Haleellaa Israa'el irratti gaggeessinu dhaabneerra, garuu Israa'el Libaanus haleellaan itti fufna- Iraan

Iraan erga Israa'el handaara magaalaa Beeruut keessatti haleellaa raawwattee booda haaloo ba'uuf Israa'el haleelte. Israa'el ammoo haleellaa Iraan haaloo ba'uuf kutaalee lixaa fi giddugala Iraan haleelte. Pirezidant Tiraamp Israa'el haleellaa Iraan erga Ebala darbeetii yeroo jalqabaaf raawwatte kanaaf akka deebii hin kennine akeekkachiisee ture.

Guduunfaa

  • Israa'elii fi Iraan erga Ebla darbeetii yeroo jalqabaaf haleellaa walirratti raawwatan
  • Iraan haleellaa Israa'el kibba Beeruut keessatti raawwatte haaloo ba'uuf Israa'elirratti haleellaa raawwachuu ibsite
  • Iraan akka haleellaa haaloo ba'uu hin raawwanne akeekkachiisaa kan turte Israa'el, erga Iraan haleellaa raawwattee booda lixaa fi giddugala Iraan haleeluu himte
  • Pirezidant Doonaald Tiraamp erga Iraan haleellaa raawwattee booda Israa'el akka haaloo hin baane MM Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu akeekkachiisee ture
  • Eegdonni Warraaqsa Islaamaa Iraan (IRGC) misaa'eloota hedduu kaaba Israa'elitti dhukaasuu ibse, haleellaan kun torbaniif tura jedhe
  • Misaa'eloonni Iraan gara Israa'el dhukaaste hedduun qilleensarratti qolataman
  • Israa'el kibba Beeruut keessatti Hizboollaa irratti xiyyeeffachuun haleellaa itti fufteetti, kun dhukaasa dhaabuu Ameerikaan labsite faallessa
  • Odeessaalee keenya karaa Marsariitii, WhatsApp, YouTube, Facebook fi TikTok keenya argachuu dandeessu

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. MM Israa'el Neetanyahuun ammaaf haleellaa Iraan irratti gaggeessan dhaabuu ibsan

    MM Israa'el Beenjaamin Neetanyahuu ibsa miiidyaaleef kennaniin akkas jedhan:

    Iraanii fi Hezboollaan isa yeroo kamiiyyuu caalaa dadhabaniiru. Ammaaf Israa'el haleellaa Iraan irratt gaggeessitu dhaabdeetti garuu waraanni dhaabbate jechuu miti jedhe.

    ''Ammaaf haleellichi dhaabbateera. Israa'el haleellaa Iraan taasifteef deebii kenniteetti.

    ''Yoo Iraan ammas dogogortee nu haleelte humna jabaan deebisnee haleella'' jedhe. Israa'el mirga ofirraa ittisuu guutuu qabdi kan ejdhan Neetanyahuun Tiraamp waliin dhimma kana irratti mari'achuus himeera.

    Tiraamp akka Israa'el deebistee Iraaniin hin haleelle dhaameera.

  2. Iraan balalii xiyyaaraa hunda haqxe

    Iraan balalii xiyyaaraa hunda haqxe

    Madda suuraa, Planet Labs PBC

    Ibsa waa'ee suuraa, Iraan balalii xiyyaaraa hunda haqxe

    Buufanni xiyyaaraa Iraanii fi Kaampaaniin balalii qilleensarraa Iraan balaliin biyya keessaa hundi haqamuu ibsan.

    Hanga ibsi dabalataa kennamutti cufamanii akka turan ibse.

    Dubbii himaan Dhaabbata Aviyeeshinii Siivilii Iraan, daandiin qilleensaa gara Lixaa biyyattii cuccufamanii akka turan ibsee ture.

    Eebla 08 irraa jalqabee waliigaltee dhukaasa dhaabuu Ameerikaa waliin taasifteen booda Iraan xumura ji'a Eeblaa keessa tajaajila balalii muraasa jalqabdee ture.

    Yeroo waraana Ameerikaa- Israa'elii fi Iraan buufataaleen xiyyaaraa Iraan cufamanii ture.

    Buufata xiyyaaraa Teehraan Mehraabad daba;atee cufamanii ture.

  3. Kirkira lafaa olaanaa kibba Filiippins mudateen namoonni 32 du'an

    -

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Kirkira lafaa olaanaa kibba Filiippins mudateen namoonni 32 du'an

    Kirkira lafaa olaanaa kibba Filippiins mudateen yoo xiqqaate namoonni 32 du'an.

    Kirkirri lafaa kun reektar iskeelii -7.8 galmeessise. Kan mudate handaara galaana odola Mindaanaawoo kibba Filippiinsi keessatti ta'uu aangawoonni Filippiins himan.

    Kirkirri lafaa kun akka lakkoofsa biyyattiitti Dilbata ganama sa'aatii 01:37 mudate, biyyoota Filippiins, Jaappaan, Indooneeshiyaa fi Awustiraaliyaatti sunaamii kakaaasuu mala jedhamee akeekkachiifame. Kuun boodarra sa'aatiiwwan muraasattti haqaniiru akeekkachiisa kana.

    Iddoowwan garaagaraatti gamoowwan yoo jijjigan, manneen nyaataa yoo barbadaawan, lafti yoo sigigaatu viidiyoowwan bahan agarsiisaniiru.

    Kutaalee bulchiinsaa biyyattii garaagaraatti Namoonni 100 ta'an miidhamuu, hedduun achi buuteen dhabamuu fi 10,000 kan ta'an qe'ee gadhiisanii baafamuu aangawoonni himan.

    Mindanaawoon odola Filippiins keessaa bal'inaa fi baay'ina ummataatiin sadarkaa lammaffaa irratti kan argamtu yoo taatu, ummata miliyoona 26 ta'tu keessa jiraata.

    Baay'inni namoota miidhamanii ammallee ejensii ittisa balaa biyyoolessaatiin mirkanaa'uu qaba.

    Ejensiin kun gabaasaalee maddeen naannoo adda addaarraa walitti qabaman qulqulleessee guyyoota dhufan keessatti oduu waytaawaa ni kenna jedhamee eegama.

    Aangawooni naannawa handaara galaanaa Sarangaanii keessatti, kan wiirtuu kirkira lafa kanaa irraa gara 20km fagaatutti, namoonni 17 du'uu gabaasaniiru.

    Isaan keessaa baay'een isaanii sigiga lafaatiin kan du'anidha.

    Kirkirri lafaa kanaan yeroof tajaajilli humna ibsaa fi qunnamtii Sarangaanii keessatti addaan citee ture, booda deebi'ee tajaajila kennuu eegalee jira.

    Magaalaa Saantos,kan dhiyeenya balaa kanaa jirtutti namoonni 10 du'uu aangawoonni himan. 22 immoo dhabaman.

  4. 'Iraan yaaddoo kamiinuu duubatti hin deebitu' - Pirezdant Pezekshiyaan

    -

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, 'Iraan yaaddoo kamiinuu duubatti hin deebitu'

    Pirezdantiin Iraan Masuud Pezekshiyaan Iraan yaaddoo kamiinuu boodatti hin deebitu jedhan. Biyyisaanii "dirreerrattis ta'ee dippiloomasiidhaanis hin ofirra hin deebitu" jedhan.

    Masuud Pezekshiyaan yaada fuula miidiyaa hawaasaa X ofii irratti qoodaniin dhimmi ijoon biyyisaanii dursa laattuf "nageenya biyyaalessaa fi nagaa uummataa ti" jedhan, balaa kamiifuu immoo hin jilbiiffattu jedhan.

    Ergaan isaanii kun kan dhagahame wayita ajajni olaanaa waajjira muummee waraanaa Iraan oppireeshinii waraanaa dhaabuu isaa himetti.

    Yoo haleellaan itti fufe "tarkaanfii hamaadhaan akka haaloo bahu" himeera ajajni waraanaa Iraan kun.

  5. Wayita Israa’el kibba Libaanos fi handaara magaalaa Beeruut haleeltu, Iraan Israa’el irratti haleellaa misaa’elaa raawwatte.

    Israa’elis haleellaa kana haaloo ba’uuf lixaa fi giddugala Iraan haleelteetti.

    Pirezidant Doonaald Tiraamp biyyoonni lameen haleellaa eegalan hatattamaan akka dhaaban akeekkachiiseera.

    Maxxansa YouTube irra dabri
    Qabiyyee Google YouTube hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu. YouTube beeksisa qabaachuu danda'a.

    Xumura maxxansa YouTube

  6. Iraan haleellaa miilana jalqabde dhaabuu himte

    -

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Iraan haleellaa dhaabuu himte

    Ajaji olaanaan waajjira muummee waraana Iraan Khatam al-Anbiya haleellaan amma Israa'el irratti raawwatamaa jiru xumuramuu isaa beeksise.

    Garuu, haleellaan Israa'el "kibba Libaanos dabalatee" yoo itti fufe, Iraan deebii "kan duraanii caalaa hammaataa" akka kennitu akeekkachiisaniiru.

    Mee jijjiiramoota dhimmoota ijoo guyyoota darbanii duubatti deebinee haa ilaallu:

    Israa'elii fi Iraan erga Iraan haleellaa qilleensaa Israa'el Dilbata darbe Beeyruut Libaanos irratti raawwatteef deebii waraanaa kennuuf himtee booda, edaa fi har'a gara ganamaa wal haleellaa turan.

    Hezboolaan ganama har'aa akka jedhetti, naannoo kibba Libaanos keessatti loltoota Israa'el irratti rookkeettii dhukaaseera; naannoo kanatti waraanni Israa'el rookkeettii Hezboolaan gara kaaba Israa'elitti dhukaasu dhaabsisuu duula lafoo gaggeessaa jira.

    Humni Eegumsa Warraaqsa Islaamummaa Iraan (IRGC) kaaba Israa'el keessatti warshaa peetrookeemikaalaa (boba'aa) irratti haleellaa miisaayelaa raawwachuu isaa miidiyaan mootummaa gabaaseera; kunis kan ta'e erga waraanni Israa'el buufata peetrookeemikaalaa Iraan irratti "qiyyaafannaa hedduurratti" haleellaa akka raawwate beeksisee booda dha.

    IDF'n sirnaittisa tarsiimawaa Iraan irratti haleellaa bal'aa xumuruu isaa kan dubbate yoo ta'u, IRGCn immoo buufataalee humna qilleensaa Israa'el lama irratti xiyyeeffachuu isaa miidiyaan Iraan gabaaseera.

    Dubbii himaan ministeera dhimma alaa Iraan Esmaa'el Baaghee akka jedhanitti, Ameerikaan dhiibbaa fi haleellaa Israa'el irraa dhufuuf itti gaafatamummaa kan fudhattu yoo ta'u, balaan kana hordofee dhufus Ameerikaa hin hanqatu jedhan.

    Iraani fi Ameerikaa gidduu ergaa wal-jijjiiruun akka hin dhaabbatin "kan dubbate yoo ta'u, garuu ergaan kun kaleessaa qabee jalqabamuu fi dhiisuu isaa ifa hin goone.

    Har'aa Doonaald Traamp, Israa'elii fi Iraan saffisaan "dhukaasa dhaabuu" akka qabanii fi sunis ariitiin ta'uu akka qabu dubbate.

    Kanaan dura, Iraanii fi Israa'il hatattamaan dhukaasa dhaabuu akka qaban dubbachuun isaanii ni yaadatama.

  7. Israa'el buufata oomisha misaayelaa Iraan haleeluu beeksifte

    -

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Aarri buufata oomisha warshaa boba'aa Maahshaahir Israa'el haleelte keessaa yoo bahu

    Humni Ittisaa Israa'el (IDF) kutaa Mahshaahir jedhamutti buufata misaayelaa Iraan haleeluu fi bu'uuraalee oomisha misaayelaa barbadeessuun kaayyoo haleellaa kanaa ta'uu hime.

    Buufatni kun kan humnoonni Iraan oomishaa fi meeshaalee dheedhii waraanaa alatti ergaman itti oomishatan ta'uu kan hime humni ittisaa Israa'el, oomishaaleen kunneen immoo "oomishaalee murteessoo misaayeloota baalistikii misoomsuuf oolu" ta'uu himeera.

    Buufatni Maahshaahir, kan kibba- lixa Iraan, kun haleelamuu IDF fi miidiyaan mootummaa Iraan kan mirkaneessan yoo ta'u balaa dhaqqabe ilaalchiseen lachuu homaa hin jenne.

    BBC'n viidiyoowwan lama aarri buufata oomisha boba'aa kibba lixa Iraan irraa bahuu mirkaneeffate.

    Bulchaan Kuzestaan miidiyaa Iraanitti akka himetti buufatni kun haleellaa damdamateera. Miidhaan qaqqabes hin jiru jedhame.

  8. Israa'el fi Iraan dhukaasa eegalan hatattamaan dhaabuu qabu - Tiraamp

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp tasgabbii fi nagaan Baha Giddugaleessaarraa fagaachuu ilaalchisee yaaddoo qabaachuu ibseera.

    Tarkaanfiin Israa'el marii nagaa Iraan waliin taasisaa jiru gufachiisuu akka danda'u yaaddoo kan qabu Tiraamp, ''Israa'el fi Iraan dhukaasa walirratti eegalan hatattamaan dhaabuu qabu,'' jechuun miidiyaa hawaasummaa isaa Turuth Social irratti maxxanse.

    Israa'el haleellaa Iraan irratti raawwachuun haaloo ba'uu dura Tiraamp michuunsaa MM Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu akka haaloo hin baane akeekkachiisee ture.

    Neetaaniyaahuun garuu osoo Tiraamp akeekkachiisuu Iraan irratti haleellaa raawwate.

    Tiraamp fi Neetaaniyaahuu torbanii as walitti mufannaa hamaa keessa jiraachuu miidiyaaleen US fi idiladdunyaa gabaasaa jiru.

  9. Weerara Israa'el raawwattuuf Ameerikaan ''gaafatama qabdi''- Iraan

    Dubbi himaan Ministeera dhimma alaa Iraan Ismaa'el Bagaayee ibsa miidiyaaleef kenne keessatti weerara Israa'el gaggeessitu kamiifuu Ameerikaan ''gaafatama qabdi,'' jedhe.

    Miidiyaan Iraan ibsa qondaala biyyattii kana wabeeffachuun akka gabaasetti qondaalli kun ''tarkaanfiin Israa'el fi ejjennoon US akkaan walxaxaa ta'e adeemsa marii kan gufachiisuudha,'' jedheera.

    Qondaalli kun daafoon waraana bifa haaraan deebi'ee ka'ee kun Ameerikaas akka hin hanqanne dubbachuu miidiyaan biyyatti kun gabaaseera.

    Israa'el haleellaa raawwachuu dura Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp MM Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuun akka Iraan irratti haleellaa raawwachuun haaloo hin baane akeekkachiiseera.

  10. Iraan wiirtuu oomisha boba'aa Israa'el haleeluu himte

    Eegdonni Warraaqsa Islaamaa Iraan (IRGC) wiiruu oomisha boba'aa kaaba Israa'el, Hayifaa keessatti argamu haleeluu miidiyaan Iraan Tasnim jedhamu gabaase.

    Tasnim IRGC wabeeffachuun akka gabaasetti tarkaanfiin kun haleellaa Israa'el wiirtuu oomisha boba'aa Iraan irratti raawwatte haaloo ba'uuf kan fudhatamedha.

    Duratti Israa'el kibba-lixa Iraan keessatti wiirtuu oomisha boba'aa Iraan iddoo Mahshahr jedhamu keessatti argamu haleeluu ibsitee turte.

    IRGC Israa'el ''waan balaafamaa eegalte,'' jechuun akka of qusattu akeekkachiise.

    Ta'uu baannaan haleellaan itti fufa jedhe. Haleellaan itti fufu iddoowwan wiirtuu humna waraanaa hin taanee fi jaarmiyaalee anniisaa irratti akka xiyyeeffachuu akeekkachiise.

    Qiyyaafannoonsaa wiirtuuwwan biyyoota Galoo Galaanaa keessa jiran akka ta'us ibse.

  11. Huutiin sochii Israa'el Galaana Diimaarratti taasistu ''ugguruu'' ibse

    Yahyaa Sariyaa

    Madda suuraa, Reuters

    Huutiin Yaman kan deeggarsa Iraan qabaachuun himamu sochii Israa'el Galaana Diimaarratti taasistu kamiyyuu ugguruu ibse.

    Gareen kun dooniiwwan Israa'el Galaana Diimaarra osoo yabalanii yoo arge akka haleelu akeekkachiise.

    Kanaan dura Huutiin dooniiwwan Israa'el galaana kanarra socho'an irratti haleellaa raawwataa tureera.

    Dubbi himaan Huutii Yahiyaa Sariyaa garechi Israa'el irratti haleellaa misaa'elaa raawwachuu mirkaneesseera.

  12. Iraan buufataalee humna qilleensaa Israa'el lama haleelte, Israa'el wiirtuu oomisha boba'aa Iraan haleeluu himte

    Iraan Israa'el irratti haleellaa raawwachuu ibsite

    Madda suuraa, Reuters

    Eegdonni Warraaqsaa Iraan (IRGC) buufataalee humna qilleensaa Israa'el lama- Nevatim fi Tel Nof keessatti argamanirratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwachuu hime.

    Miidiyaan Iraan Islamic Republic News Agency jedhamu akka gabaasetti IRGC haleellaa Israa'el buufataalee Iraan adda addaa sadirratti raawwatte haaloo ba'uuf oppireeshinii kana raawwachuu ibseera.

    TVn Iraan duratti haleellaa Israa'el raawwatteen walqabatee sagaleen dhohiinsaa guddaan magaalota Iraan sadi Tehraan, Tabriz fi Isfahaan keessatti dhagahamuu gabaasee ture.

    Kunis erga Israa'el humni qilleensaa ishee qiyyaafannoowwan Iraan irratti xiyyeeffachuun haleellaa gaggeessuu ibsee booda dhagahame.

    Humni waraanaa Israa'el wiirtuun oomisha boba'aa Iraan kiba-baha biyyattii, Mahshahr keessatti argamu xiyyeeffannaasaa akka ture ibseera.

    Miidyaan mootummaa Iraan haleellaan kun raawwatamuu fi miidhaan qaqqabuu gabaaseera.

    Miidhaan kan qaqqabe gamoorratti yoo ta'u lubbuun namaa darbuu fi dhiisuun wayita adda ba'u ibsama jedha gabaasi miidiyaa Iraan.

  13. Yaaddoon Tiraamp Israa'el marii US fi Iraan gufachiisuu dandeessi kan jedhuudha

    Israa'el osoo Tiraamp akka Beenjaamiin Neetaaniyaahuu tarkaanfii hin fudhanne itti himuu haleellaa raawwatte.

    Tiraamp duraanuu Israa'el Beeruut haleeluu isheetti mufii akka qabu ibsaa ture.

    Neetaaniyaahuun akeekkachiisa isaa tuffachuun akka tarkaanfii kana fudhatetti hubata Tiraamp.

    Yaadoon Tiraamp tarkaanfiin Israa'el kun marii nagaa US fi Iraan gidduutti gaggeeffamaa jiru gufachiisuu danda'a kan jedhuudha.

    Miidiyaan US Axios jedhamu aanga'aa US wabeeffachuun akka gabaasetti Tiraamp ''waan gaariitti deemaa jirra, waliigaltee bu'a qabeessatti dhihaachaa jirra'' waan ta'eef ''harka kee sassaabbadhu'' akeekkachiisa jedhu Neetaaniyaahuuf dabarsee ture.

    Torbee darbe keessa Tiraamp fi Neetaaniyaahuun bilbilaan wayita walitti dubbatan baayyee walitti mufatanii turan.

    Tiraamp jechoota arrabsoo fi dubbii jajjabaa of keessaa qaban Neetaaniyaahuutti dubbachuu ilaalchisee odeeffannoo tamsa'aa ture hin haalle.

    Kan daran isa mufachiise ammoo Israa'el haleellaa Libaanos keessatti cimsuu isheeti.

    Sana dura Tiraamp Financial Times waliin turtii taasiseen Neetaaniyaahuun waliigaltee US Iraan faana taasistu kamuu fudhachuu qaba ''sababni isaa furmaata biraa hin qabu,'' jedhee ture.

    ''Carraa jiru hunda dhiheesseeraaf, inni carraa jiru hin eerre,'' jechuun waa'ee Neetaaniyaahuu dubbate Tiraamp.

    Tiraamp mariin Iraan waliin gaggeessaa jiru waliigalteen xumuramuutti dhihaachuu dubbata. Kun dhimma inni irra deddeebi'ee dubbatudha. Garuu bu'aa qabatamaan argame hin jiru.

  14. Waliigaltee dhukaasa dhaabuu Iraaniifi Ameerikaan booda maaltu tahe?

    Donaaldi Tiraamp

    Madda suuraa, Kevin Dietsch via Getty Images

    Ameerikaafi Iraan waliigaltee dhukaasa dhaabuu kan hojiirra oolchan gaafa Ebla 8 ture. Israa’el waliigalticha deeggartus Libaanos hin dabalatu jette.

    Mootummaan Warraaqsaa Iraan yoo Libaanos haleelamte otoo ‘’gaabbuu’’ deebii akka kennu hime.

    Ergasii waliigalteen dhukaasa dhaabuu laaffataa tahe kuni qoramaa bahe. Ameerikaa fi Iraan waraana kana dhaabuurratti ergaa wal make dabarsaa bahan.

    Ergasii dhimmoota mudachaa turan kunooti

    Ebla 8: Guyyaama waliigalteen dhukaasa dhaabuu jalqabe Israa’el Libaanos keessatti iddoowwan qiyyaafannoo 100 daqiiqaa 10 keessatti haleeluu himte. Kanaanis namoonni 300 lubbuu dhaban. Qondaaloti biyyattii guyyaa balaafamaa waggoota kurna keessatti mul’ate jedhan. Ministarri Iraan ‘’sarbama waliigaltee dhukaasa dhaabuu guddaa,’’ jedhe.

    Ebla 13: Marii Paakistaanitti taasifameen Iraaniifi Ameerikaan walligaluu didnaan US buufataalee doonii Iraan ugguruu jalqabde.

    Ebla 16: Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Libaanoosiifi Israa’el Tiraamp labsan guyyaa kudhaniif akka ture barame.

    Ebla 17: Ulaan Hormuuz-daandii ijoo boba’aan itti geejibamu, yeroo waraanaa Iraaniin uggurame ture dooniiwwan daldalaaf banaa tahe.

    Kuni hamma Ebla 18 qofa kan ture yoo tahu Teeharaan sababa humni galaanaa US uggura kaa’aa jiruuf ulaa kana akka hin banne himte.

    Ebla 23:Mariin marsaa lammataa Israa’eliifi Libaanos Waashingitanitti qabame. Tiraamp waliigalteen dhukaasa dhaabuu Israa’eliifi Libaanos baatii sadiin dheerate jedhe.

    Ebla 24: Ergamaan addaa Ameerikaa Istiiv Wiitkoof fi Jaareed Kuushnar mariidhaaf gara Iraan deemuuf turan garuu Tiraamp imala kana haqe. Ameerikaan ‘’kaardii hunda of harkaa qabdi’’ jedhe.

    Ministarri Hajaa Alaa Iraan Abbaas Araachii ‘’Ameerikaan dippiloomaasii akka waan maayibaasutti ilaalaa hin jirtu,’’ jedhan.

    Caamsaa 3: Tiraamp waan Project Freedom jedhamu labsan. Kunis dooniiwwan Ulaa Hormuuz cufameen danqaman kan qajeelchu dha. Gaafa Caamsaa 5 deebisee pirojektichi yeroo dhaabbateera jechuun kunis US fi Iraan akka waliigalan argauufi jedhe.

    Caamsaa 12: Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Ameerikaafi Iraan sadarkaa ‘’lubbuu baraaruu’’ irra jira jedhe. Af-yaa’iin paarlaamaa Iraan Mohaammad Gaaliibaaf hidhattoonni Iraan ‘’weerartootaaf deebii kennuufi gatii isaanii isaan barsiisuuf qophii dha,’’ jedhan.

    Caamsaa 24: Iraan waliin dhimmi waliigaltee ‘’bal’inaan marii’atameera,’’ odeeffannoon dabalataa dhihootti baha jedhe Tiraamp. Dubbihimaan ministeera hajaa alaa Iraan dhimmoota muraasa irratti walgahuun, dhimmoota ijoo irrattti waliigalteen jira jechuu miti jechuun akeekkachiisan.

    Waxabajjii 6: Ameerikaafi Iraan Galoo-galaana irratti wal haleelana. Humnooti Ameerikaa dirooniiwwan fi naannolee raadaarii Iraan yoo haleelan, Iraan buufataalee Ameerikaatti misaayela dhukaafte.

    Waxabajjii 7: Iraan Israa’el irratti misaayela danuu dhukaafate mootummaan warraaqsaa ‘’jalqabbii haleellaa torbee guutuuti,’’ jedhe. Haleellaan Iraan erga Israa’el qiyyaafannoo Hezboollaa kibba Beeruut keessatti haleeluu ibsuun booda dhagahame.

  15. Israa'el misaa'elli Yaman irraa itti dhukaafamuu himte

    Humni waraanaa Israa'el misaa'elli Yaman irraa gara daangaa Israa'elitti dhukaafamuu akka adda baase ibse.

    Sirni ittisa qilleensaa biyyattii ''haleellaa kana karaatti qolachuuf bobbaafamuus'' hime waraanni Israa'el.

    The Times of Israel akka gabaasetti naannoo Jerusaalam, Tel Aviv fi dhiheenya giddugala Israa'elitti sagaleen akeekkachiisaa kennamaa ture.

    Waraanni Israa'el ''taatee kana erga qoratee adda baasee booda'' lammiileen biyyattii ''iddoo itti dhaatan keessaa bahuun walabummaan socho'uu akka danda'an,'' ibsee ture.

  16. Israa'el fi Iraan erga Ebla darbe dhukaasi dhaabbatee yeroo jalqabaaf misaa'elaan wal haleelan

    Haleellaa misaa'elaa Iraan gara kaaba Israa'elitti raawwatte booda qaamoleen nageenyaa fi lubbu baraartonni bakkichatti argaman

    Madda suuraa, Reuters

    Erga Ebla darbe waliigalteen dhukaasa dhaabuu US fi Iraan gidduutti jaarsummaa Paakistaaniin irra ga'amee Iraan yeroo jalqabaaf misaa'ela Israa'elitti dhukaaste.

    Waliigaltee dhukaasa dhaabuu sana kan fudhatte Israa'elis haleellaa haaloo ba'uu Iraan irratti raawwatteetti.

    Waraanni Israa'el haleellaa Iraan hordofee kutaalee lixaa fi giddugala Iraan irratti haleellaa raawwachuu ibseera.

    Eegdonni Warraaqsa Islaamaa Iraan haleellaan amma Israa'elirratti raawwate kun ''jalqabbii haleellaa torban guutuu itti fufuuti,'' jedhe.

    Israa'el haleellaan misaa'elaa Iraan kaaba biyyattiitti raawwatte fashaluu ibsuun, garuu hanga ammaatti miidhaa qaqqabe hin ibsine.

    Pirezidant Doonaald Tiraamp erga Iraan haleellaa raawwattee booda Israa'el akka haaloo hin baane MM Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu akeekkachiisee ture.

    ''Ammas biyyoonni lameen haleellaa kana dhaabuu qabu. Haleellaan itti fufuu hin qabu. Lameenuu waan fedhan raawwataniiru. Asumarratti haa dhaabbatu,'' jedhe Tiraamp.

    Israa'el kibba Beeruut keessatti Hizboollaa irratti xiyyeeffachuun haleellaa itti fufteetti, kun dhukaasa dhaabuu Ameerikaan labsite faallessa

  17. Yooyyaa!

    Tamsaasa kallattii eegalleerra. Baga nagaan dhuftan.

    Israa'el fi Iraan erga Eblaatii yeroo jalqabaaf haleellaa walirratti raawwataniiru. Ameerikaan haleellaa Israa'el raawwattetti hin gammadne.

    Dhimma kanaa fi dhimmoota addunyaarratti raawwatan kaan hordofnee isin biraan geenya.

    Nu hordofaa!