yeroo fiigan mul'ata.
Haleellaa 9/11 booda FBI qorannoowwan farra-shororkaa taasisu keessatti namoota tapha akeekaa 'peyintbool' (paintball) taphatan irratti xiyyeeffatee ture. Kana malees Ministeerri Haqaa US, himannaawwan shororkeessummaa heddurratti tapha kana akka ragaatti dhiyeeffateera.
Omaar al-Baayumiifi Anwaar al-Awlaakiin dhumaa bara 1990'mootafi jalqaba bara 2000 keessa yoo xiqqaate waggoota sadiif yeroo garagaraatti Saan Diyeegoo keessatti tapha kana taphataniiru. FBI haleellaa 9/11 booda dhimmicha yemmuu qoratus, hirmaattonni muraasni jihaadiif leenji'uuf taphicharratti hirmaachaa akka turan qorattoonni odeeffataniiru.
Wayita viidiyoowwan tapha akeekaa waraabamanitti Awlaakiin namoota al-Qaayidaa walin hidhata qaban waliin hariiroo qabaachaa kan ture yemmuu ta'u, yeroo muraasa boodas FBI'n qoratameera. Bara 2011 keessammoo haleellaa diroonii CIA'n ajjeefameera.
Himannaa maatii miidhamtoota 9/11'n Saawudi Arabiyaarratti baname hordofee bara 2021'tti hariiroo Awlaakii walin qabu kan gaafatame Baayumiin, Awlaakii qaamaan argee akka hinbeekne dubbate. Haa ta'u malee viidiyoon jechasaa kanaan walfaallessu icciitiin mana murtiif kan dhiyaate waggaa tokko booda ture. Viidiyoon kun guyyoota muraasa durammoo ummataaf ifa ta'eera.
Ministeerri Dhimma Islaamaa bara 1993 kan hundeeffame yoo ta'u, abbootii amantaa ilaalcha hundee qabu Islaamummaa Sunnii deggeraniifi addunyaa guutuutti erguun akka ol'aantummaa qabuutti ilaalama ture.
Addunyaa guutuutti masgiidota ijaaruuf doolaara miliyoona dhibbaan lakkaa'amu baasee, qondaaltota kbaayyee gara UStti erge, isaan keessaa garuun warra neetiwoorkii barsiisa amantaa warra to'atanidha.
Fakkii xayyaaraa Barminghaam keessatti argame
Haleellaa 9/11 booda shakkamtoota jalqabaa qorannoo FBI keessa seenan keessaa tokko Omaar al-Baayumii ture.
Kanaaf ka'umsa kan ta'emmoo maqaansaa waliigaltee kiraa mana jireenyaa Nawaaf al-Hazmii fi Kaalid al-Mindhaar mallatteessan keessatti argamuusaati.
Namoonni lamaan kun namoota shan xayyaara Pentaaganitti bu'e butan keessatti argamu.
FBI's hordoffii Baayumiirratti taasiseen Baayumiin taatee 9/11 dura maatiisaa waliin gara UK magaalaa Barminghaamitti imaluun achi jiraachaa akka ture irra gahe.
Fulbaana 21 bara 2001's poolisoonni damee farra shororkaa Baayumii erga to'atanii booda gara waajjira poolisii geessuun isa qorachuu eegalan.
Guyyaa itti aanuttis poolisoonni gara manneen Baayumii deemuun doumantiiwwan fuulota kumaatamaan lakka'aman qaban, suuraalee dhibbaan lakka'aman, cittuuwwan tikkeettii xayyaaraa, kaardii bilbilaafi saanduqawwan vidiyoowwan 80 ta'an qabatan dabalatee ragaalee garagaraa walitti qabuufi qixeessuu eegalan.
Sakattaan erga eegalamee sa'aatiiwwan muraasa keessattis dokumantiiwwan akka ragaatti tajaajilan heddu gara waajjira poolisii Paadingitan Giriin, kan FBI hojjetaasaa itti ramadetti geeffaman.
Ragaaleen kunneen galmee lakkoofsa bilbilaa maqaan angawoota Saawudi Arabiyaa kan US fi Saawudii keessa jiran 20 ol irratti barreeffame, tikkeettiiwwa xayyaaraafi dokumantiiwwan imalaa akkasumas waraqaa fakkiin xayyaaraa irratti kaafamefi shallaggii herreegaa balallii xayyaaraa irratti barreeffame ni argamu.
Barreeffamni Baayumiin barreeffame kun, ol ka'iinsafi fageenya balaliisaan xayyaara tokko wanta lafarra jiru tokkotti qajeelchuuf qabaachuu qabu kan agarsiisudha. Barreeffama kana jalammoo fakkii xayyaaraafi tarree lakkoofsotaatu barreeffamee jira.
Bara 2021 keessa waa'ee barreeffamichaa kan gaafatame Baayumiin, shallaggii herreegaa waan jaalatuuf fakkicha kaasuusaafi barreeffamicha yoom akka barreesse akka hinyaadanne mana murtiitti himeera.
Haata'u malee, fakkiin kun bara 2001 wayita Baayumiin qoratamaa turetti harka FBI fi poolisoota farra-shororkaa UK magaalaa Landan keessa jiran turus harka qorattootaa osoo hingahin hafeera.
Dhimma kana ilaalchisee FBI gaafii BBC irraa dhiyaateef deebii kennuurraa of qusateera. Poolisiin Metropolitaan immoo dhimma adeemsa seeraarra jiru waan ta'eef yaada hinkennu jedheera.
Fulbaana 22, bara 2001 galgala koppiin diyaagiraamii xiyyaaraa Landanitti harka FBI fi Poolisii UK farra shororkeessummaa ture. Kun ammoo bakka Omaar al- Bayoomii itti dhiyaatee gaafatamaa turerraa meetira muraasa qofa fagaatee argama. Galmeen akka agarsiisutti guyyoota lamaan itti aanan keessa yoo xiqqaate ejentoota FBI sadii bira darbaniiru.
Haata'u malee, icciitiin hin beekamni achirraa jalqaba. FBIn poolisoonni Metiroopoliitaanii Bayoomii waa'ee ragaa argamee biroo dursa kennuun akka qoratuuf itti himeera. Garuu qorattoonni kutaa qorannoo keessa turan daayaagiraamii xiyyaaraa hin arganne, ykn dhimma kanarratti wanti ibsameef hin jiru.
Ejentoonni FBI baayyeen akka nutti himanitti, taatee 9/11 bulee isaa battalumatti wanti ture guutummaan to'annootiin ala ture. Haata'u malee, dhimma sadarkaa kanatti barbaachisaa ta'e ilaalchisuun raggaa argame hubachuun, keessumaa dhimma akkas hatattamaan barbaadamee hordofamuu qabu kun, warra gaaffiifi deebii taasisuun qorannoo gaggeessan harka hin ga'iin hafe.
FBIn gaaffii keenyaaf deebii kennuu hayyamamaa hin taane. Poolisiin Metiroopoliitaanii ammoo sababa dhimma seeraa deemaa jiru ta'eef yaada akka hin kennine nutti himeera.
Korojoowwan kaassettii viidiyoon guutaman
Viidiyoowwan Baayumiin waraabamanfi korojoowwan keessa kuufaman keessaa muraasni wayita Baayumiin qoratamaa turetti Baayumiif agarsiifamanii gaafilee akka deebisu gaafatameera.
Haa ta'u malee tapha akeekaa Saan Diyeegootti taasisaa turan ilaalchisee qorattoonni Biriitish Baayumii akka gaafataniif FBI'n dursee itti hin himamne. Kana malees hariiroo Anwaar al-Awlaakii walin qabu ilaalchisees akkasuma.
Guyyaa Baayumiin itti himatamuu yookiin gadhiifamuu qabuttis qorattoonni UK angawoota Ministeera Haqaa US heddu fi FBI waliin gama bilbilaan marii taasisaanii turan.
Sagantaaleen BBC: Paanoraamaa fi Raadiyoo 4 jedhaman namoota walgahicharratti hirmaatan keessaa namoota lama walin gaafif deebii taasisaniiru.
Namoota lamaan keessaa tokko qorattoonni Biritish ragaalee Baayumiin Ameerikaaf dabarfamee akka kennamufi himanni irratti akka hundaa'u dandeesisan tarreessusaanii himaniiru.
Angawoonni Ministeera Haqaa US garuu ragaan quubsaan Baayumiin Ameerikaaf dabarfamee akka kennamu gaafachiisuu danda'an akka hinjirre dubbatan.
Haaluma kanaan Fulbaana 28, 2001 Baayumiin hidhaadhaa gadi lakkifame.
''Namoota ragaan isaa gadii irratti argameyyuu balleessummaa itti murreerra'
Omaar al-Baayumiin hidhaadhaa erga gadhiifamee boodas qorattoonni FBI ragaalee irratti dhiyaatan xiinxalaa tuarniiru.
Fakkiin xayyaaraa Baayumiin kaafames qorannoof magaalaa Landanirraa gara Waajjira FBI Damee Niwu Yoorkiitti ergamuusaa BBC'n bareera. Waajjirri FBI kunis qorannoo haleellaa 9/11 irratti taasifamu olaantummaan kan hoogganedha.
Haata'u malee, BBC'n ragaa xiinxalaas ta'e goolaba qorannichaa argachuu hindandeenye. Bara 2021 keessammoo FBI dhimma Baayumii dabalatee faayiloota qorannoo 9/11 icciitummaan isaanii hafee ifa akka godhu pirezidaaantii biyyattiirraa ajajni darbe.
Faayilawwan kunneen ifooman keessattis fakkii xayyaarichaa ilaalchisee dokumantii tokko qofatu ifa ta'e. Kana malees fakkichi gara Saan Diyeegoo iddoo Baayumiin itti jiraachaa turefi dameen FBI isa qorachaa ture itti argamutti hin ergamne.
Qorattoonni FBI, Saan Diyeegootti argaman namoota Baayumii walin hidhata qabaniif af-gaafii gochuu dabalatee ragaalee bilbilaafi herreega baankiisaa qorachaa turanis ragaalee magaalaa Barminghaam keessatti walitti qabaman keessaa tokkoyyuu hinergamneef ture.
Qorannoo FBI magaalaa saan Diyeegootti taasisaa ture kan hogganan Rik Laambart, garagalchi ragaalee kunneenii akka ergamaniif dame FBI Niwu York jiru gaafatanis akka hin ergamneef himu. "Ejjennoonsaanii 'nutu dhimmicha qabatee jira waan ta'eef yemmuu qorannee xummurru isinif ergina' kan jedhu ture" jedhu.
Booda keessa bara 2002 keessa garuu waajjirri FBI magaalaa Saan Diyeegootti argamu viidiyoowwan muraasa hojjetaa FBI magaalaa Landan keessa hojjechaa turerraa argachuusaa dokumantiiwwan agarsiisu.
Dokumantiiwwan FBI fi Ministeetra Haqaa US kan bara 2002, BBC'n ilaale waa'ee meeshaalee manneen Baayumii magaalaa Barmiinghaam keessaa argamanii himu.
Dokumantiiwwan kun meeshaaleen manneen Baayumii keessatti argaman "Omaar al-Baayumiin ilaalchafi amantaa farra Ameerikaa qabaachuusaa akeeku danda'u' barreeffamoonnisaas jihaadistii akka deeggarutti hubatamuu kan danda'anidha" jedha.
Haata'u malee, dokumantiiwwan kunneen waa'ee tapha akeekaas ta'e hariiroo Baayumiin Anwaar al-Awlaakii walin qabu wanti himan hinjiru.
Waqtii sanatti Ministeera Haqaa US keessa daayrektara itti aanaa farra-shororkaa kan turan Jeefrii Bireenholt, Waajjirri Abbaa Alangaa Niwu York isaanifis ta'e waahillansaaniif Baayumii ilaalchisee himata akka raggaasisanif himata akka hindhiyeessineef himaniiru.
Silaa fakkii xayyaarichaa argataniiru osoo ta'ee Baayumiirratti himata hundeessuuf ragaa ijoo akka ta'e kan himan Bireenholt, 'Namoota ragaan isaa gadii irratti argameyyuu balleessummaa itti murreerra' jedhaniiru.
Gama biraatiin Komishiniin 9/1 Adoolessa 2004 gabaasasaa yemmuu ifoomsutti Baayumiin haleellaa 9/11 irraa bilisa ta'uusaa himeera. Kana malees 'Nama namoota biroo gargaaruuf heeyyamamaa ta'efi namoota waliin salphaatti hariiroo tolfachuu danda'udha' jechuun Baayumii kan ibse gabaasichi, ragaan Baayumiin ilaalcha finxaalessummaa qabaachuusaa agarsiisu hinjiru jedheera.
Haata'u malee, hojjettoonni komishinichaa muraasni Baayumiin taatee 9/11 irraa guutummaatti bilisa jedhamuusaa hin fudhanne. Yoo xiqqaate Hazmiifi Mihdhaar miseensota akkasumas dhimma baatota al-Qaayidaa ta'uusaanii ni beeka ture amantaa jedhu akka qaban himaniiru.
Dhimma Baayumii ilaalchisee Ministeerri Haqaa US, dhimmootafi murteewwan waggoota 25 dura hojjettoota amma dhaabbaticha keessa hinjirreen murtaa'an ilaalchisee yaada kennuu akka hindandeenye BBC'tti himeera.
Qorannoo FBI taatee 9/11 irratti taasie kan hogganan Meerii Galligan, waqtii sanatti Komishinichi mirga odeeffannoofi ragaalee barbaade argachuu qabaachaa akka ture kanaan dura himaniiru.
Gama biraatiin BBC'n gama mootummaa Saawudiin Omaar al-Baayumii argachuuf yaalus Baayumiin deebii hinlaanne. Kanaan dura garuu Hazmifi Mihdhaar karoora xayyaara butuu qabaachuusaanii akka hinbeekne, basaasaa Saawudii akka hinturrefi haleellaa 9/11 keessaa gonkumaa hirmaannaa akka hinqabaanne himeera.
Dhimmicharratti yaada akka laatu kan gaafatame mootummaan Saawudi Arabiyaas deebii hinlaanne. Haa ta'u malee kanaan dura yaadni saawudi Arabiyaan yookiin angawoonni biyyattii haleellaa 9/11 keessaa harka akka qaban himu guutummaatti soba ta'uusaa himeera.