Israa'el fi Iraan wal-haleelunsaanii Iraan wal-tajjii mariirratti cimtee akka baatu taasisaa?

Ibsa waa'ee viidiyoo, Daawwadhaa: Neyaaniyaahuun waanan ani godhi jedheen hin didu jedhe Tiraamp
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Israa'elifi Iraan erga walitti dhukaasanii booda ammaaf nu gaha jedhaniiru. Tiraamp Beeniyaamiin Netaaniyaahutti bilbiluun Iraanirratti haleellaa dabalataa akka hin gaggeessine waliin dubbatan.

Israa'el Beerut haleeluu hordofee Iraan waliigalteen dhukaasa dhaabuu cabe jechuun misaa'eloota Israa'etti dhukaaste. Israa'el ammoo haaloo bahuun xayyaarota waraanaa bobbaastee buufataalee waraanaa Iraan haleeluu ibsite.

Muddamni irra deebiin ka'e waa'ee waraanichaa ilaalchisee waa sadi kan namatti agarsiisudha:

  • Tiraamp hariroo michuusaa Israa'el waliin qabu sadarkaa itti uummata duratti dubbatee ture sanaan itti fufsiisuu hin danda'u ykn hin barbaadu, marii Iraan waliin gaggeessu irraas abdii hin kutanne.
  • Tehraan ammoo dhimma Hezbollaa akka ijjannoo cimaatti kaasuun balaa itti dhufuuf fudhachuuf of qopheessaa jirti.
  • Fedhiin Tiraamp waliigalteen Iraan waliin taasifamu dafee akka xumuramu barbaadu dhiyootti waan ta'u hin fakkaatu, Iraan ammoo Tiraamp fedhiin inni waraanatti deebi'uuf qabu gadi aanaa akka ta'e hubattee kanatti fayyadamuu barbaaddi.

Iraan Israa'eel irratti haleellaa misaa'ee raawwachuun erga dhagahamee booda, Tiraamp Beeniyaamiin Netaaniyuuf bilbilee haleellaa haaloo bahuu akka hin fudhanne akka itti dubbatee ture.

Boodarra yaada BBCf kenneen, yeroo Netaaniyaahuuf bilbilu xayyaaronni waraanaa Israa'el haleellaa gaggeessuf karaarra turan waan ta'eef deebisuu akka hin dandeenye hime.

Gama biraan ammoo Tiraamp, "Yoon Netaaniyaahuun akka waa godhu itti hime diduu hin danda'u" jedhee ture isa jedhu ammoo ni haale.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Daawwadhaa: Tiraamp waraana Iraan to'achuu dadhabee?

Torban darbe Israa'el Beerut irratti haleellaa raawwachuusheef Netaaniyaahuun jecha arrabsoon itti dubbachuunsaa gabaafamee ture.

Netaaniyaahuun ammoo sababa Hezbollaan yaaddo nageenyaa uumeef Beeruuf haleeluun dirqama akka ture ibse.

Deeggartootsa mootummaa Iraan

Madda suuraa, Anadolu via Getty Images

US bakka bu'uun marii garaagaraa irratti hirmaachuun kan beekamu Aaroon Deevid Miilar BBCtti akka himetti, Tiraamp "hayyama xiqqoosheellee haa ta'u malee" osoo Netaaniyaahuf hin kennin Israa'el Iraanirratti tarkaanfii hin fudhattu.

Erga weerara Iraaqii as US humna waraanaa guddaa Baha Giddugalaa keessa buufate qabdi.

Akkasumas waraana US waliin osoo odeeffannoo waliif hin qoodin haleellaa akka hin raawwanne ibsa.

Humni Waraanaa Israa'el Iraanirratti haleellaa erga raawwatee booda humnoota US naannicha jiran waliin qindoominaan haleellaa gaggeessuu beeksise.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Wiixata waare booda Iraanifi Israa'el lamaansaanituu haleellaa walirratti gaggeessan yeroof dhaabuu ibsamn.

Biyyooni lamaanuu jechasaanii kana akka kabajan barbaada Tiraamp.

Iraan haleellaa raawwattee booda deebiin osoo hin kennaminiif yoo hafe Iraan onneetu itti dhagahama kan jedhu qabdi Israa'el.

Iraaniif ammoo kun murteessadha. Haleellaa Libaanos irratti gaggeeffameef Israa'eel haleeluunshee kun kan jalqabaati.

Iraan waliigalteen dhukaasa dhaabuu kan US waliin qabdu qofa osoo hin taane, michuunshee Hezbollaanis Libaanoos keessatti waraana Israa'eliin akka hin haleelamne sarara diimaa biraa kaa'uu barbaaddi. Kanaaf ammoo humnashee bifa haaraan agarsiisuu barbaaddi. Kanumaaf jechas Israa'el irratti dursitee dhukaaste.

Kanagochuusheen gama biraan deebiin Tiraam maal ta'inna kan jedhus ilaaluu barbaadde.

Haleellaa deebii kennuu Israa'el Iraanirratti gaggeessituuf Ameerikaan hammam Israa'el gargaarti?

Ameerikaan ofiidhumasheetuu Israa'el gargaartee haleellaa gaggeessitii? kanneen jedhan waan Iraan qortee ilaaluu barbaaddu fakkaata.

USfi Israa'el gidduutti hammuma ataakaaroon hammaataa deeme, Iraaniif gaarii ta'e.

Tiraamp Israa'el gargaarees Iraanitti hin dhukaasne- irraa of fageessuu barbaade- dippilomaasiif dursi akka kennamu filate.

Iraan haleellaan isheen Israa'el irratti gaggeessite ammayyuu humna akka qabduufi marii US waliin godhamurratti dhimma Hezbollaa akka fedhiishee dhiisuu hin dandeenyetti ibsachuuf ishee gargaaruu akka danda'a.