Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Iraan fi michoonnishee filannoo Israa'el jeequuf karoorfachaa jiru - Netaaniyaahuu

Ministirri Muummee Israa'el Benjaamiin Netaaniyaahuu Iraan fi nichiinnishee filannoo Israa'el Kibxata gaggeefamuuf jiru jeequudhaaf haleellaa gaggeessuu danda'u jedhe.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Keeniyaan guyyoota 42 keessatti Iboolaa balleessuu nan danda'a jette

    Barreessaan Kaabinee Fayyaa Keeniyaa Adeen Du'alee namni haaraan qabamu hin jiru taanaan Keeniyaan guyyoota 42 keessatti weerara Iboolaa balleessuu dandeessi jedhe.

    "Dhibee kana karaa milkaa'aa ta'een to'ataa jirra waan ta'eef Keeniyaan guyyoota 42 keessa biyya Iboolaa irraa bilisa taate jedhamtee akka labsamtu nan amana. Kun guyyaa dhumaa keeniyaatiin kaa'ame osoo hin taane qajeelfama idil-addunyaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO)tiin kaa'amedha."

    Keeniyaa keessatti dhorkaa imalaa, daldalaa fi turiizimii ilaalchisee Adeen Du'alee akkas jedhe: "Keeniyaa keessa dhorkaan imalaa, daldalaa fi turiizimii hin jiru. WHOn Ministeera Fayyaa fi Ministeera Dhimma Alaatti himeera. Ejjennoon WHO biyyi kamiyyu daangaa isaa akka hin cufannee fi dhorkaa kaa'uu hin qabnedha."

    Dhibeen Iboolaa jalqaba Keeniyaa keessatti kan mul'ate Onkoloolessa 3, 2026 erga dhukkubstaan tokko DRIppablika Dimokiraatawaa Koongoo (DRC) irraa seenee boodadha.

    Adeen Du'alee akka jedhetti, dhibeen kun akka hin tamsaane ittisuuf mootummaan namoota qabamaniiru jedhee shakku qorachuu fi kanneen nama dhibeen kun irratti argame waliin walitti dhufeenya qabu jedhee shakku faana dhahaa jira.

    Saatii 48 darban keessa namoonni 551 vaayiresii Iboolaa yoo qabaataniif jedhamee qoratamanii booda hundi isaanii bilisa ta'aniiru.

    Keeniyaatti namoonni lama dhibee kanaan lubbuun kan darbe yoo ta'u, isaan keessaa kan jalqabaa nama umuriin isaa waggaa 45 ta'e erga qabamee gara biyyattii seenedha. Lamaffaan ammoo dubartii umuriin ishee waggaa 65 taate Onkoloolessa 23 lubbuun darbedha.

    Ministeerri Fayyaa akka jedhetti, hanga ammaatti dhibeen kun irratti argamuun kan mirkanaa'e karaadhuma nama tokkoon kan daddarbe ta'ee kanneen isa waliin walitti dhufeenya godhaniiru jedhamanis baramaniiru. Hanga ammaatti dhibeen kun hawaasa keessa tatamsa'uu ragaan hin jiru.

    Mootummaan lammileen qulqullina harkaa eeggachuun, akkasumas qajeelfama ogeessonni fayya akennan hordofuun of eeggannoo barbaachisu akka taasisaniif gaafateera.

  2. Ameerikaan haalli nageenyaa Sa'udii akka hamamatu ibsuun, lammileen ishee akka bahan ajajje

    Mootummaan Ameerikaa, sababa rakkoo nageenyaatiin, lammilee fi hojjettootni mootummaa Ameerikaa hojiiwwan yeroo muddama hin taane irratti bobba’ani fi maatii isaanii Sa’udii Arabiyaa keessaa akka bahan ajaje.

    Imbaasiin Ameerikaa Sa'ud Arabiyaa Riyaad jiru ibsa Onkoloolessa 25, 2026 baaseen, tarkaanfii kana kan fudhate haleellaa buufata xiyyaaraa fi bu’uuraalee murteessoo biyyattii irratti raawwatamaa jiru hordofee ta'uu eere.

    Gareen loltoota Huutii Iraaniin deeggaraman Sa’udii Arabiyaa irratti haleellaa raawwachuu kan itti fufan yoo ta'u, haleellaan kunis buufata xiyyaaraa namoonni siviliin itti fayyadaman irratti miidhaa qaqqabsiisuu fi imala xiyyaaraa jeeqeera.

    Ameerikaan walitti bu’iinsi kun saffisaan babal’achuu akka danda’us akeekkachiifteetti.

    Kanaaf lammiileen Ameerikaa haleellaan dabalataa, ugguramuu daandii qilleensa biyyattii, haqamuu balalliiwwanii fi rakkoon imalaa mudachuu akka danda’an hubatanii akka of qopheessan ibsi kun akeekkachiiseera.

    Namoonni buufata xiyyaaraa Sa’ud Arabiyaa fayyadamuu filatan of eeggannoo guddaa akka taasisanis jedheera.

    Erga Huutiin Sa'udii diroonii fi misaa'elaan haleeluu eegalee as buufataalee xiyyaaraa biyyatti heddu keessatti yeroo balalii tursisuu fi haquun bal'inaan mul'ataniiru.

    Ameerikaan imaltoonni haala balallii isaanii kallattiin dhaabbilee xiyyaaraa fi buufata xiyyaaraa irraa mirkaneeffatanii akka imalan gorsiteetti.

  3. Iraan fi michoonnishee filannoo Israa'el jeequuf karoorfachaa jiru - Netaaniyaahuu

    Ministirri Muummee Israa'el Benjaamiin Netaaniyaahuu Iraan fi Michonnishee filannoo Israa'el Kibxata gaggeefamuuf jiru jeequudhaaf haleellaa gaggeessuu danda'u jedhe.

    Ergaa viidiyoon waajirri isaa Dilbata gadhiiseen, Netaaniyaahuun intelejensiin Israa'el diinonni biyyattii haleellaa raawwachuun filannoorratti dhiibbaa gochuuf yaaluu malu jechuun akeekeera jedhe.

    "Diinonni keenya, Iraan fi michoonnishee haleellaa filannoo jeequuf kaayyeffate raawwachuun nu qoruu akka malan intelejensii [odeeffannoo basaasaa] qabna," jechuun ibse.

    Tarkaanfiiwwan ofirraa ittisuus ta'e haleeluu fudhachuutiin deebii kennuuf waraanni Israa'el qophaa'uus itti dabaluun ibseera Netaaniyaahuun.

    Haleellaan akkasii mudannaan Israa'el humna warri haleele eegu caalaan deebii kennina jechuunis akeekkachiiseera.

    Dubbiin Netaaniyaahuu kun kan dhaga'ame yeroo muddamni Israa'el fi Iraan gidduutti dabalaa dhufeefi filannoo Israa'el Kibxata gaggeeffamuuf karoorri qabamettidha.

  4. ASHAMAA!

    Toora oduu amma ta'e kallattiin isin biraan geenyu jalqabneerra.

    Buufanni xiyyaaraa deebiyee yeroo banamaa jirutti Sa'ud Arabiyaa-Riyaad keessatti dho'insi dhaga'amuu hordofee waan ta'ee fi odeessaalee kaan karaa Marsariitii (Website), Instagram, YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok keenyaas ni argattu.

    DHIYAADHAA!