KALLATTIIN, Iraan haleellaa dhaabdus Israa'el Libaanos haleellaan jiraattonni magaalaa keessaa baqataa jiru

Israa'el fi Iraan dhukaasi erga dhaabbatee ji'a lama booda erga deebi'anii walirratti dhukaasanii booda Tiraamp ''qalbii keenyatti, ofitti deebi'uu qabna,'' jechuun MM ISraa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu akeekkachiise.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Artemis III gara adeessaatti imaluun torban lama achi turuufi

    NASA'n Artemis III gara Adeessaatti erguufi

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, NASA'n Artemis III gara Adeessaatti erguufi

    Hogganaan NASA astiroonomeroota faur gara hawaatti imalan eenyufaa akka tahan hime.

    Gara Hawaatti imala taasisanitti deebi'uuf deeggarsa Tiraampiifi qaamoleen kaan taasisaniif galateeffateera.

    ''Gara ji'aatti deebi'aa jirra,' jedhe Ayizaakmaan. Ji'a irratti buufata tokko ijaaruuf akka jedhan himan.

    Artimes II adeessi maal akka fakkaattu irra deebiin nutti agarsiiseera.

    amma gucicha Artemis IIItti dabarsina jedhe. Artimes III imala gara adeessaatti godhaniin torban lama achi turu jedhe. Achii yeroo deebi'an ammoo rokkeettiin isaanii Garba Paasfik keessatti kufti.

    Humni galaanarraa Ameerikaa ammoo achi keessaa astiroonmerota arfan baasu.

  2. Sirni awwaalchaa Hogganaa Olaanaa duraanii Iraan Waxabajjii kana raawwata -Gabaasa

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Sirna yaadannoo Alii Kaamenii (Tehraan Bit.2026)

    Miidiyaaleen Iraan waayee sirna awwaalchaa Hogganaa Olaanaa duraanii Iraan, Ayaatolaah Alii Kaamenii qindeessitoota wabeeffachuun bal’inaan gabaasaa jiru.

    Kaamenii guyyaa jalqabaa waraanaa, Gurraandhala 28, wayita Israa’eliifi Ameerikaan Iraan irratti haleellaa raawwatanitti ajjeefame.

    Iraan hanga ammaatti sirna gaggeessaafi awwaalcha isaa hin raawwanne. Ilmisaa Mojtaabaa Kaameneey jalqaba baatii Bitootessaa bakka isaa bu'e.

    Qindeessitoonni akka jedhanitti, sirni gaggeessaa kun ji'a jalqabaa kaalandarii Islaamaa keessaa guyyaa 10ffaan booda kan raawwatamu yoo ta'u, kunis Waxabajjii 25 ykn 26 ta'uu danda'a jedhamee eegama.

    Miidiyaaleen Iraan akka gabaasanitti, sirni gaggeessaa kun Tehraan, magaalaa qulqulleettii Qoom, achii boodas magaalaa qulqulleettii biroo kaaba-baha Iraan keessatti argamtuufi bakka dhaloota Kaameneey taate Maashhaad keessatti erga raawwatamee booda achumatti awwaalama.

    Sodaa nageenyaa waraana kanaan walqabatee dhalateen, karoorri awwaalcha Kaameneey irra deddeebi'amee beellamamaa tureera.

    Haleellaa Tehraan keessatti mooraa isaa irratti raawwatameen ajajoonni waraanaa ol'aanoon hedduunis akka ajjeefaman gabaafameera.

  3. Tottoobaa Margoo jedhama. Ogeessa Muziiqaa yoo ta'uu hiriyyaa dhiyoo weellistoota akka Daawwitee Mokonnin, Hirphaa Gaanfureefi Eebbisaa Addunyaa ture.

    Gumaacha muuziqaa Oromoo keessatti qabu, hariiroo addaa Eebbisaa Addunyaa waliin qabu ture. Mudannoofi haala amma itti jiru ilaalchisee BBC Afaan Oromoo waliin turtii taasiseera.

    Maxxansa YouTube irra dabri
    Qabiyyee Google YouTube hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu. YouTube beeksisa qabaachuu danda'a.

    Xumura maxxansa YouTube

  4. 'Mariin Israa'elii fi Libaanos itti fufa' - Ambaasaaddara US

    -

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Mariin Israa'elii fi Libaanos itti fufa - Ambaasaaddara US

    Israa'elii fi Libaanos dhiheenyatti Waashingitan keessatti marii dabalataa ni taasisu jedhamee eegama jedhan Ambaasaaddarri Ameerikaa Beeruut Miishel Issaa.

    Mariiwwan Waxabajjii 03 godhaman waliigaltee dhukaasa dhaabuu Israa'elii fi Libaanos gidduu jiru haaromsuun kan xumuraman ta'us, haleellaawwan gartuu lameen gidduutti raawwataman itti fufanii jiru.

    Issaan Wiixata kaleessaa Beeruut keessatti Pirezdantii Libaanos Joosef Aawun waliin kan wal argan yoo ta'u, Ambaasaaddarri Ameerikaa dhimma kanaan walqabatee ibsa kennaniin, lola dhiheenyatti ka'e dhaabuun mariin akka itti fufu ta'uu dubbataniiru, akkasumas mariin sun "karaa sirrii" irra akka jiru Aawuniif dhiheessaniiru.

    Issaan itti fufuun miidiyaaleef akka ibsanitti: "Bakka duubatti deebi'uun hin danda'amne irra geenyeerra – karaan banameera – Libaanos dhiphina keessaa akka baatu gargaaruu keenya ni itti fufna.

    "Aawun, gama isaaniitiin, yaada kaleessa CNN irratti maxxanfameen akka jedhanitti, dhimmi yeroo ammaa Israa'el waliin irratti mari'atamaa jiru waliigaltee wal waraansa dhiisuu (non-aggression pact) hundeessuu irratti kan xiyyeeffate yoo ta'u, itti fufuun "nagaa dhugaa fi guutuu" uumuuf akka ta'e dubbatan.

  5. Baha Jiddugaleessaatti wal dura dhaabbannaan itti fufe - Maaltu deemaara?

    -

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Baha Jiddugaleessaatti wal dura dhaabbannaan itti fufe

    Waraanni Israa'el kibba Libaanos irratti haleellaa itti fufee jira; kunis erga Iraan weerarri kun akka dhaabbatu gaafattee fi yoo dhaabbachuu baate "haaloo hamaa" akka baatu doorsistee guyyaa tokko boodadha.

    Waayee haleellaa Libaanos hanga ammaa kan beeknu kunooti:

    Kibbi Libaanos ni haleelame: Magaalaan gara kibbaa Naannoo Xaayir jedhamtu har'a ganama haleelamte; kunis erga humnoonni ittisa Israa'el (IDF) naannicha gadhiisanii akka ba'an akeekkachiisa dabarsanii sa'aatii muraasa keessatti haleellaa raawwatame dha.

    Miidiyaaleen Libaanos akka gabaasanitti, haleellaa garagaraa waraana Israa'eliin har'a ganama jalqaba irratti raawwatameen yoo xiqqaate namoonni sadii du'aniiru. Waraanni Israa'el garuu haleellaa Kibxataa irratti hanga ammaa yaada hin kennine.

    Iraanii fi Israa'el wal haleeluu dhaaban: Biyyoonni lameen erga Donaald Tiraamp Wiixata kaleessaa battala "walitti dhukaasuu" akka dhaaban gaafatetti wal haleeluu akka dhaaban beeksisanii turan.

    Loltoonni Iraan lama ajjeefaman: Miidiyaaleen Iraan akka gabaasanitti, loltoonni humna qilleensaa waraana biyyattii lama haleellaa Israa'el Wiixata kaleessaa raawwateen ajjeefamaniiru.

    Kunis erga dhukaasa dhaabuu dhiheenya kanaa as yeroo jalqabaatiif Iraanii fi Israa'el walitti dhukaasanii boodadha.

    Caccabuu helikooptara US: Gara biraatiin naannichatti, waraanni US sababa helikooptarri isaa kan Apache jedhamu Wiixata kaleessaa handaara galaanaa Omaanitti kufuu isaa qorachaa jira - miseensonni waraanaa lama nagaan oolaniiru.

    Tiraamp waliigaltee nagaaf ariifachaa jira: Kaleessa galgala, pirezidantiin US Ameerikaa fi Iraan "tarkaanfii dhumaa" waliigaltee irra ga'uu irratti akka argaman dubbatan.

    Har'a hamma ammaatti waan dhageenye hin qabnu. Ulaan Galaanaa Hormuz ammas cufaadha, miidhaan diinagdee isaas caalaatti hammaachaa dhufeera jechuun gulaalaan BBC idil-addunyaa gabaaseera.

  6. US dhimma xiyyaara Apache handaara galaanaa Omaanitti kufe qorachaa jirti

    -

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, US xiyyaara waraanaa Apache handaara galaanaa Omaanitti kufe qorachaa jirti

    Ajajni Giddugaleessaa Ameerikaa (Centcom) erga Helikoptarri Waraana Ameerikaa Apache jedhamu tokko Wiixata kaleessaa handaara galaanaa Omaanitti kufee caccabuu booda qorannoon akka jalqabe beeksiseera.

    Ibsa miidiyaa hawaasaa X irratti maxxanseen, Centcom namoonni lama balaa kanaan walqabatan "sa'aatii lama keessatti nagaan fuudhamuu" fi lamaan isaaniyyuu haala gaariirra akka jiran ibseera.

    Heelikoptarri kun wayita isaan eegumsaarra turanitti galaana qarqaratti akka baddee fi sababa balaa kanaas qorachaa akka jiran dubbateera.

    Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Traamp Wiixata galgala gaazeexeessitootatti akka himanitti, namoonni balaa kanaan walqabatan hundinuu "nagaa isaaniiti."

  7. Manni murtii Keeniyaa himannaa Pirezidaantii ittaanaa biyyattii aangorraa kaasuu deeggarus beenyaa Shilingii miliyeena 50 mureef

    Rigaatii Gachaaguwaa

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidaantii ittaanaan Keeniyaa Rigaatii Gichaaguwaa aangorraa akka bu'u himannaa bara 2024 irratti dhiyaate deeggarus maallaqa guddaa beenyaa mureef.

    Gachaaguwaan aangoo ittaanaa pirezidaantummaarraa akka ka'u kan godhame yakka hojjatee osoo hin taane, murtee siyaasaan shira irratti hojjatame ta'uu iyyatus Manni Murtii Olaanaa Keeniyaa iyyatasaa kana kufaa godheera.

    Haa ta'u garuu, Seeneetiin Keeniyaa yeroo ittaanaa pirezidaantiin dhukkubsatee jirutti mirgasaa kabajuu hin dide jechuun beenyaan Shilingii miliyeena 50 akka kaffalamuuf murteesse.

    Pireziddant Wiiliyaam Ruutoo aangotti dhufanii heddu osoo hin turin ittaanaansaanii Rigaatii Gachaaguwaa malaammaltummaa, mootummaa xiqqeessufi saba walitti buusuun mana maree biyyattii keessatti himanni irratti dhiyaate.

    Miseensonni paarlaamaa biyyattii heddu sagalee kennaniin akka Gachaaguwaan aangoo gadi dhiisu murteessan.

    Aangoo irraa kaafamuunsaa "bu'uura seeraa kan hin qabne" fi kaayyoo siyaasaa qabuudha jechuun sagaleensaas akka hin dhagahamne carraa dhorkamuu himata.

    Manni Murtii biyyattii garuu himannaasaa kana kufaa godhus, garuummoo beenyaa mureefii jira.

  8. Iraan haleellaa dhaabdus Israa'el kibba Libaanos haleeluun namoota sadi ajjeeste

    Haleellaa Israa'el magaalaa Libaanos Nabaatihee irratti raawwatte

    Madda suuraa, Reuters

    Miidiyaan mootummaa Libaanos NNA jedhamu akka gabaasetti haleellaa Israa'el ganama kana Kibba Libaanos keessatti raawwatteen namoonni sadi ajjeefamaniiru.

    Akka gabaasa miidiyaa kanaatti naannawa Taayer, baha al-Massaken al-Shaabiya jedhamu keessatti gamoowwan hedduun haleellaa Israa'eliin manca'aniiru.

    Ganama har'aa magaalaa Kfar Roummane jedhamu keessattis haleellaan raawwachuu gabaase.

    Ministeerri Fayyaa Libaanos Wiixata haleellaa raawwateen namoonni 14 ajjeefamuu ibsee ture.

    Iraan fi Israa'el erga dhukaasi ji'oota lamaaf dhaabatee booda kaleessa wal haleelanis deebi'anii dhaabaniiru.

    Iraan haleellaa akka dhaabdu, garuu Israa'el Libaanos haleeluu itti fufti taanaan akka haleellaatti deebitu akeekkachiifteetti.

  9. Israa'el akeekkachiisa Iraan diduun jiraatonni kibba Libaanos keessaa akka bahan ajajje

    Haleellaa Israa'el magaalaa Xiiroos irratti gaggeessite

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Humni Waraana Israa'el jiraattonni magaalaa kibba Libaanositti argamtu Xiiros [Taayir] keessaa akka bahan ajaja dabarse.

    Israa'el ajaja kana dabarsuunshee erga Iraan haleellaan Libaanositti gaggeeffamu yoo itti fufe Israa'el akka haleeltu beeksistee guyyaa tokko booda.

    Iraanifi Israa'el kaleessa haleellaa walirratti gaggeessan erga dhaabuu beeksisanii boodadha Israa'el Kibba Libaanositti haleellaa gaggeessuuf akeekkachiisa kan kennite.

    Haleellaa Israa'eel magaalaa Beerut irratti raawwatte hordofee Iraan misaa'elaan Israa'el haleelte.

    Israa'elis deebii kennuun magaalota Iraan erga haleeltee booda Tiraamp gidduu galuun dhaabsise.

    Iraan haleellaa Israa'el irratti gaggeessitu yeroo dhaabdu haal-dureen isheen keesse, Israa'el Libaanositti haleellaa gaggeessuu yoo itti fufte "Israa'el irratti haleellaa laalessaa ta'e nan gaggeessa" jette.

    Tiraamp kaleessa, Wiixata, biyyoonni lamaanuu hatattamaan haleellaa akka dhaaban dubbachuun matriin Iraan waliin gaggeeffamu itti fufuu beeksise.

    Israa'el Kibba Libaanos keessaa jiraattonni akka bahaniif akeekkachiisa haaraa kennuu hordofee Iraan ammatti homaa hin jenne.

  10. Erga Iraan fi Israa'el walirratti dhukaasanii booda Tiraamp ''qalbiitti deebi'uu qabna'' jechuun Neetaaniyaahuu akeekkachiise

    Iraan fi Israa'el erga dhukaasi dhaabbatee ji'a lama booda haleellaa walirratti kan banan Dilbata (Waxabajjii 7) halkan irraa eegaluun yoo ta'u, hanga Wiixataatti erga wal haleelanii booda dhaabaniiru.

    Biyyoonni lameen wal haleeluutti deebi'uu booda BBC'f bilbilaan yaada kan kenne Tiraamp, ''qalbii keenyatti (ofitti) deebi'uu qabna,'' jechuun akka bilbilaan MM Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuutti hime ibse.

    Kaaba Ameerikaatti gulaaltuu BBC kan taate Saaraa Ismiiz, Tiraamp dhukaasi akka dhaabbatuuf akkamiin Neetaaniyaahuurraatti dhiibbaa akka uume gaafatte.

    ''Kanan jedhe 'qalbii keenyatti haa deebinu'. Waliigaltee akkaan cimaa ta'e mallatteessuutti dhihaanneerra, Waliigaltee gaarii,'' jechuun deebise.

  11. Yooyyaa!

    Baga nagaan gara tamsaasa kallattii keenyaatti dhuftan.

    Tamsaasa kallattii kanaan dhimmoota waraana US-Israa'el fi Iraaniin walqabatan irratti xiyyeeffanna.

    Iraan fi Israa'el ji'oota lama booda yeroo jalqabaaf haleellaa walirratti eegalanis amma dhaabaniiru.

    Garuu qoccolloon akkuma itti fufetti jira. Mariin US fi Iraanis gar tokkotti hin baane.

    Kunneen hordofnee isin biraan geenya.

    Odeessaalee kaan dubbisuuf: