Dirooniin galaanarraa garee balallii helikoptera waraanaa Ameerikaa kuftee baraarte

Helikooptera waraanaa Ameerikaa AH-64 Apache jedhamtu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Helikooptera waraanaa Ameerikaa AH-64 Apache jedhamtu
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Gareen balaliistota helikooptera Ameerikaa lama Wiixata kaleessaa naannoo Hulaa Hormuuzitti kuftee baraaraman.

Garee kana kan baraare ammoo diroonii galaanarraa Ameerikaati. Qondaalonni mootummaa miidiyaa michuu BBC tahe CBStti akka himanitti, oppireeshiniin baraaruu akkanaa humna waraanaa Ameerikaan yeroo jalqabaaf gaggeeffame.

Ajajni Gidduugalaa Ameerikaa 'Centcom' ''loltoonni lama haala nagaa qabuun baraaramaniiru,'' jedhe. Xiyyaarichi kufee sa'a lama keessatti baraamuu kan hime ajajichi haala gaarii irratti argamu jedhe.

Xiyyaarri waraanaa Ameerikaa AH-64 Appaachee jedhamtu Omaan cinatti kuftee caccabde.

Xiyyaarittiin osoo qaama bishaanii naannichaa to'achaa jirtuu akka kufte ibse ajaji gidduugalaa Ameerikaa.

Helikoopterri kun rakkoo teeknikaa ykn mekaanikaalaa biraaf saaxilamuu fi rakkoo biraa godhachuu hin baramne.

Haleellaa Iraaniin kufte moo kan biraan kan jehdu adda baasuuf qoratamaa jira.

Ibsa Kibxata har'aa kenneen Ajajni Gidduugaleessaa Ameerikaa gareen balalii helikooptericha irra turanii nagumaan baraaramuu ibse.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hojiin lubbuu baraaruu kun Ajaja Gidduugalaa Humna Galaanarraa Ameerikaa fi Kutaa Humna Qilleensaa 82ffaa jedhamuun gaggeeffame. Humna Waloo Galaanarraa 59 jedhamus oppireehsinicha keessatti hirmaataniiru.

Namoonni lamaan kan baraaraman diroonii nama hin qabne bakka isaan jiranitti ergamtee fi oppireehsiniin isaa Humna Waloo Galaanarraa 59 jedhamuun gaggeefameen akka tahe qondaalonni mootummaa dubbataniiru.

Humni kun Task Force 59 jedhama. Nageenya galaanarraa Baha Gidduugaleessaa mirkaneessuuf jecha humna addaa ijaaramedha. Kunis diroonii nama ofirraa hin qabne bobbaasuun oppireeshinii namaan gaggeeffamu biraan deeggaramee hojjeta.

Dirooniin kun waan akkamii akka tahe himuu baatanis qondaalonni mootummaa akka jedhanitti diizaayinii akka bidiruu saffisa qabduu akka taate himan.

Tiraamp namoonni lamaan naguma baraaramuu himuun sababni balichaa kan ibsamu taha jedhan.

Ameerikaan erga waraanni Iraan jalqabee xiyyaarota hedduu dhabdeetti. Garuu balaliistonni ishee xiyyaarota kufan keessatti lubbuun darbe hin jiru.