Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qormaata sochii qaamaa salphaa saaxilamummaa du'aa tilmaamuu dandeesisu
Sochii qaamaa erga gootanii booda saffisni dhahannaan onnee keessanii gara haala idileetti itti deebi'u waa'ee haala fayyaa keessanii waa baay'ee hima.
Gamoo keessa darbii yemmuu baatan onneen keessan akka malee saffisaan dhahuun akkasumas fageenya xiqqoo suksukanii hafuurri ciccituun haalli fayyummaa qaamaakee sadarkaa gaariirra jiraachu dhabuusaaf agarsiistuu ta'uu danda'u.
Kana cinatti sochii qaama erga goonee booda amalli onneen keenya daqiiqaawwan muraasa itti aananiif agarsiistuus haala fayyummaa qaama keenya keessaa waan baay'ee hima. Kunis saffisa dhahannaan onnee keenya gara haala idilee yookin duraan turetti itti deebi'uun walqabata.
Qormaanni reetii/saffisa/ dhahannaan onnee gara haala duraan turetti itti deebi'u (heart rate recovery test) gabaabumatti gabaajee HRR jedhuun kan beekamu, garaagarummaa saffisa dhahannaa onnee wayita sochii qaamaarra jirrufi sochii qaamaa erga xummurree daqiiqaa tokko booda jiru shallaguun kan argamudha.
Yunivarsiitii Niwu Yoork, mana barumsaa fayyaa Girossmaaniitti kaardiyoloojistii kan ta'an Niekaa Goldarbarg, qorannoon HRR agarsiistuu fayyummaa onnee gaarii ta'edha jedhu.
Qormaanni kun saaxilamummaa namni tokko dhiibbaa dhiigaafi rakkoolee onnee walin walqabatan biroof qabu baruuf akka fayyadus himu.
Kanaafis qabxiin HRR gadi aanaa ta'e fayyummaan qaamaa keenya haala gaariirra akka hinjirre mallattoo akeekkachiistuu ta'uun tajaajiluu kan danda'u yemmuu ta'u, hundaa ol immoo saaxilamummaa du'aaf qabnu agarsiisuu danda'a.
Saayintistoonni Yunaayitid Isteetis, Ohaayootti Kilinika Kiliivlaand keessa hojjetan hariiroo HRR fi saaxilamummaa du'aa gidduu jiru erga qoratanii booda bara 1999 keessa argannoosaanii maxxansanii turan.
Qorattoonni kun ga'eessota 2,400 akka samuudaatti fudhachuun dhahannaan onnee isaanii sochii qamaaa booda yeroo hagamii keessatti gara haala idileetti itti deebi'u xiinxalaniiru. Ga'eessota kunneeniis waggoota jahaaf itti fusiinsaan sakatta'aniiru.
Namoonni dhahannaan onneesaanii gara haala duraan turetti deebi'uuf yeroo dheeraa itti fudhate kunneen biroo caalaa dachaa afur du'aaf saaxilamoo ta'uusaanii saayintistoonni kun mirkaneessaniiru.
HRR akkamiin shallaguun danda'ama?
*Qormaata sochii qaamaa kana gochuu keessaniin dura hakiima keessan mariisisuun barbaachisaadha. Kana malees kan mataan isiniin maru yoo ta'e, naannoo onnee keessanii yoo isin dhukkube yookiin yoo hafuuri isin ciccites sochii qaamaa kana hatattamaan dhaabuu qabdu.
Dabalataan namoonni rakkoolee fayyaa onnee walin walqabatan qabanis hordoffii ogeeyyii fayyaan alatti qormaata kana gochuun hingorfamu.
Qormaata kana gochuuf tarkaanfiin inni jalqabaa wanta odeeffannoo keessan irratti barreeffatanfi lakkooftuu yeroo (bilbiloonni baay'een qabu) qopheeffachuudha.
Itti aansuunis wayita sochii qaamaa cimaa taasiftanitti saffisa onneen keessan itti dhooftu shallagaa. Sa'aatiiwwan harkaa ismaartii ta'an yoo qabaattan dhahannaa onnee kana ofumaan waan lakka'aniif isarraa ilaaluu dandeessu. Yoo ta'uu baate garuu dhahannaan onnee saffisaa keessan 220 irraa umrii keessan hir'isuun argachuu dandeessu.
Itti aansuun immoo sochii qamaa cimaa taasisaa. Sochiin qaamaa kun akka fedha keessaniitti fiigicha, bishaan daakuu yookiin biskileettii oofuu ta'uu danda'a. Sochii qaamaa kanaan saffisni dhahannaa onnee keessanii dhibbentaa 70 hanga 85 safissa dhahannaa onnee keessanii isa olanaarra gahuu qaba.
Itti aansuunis akkuma sochii qaamaa gochuu dhaabdaniin dhahannaa onnee keessanii daqiiqaa tokkoof lakkaa'aa. Sana boodammoo daqiiqaa tokkoof erga boqoottanii booda teessanii yookiin ciistanii dhahannaa onnee keessanii daqiiqaa tokkoof lakkaa'aa.
Dhumarrattis lakkoofsa erga boqoottanii booda lakkooftan lakkoofsa akkuma sochii qaamaa dhaabdaniin lakkooftanirraa hir'isaa. Bu'aan argattan HRR keessani jechuudha.
HRR hagamii qabaachuutu gorfama?
Sochii qaamaa erga gootanii booda saffisni dhahannaa onnee keessanii dafee bakka duraan turetti deebi'a taanaan gaariidha. Hanguma dafee bakkatti deebi'u haalli fayyummaa keessan gaarii ta'uusaaf agarsiistuudha.
HRR'n bareedaa jedhamus dhahannaan onnee keenyaa sochii qaamaa goonee daqiiqaa tokko keessatti yoo xiqqaate dhahannaawwan 18'n kan xiqqaatu yoo ta'edha.
Lakkoofsi kun namaa namatti akkasumas umriirratti hundaa'uun gargar ta'uu danda'a.
Haa ta'u malee HRR dhahannaawwan 12 gadi ta'e adeemsa keessa rakkoolee fayyaaf isin saaxiluu danda'a.
Akeekkachiisa duraa
Hariiroon HRR fi saaxilamummaa du'aa gidduu jiru narvii vaagas jedhamuun kan walqabatudha. Narviin kun narvii ijoo sammuufi kutaalee qaama keenya kunneen biroo walitti hidhudha.
Narviin vaagas, sammuufi kutaalee qaamaa biroo kunneen akka onnee, tiruu, mar'immaanfi kan biroo gidduutti ergaa kan daddabarsudha.
Qaamni keessan haala dhiphisaa yookiin haala tasgabbaa'aa keessa jiraachuusaa kan to'atu narvii kanadha.
Yunaayitid Kingidam, Yunivarsiitii of Hertfordishaayeritti pirofeesara saayinsiiwwan sochii qaamaafi fayyaa kan ta'an Lindsey Bottoms, "sirnoota onneerratti hojjetan lamatu jiru, isaanis kan saffisa dabalufi saffisa ittisu (fireenii) dha" jedhu.
Yemmuu sochii qaamaa hojjettanitti sirni saffisa dabalufi 'simpaatetik narvas sistam' jedhamu qaama keessan kakaasuun qaamni keessan haala 'loluu yookiin miliquu' (fight or flight) keessa akka seenu godha.
Yeroo kanatti onneen keessan saffisaan dhoofti, ujummoowwan dhiigaa ni babal'atu, oksijiiniinis haalaan gara maashaaleetti gadhiifama.
Sochii qaamaa erga dhaabdanii boodammoo qaamni keessan of qulqulleessuun sirni saffisa ittisu (fireeniin) hojiitti seenuun qaamni keessan haala boqochuufi nyaata bulleessuutti akka seenu ta'a.
Hanguma qaamni keessan fayyaalessa ta'u sirna saffisa dabalufi saffisa ittisu dafee gaggeessa. Kunis fayyummaafi dandeettii hojii sammuu akkasumas dandeettii dhibee ofirraa ittisuu qaamaa fooyyee ta'een walqabata. Kana malees saaxilamummaa du'aa gadi aanaa akka qabaannus taasisa.
HRR fooyyessuu
Waa'ee HRR keessanii yaaddoftaniirtu taanaan doktara keessan bira deemuun qorannoo onnee gochuun akka gorfamu Goldarbarg himu.
Gama biraatiin sochii qaamaa taasisuun HRR ofii fooyyessuun akka danda'amu qorannooleen agarsiisu. Kunis saaxilamummaa du'aa gara idileetti deebisuu danda'a.
Haaluma kanaan sochii qaamaa bifa idilee ta'een taasisuun fayyummaa onneefi sirna marsaa dhiigaaf gumaacha olaanaa akka qabu Bottoms fi Goldarbarg himu.
"Saffisa dhahannaan onnee bakkati itti deebi'u fooyyessuuf sochii qaamaa salphaa kan akka deemsa lafoo saffisa guddaa hinqabne, biskileettii oofuu, suksukuu, fiiguu yookiin bishaan daakuu yaaluu dandeessa" jechuun Goldarbarg himaniiru.
*Qabiyyeen oduu kana keessa jiru hunduu odeeffannoo waliigalaaf qofa kan oolu malee gorsa ogeeyyii fayyaa bakka bu'uu kan danda'u miti.