USfi Iraan wal-haleelutti deebi'uu hordofee gatiin boba'aa dolaara 100 gale
Waraanni Baha Jiddugaleessaa hammaachuu fi dhiyeessii boba'aa irratti yaaddoo uumuu hordofee gatiin boba'aa barmeela tokkoo dolaara 100 gale.
Haleellaa walitti aansuun US Iraanirratti raawwatte hordofee gatiin boba'aan Bireent - ka'umsa gatii boba'aa addunyaa ta'e kamisa har'aa 6% 'n ol ka'e.
Gatiin boba'aa akka malee kan ol ka'e Huutiin Yaman taankaroota boba'aa Galaana Diimaa haleeluu isaaniin ulaan al ergii boba'aa Sa'udi Arabiyaa balaaf saaxilamuusaatiini.
Ji'a darbe gatiin gaazii walitti aansuun dabalaa ture.
US fi Iraan waliigaltee dhukaasa dhaabuu yeroo mallatteessuu hordofee gatiin boba'aa gadi bu'aa dhufee ture.
Gatiin boba'aa sadarkaa waraanan duraa (Guraandhala 28 duraatti) deebi'ee ture.
Garuu sababa waliigalteen dhukaasa dhaabuu fashaleera. Torban kana Ministirri Dhimma Alaa US Maarkoo Ruubiyoo "Bakka bu'oonni Iraan mariidhaaf qophii moti" jedhani.
Waraanni deemaa jiru biyyoota baay'ee akka UK fi US dabalatee kaan keessatti qaalayiinsa jireenyaa hordofsiise. Kun qaalayiinsa gabaa uume.