Helikooptarri Ulaa Hormuuz irratti kufuun booda US fi Iraan wal haleelan
Ameerikaan haleellaa walitti fufaa Iraan irratti raawwattu xumuruu kan himte yoo tahu, Iraan dirooniifi misaayela dhukaasuun deebii kennaa turte.
Waraanni Ameerikaa, sirna ittisaa qilleensarraa, iddoowwan to’annoo lafarra jiran akkasumas raadaariiwwan Iraan irratti qiyyaafatee heelikooptara Ameerikaa Wiixata lafaan dhoofteef deebii kennuu hime.
Mootummaa Warraaqsaa Iraan ammoo buufataalee waraanaa Ameerikaa Baahireenfi Joordaan 21 irratti qiyyaafachuun halellaa raawwachuu kan hime yoo tahu Kuweetis haleellaa qolachaa turuu ibsiteetti.
Ameerikaan heelikooptara Apache kuuffifameef deebii kennaa jirtu ‘’deebii madaalawaa’ jettus Iraan haleellaa US ‘hamaa’ jetteetti.
Biyyooti lameen kan walitti dhukaasan hojjettoonni heelikooptara kuftee erga baraaramaniin booda dha. Dirooniin galaanarraa namoota kunneen baraaruuf faayidaarra ooluu waraanni Ameerikaa yeroo jalqabaaf ifatti hime.
Akka qondaalonni Ameerikaa jedhanitti Iraan diroonii fayyadamuun heelikooptarii kana haleelte. Tahus haleellaan kuni itti yaadamee tahuusaaf ifaa miti jechuun CBS qondaala mootummaa Ameerikaa eeruun gabaaseera.
Maddi Oduu Iraan Meehiir jedhamu Iraan haleellaa heelikooptarii kanaaf gaafatamummaa hin fudhanne jechuun gabaaseera.
Komaandiin gidduugalaa Ameerikaa Centcom deebii haleellaa heelikooptara kuffifameef jeetiiwwan US ‘’sirna ittisaa qilleensaa, buufataalee to’annoo lafoofi raadaarii odeeffannoo dhihoo Hormuuz jiru haleeluun deebii kennaniiru,’’ jedhan.
Mootummaan Warraaqsaa Iraan Ameerikaan utubaa telekoominikeeshiniifi tankii bishaan lama haleelte jedhe.